LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g18 Lakk. 2 ful. 11
  • 8 Fakkeenya Taʼuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 8 Fakkeenya Taʼuu
  • Dammaqaa!—2018
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MAAL JECHUUDHA?
  • BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • WANTA GOCHUU DANDEESSAN
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Waaʼee Waaqayyoo Ijoollee Barsiisuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Malawwan Caalaatti Buʼa Qabeessa Taʼan Kamfaʼi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Barsiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2018
g18 Lakk. 2 ful. 11
Intalli tokko iddoo abbaan ishii ejjete ejjechaa isa duukaa deemti

Ijoollee keessaniif fakkeenya akkamii taʼaa jirtu?

WARRAAF

8 FAKKEENYA TAʼUU

MAAL JECHUUDHA?

Warri fakkeenya taʼan wanta barsiisan hojiirra oolchu. Fakkeenyaaf, nama mana kee dhufe tokko haasofsiisuu waan hin barbaanneef, ‘Mana hin jiru jedhii itti himi’ yommuu jettu ilmi kee yoo si dhagaʼe, dhugaa akka dubbatu isarraa eeguu hin dandeessu.

“Jechamni baramaan, ‘Wantan sitti himu godhi malee, wanta ani godhu hin godhin’ jedhu jira. Kun garuu ijoolleedhaaf hin hojjetu. Isaan akkuma ispoonjii wanta nuti dubbannuu fi goonu hunda ofitti fudhatu; wanti goonu wanta isaan barsiisuuf yaallu wajjin yeroo wal hin simnetti nutti himu.”—Deevid.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Ati inni, ‘Hin hatin’ jettee lallabdu, ni hattaa?”—Roomaa 2:21.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Ijoollee xixinnoo fi ijoollee umurii waggoota kurnanii keessa jiranirratti, hiriyoota isaanii dabalatee nama kan biraa caalaa warratu dhiibbaa gochuu dandaʼa. Kana jechuun ijoollee keessan daandii sirrii irra qajeelchuuf gaʼee guddaa qabdu jechuudha; kun kan taʼu garuu wanta barsiistan yoo hojiirra oolchitanidha.

“Wanta tokko irra deddeebinee mucaa keenyatti erga himnee boodallee nu dhagaʼeeraa laata jennee yaadna taʼa; mucaan keenya garuu wanta dubbannee utuu hin raawwatin hafne tokko tokkoon beeka. Yeroo nuti hin yaadnettillee, ijoolleen wanta nuti goonu hundumaaf xiyyeeffannaa kennu.”—Nikool.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . kan hin fakkeessine dha.”—Yaaqoob 3:17.

WANTA GOCHUU DANDEESSAN

Ulaagaalee keessan gamaaggamaa. Qophiin bashannanaa isin ilaaltan kan akkamiiti? Hiriyaa gaaʼelaa fi ijoollee keessan kan qabdan akkamitti? Michoonni keessan namoota akkamiiti? Namoota kaaniif ni yaadduu? Gabaabumatti, nama ijoolleen keessan akka taʼan barbaaddan isin taatanii ni argamtuu?

“Anii fi abbaan manaa koo ulaagaa nuti hin hordofne ijoolleen keenya akka eegan isaanirraa hin eegnu.”—Kiristiin.

Dogoggora keessaniif dhiifama gaafadhaa. Ijoolleen keessan mudaa akka qabdan beeku. Yeroo barbaachisaa taʼutti hiriyaa gaaʼelaa fi ijoollee keessaniin, “Dhiifama” jechuudhaan haqa qabeessa taʼuu fi gad of qabuu ilaalchisee barumsa barbaachisaa barsiisuu dandeessu.

“Ijoolleen keenya dogoggora keenya amannee yommuu fudhannuu fi dogoggora keenyaaf yommuu dhiifama gaafannu dhagaʼuu qabu. Taʼuu baannaan isaanis yeroo dogoggora raawwatanitti amananii hin fudhatan.”—Roobiin.

“Warra waan taaneef, ijoollee keenyarratti dhiibbaa guddaa gochuu dandeenya; kanaafimmoo hunda caalaa kan nu gargaaru fakkeenyummaa keenyadha; sababiin isaas, isaan yeroo hunda wanta raawwannu ni argu. Akkuma kitaaba yeroo hunda banamee jiruu fi yeroo hundumaa irraa barachuu dandaʼaniiti.”—Weendal.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi