LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 1 ful. 4
  • Wantoonni Dhiphinaaf Sababa Taʼan Maalfaʼi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wantoonni Dhiphinaaf Sababa Taʼan Maalfaʼi?
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Haala Dhiphisaa Mana Barumsaatti Na Mudatu Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Dhiphinni Maalidha?
    Dammaqaa!—2020
  • Ni Dhiphattaa?
    Dammaqaa!—2020
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 1 ful. 4

DHIPHINARRAA BOQONNAA ARGADHU

Wantoonni Dhiphinaaf Sababa Taʼan Maalfaʼi?

Kilinikni beekamaan Maayoo Kilinik jedhamu, “gaʼeessonni baayʼeen dhiphina cimaa keessa akka jiran gabaasuu isaanii” dubbateera. “Jireenyi addunyaa yeroo ammaa jiru jijjiiramaa fi haalawwan amansiisoo hin taaneen kan guutamedha.” Mee jijjiiramoota, akkasumas haalawwan amansiisoo hin taanee fi dhiphinaaf gumaacha godhan tokko tokko haa ilaallu:

  • wal hiikuu

  • nama jaallatan duʼaan dhabuu

  • dhukkuba cimaa

  • balaa cimaa

  • yakka

  • muddama jireenyaa

  • balaa uumamaa ykn nam-tolchee

  • dhiibbaa mana barumsaatti ykn bakka hojiitti mudatu

  • waaʼee hojii fi qarshii yaaddaʼuu

“HOJIIRRAA ARIʼAMUU”

Waldaan Xiinsammuu Ameerikaa akka gabaasetti “namni tokko hojiirraa ariʼamuun isaa dhukkuba qaamaa, rakkina gaaʼelaa, yaaddoo, dhiphina sammuu fi of ajjeesuufillee isa saaxiluudhaan jireenya isaa mancaasuu dandaʼa. Haalli akkasii guutummaa jireenya isaarratti dhiibbaa geessisa.”

IJOOLLUMMAATTI DHIPHACHUU

Ijoolleen dhiphinaan rakkachuun isaanii baramaadha. Tokko tokko mana barumsaatti doorsifamuu ykn manatti xiyyeeffannaan kennamuufii dhiisuu dandaʼa. Kaanimmoo miidhaan qaamaa, miiraa ykn saalaa isaanirra gaʼa. Ijoollee baayʼeen waaʼee qormaataa fi qabxii mana barumsaa ni yaaddaʼu. Warri isaanii wal hiikuudhaan yommuu addaan baʼan kan arganis jiru. Ijoolleen dhiphatan abjuu hamaadhaan rakkachuu, barumsa fudhachuuf rakkachuu fi dhiphina sammuu qabaachuu ykn warra kaanirraa adda of baasuuf qoramuu dandaʼu. Isaan keessaa tokko tokko miira isaanii toʼachuu waan hin dandeenye fakkaata. Mucaan dhiphinaan rakkachaa jiru tokko gargaarsi hatattamaa isa barbaachisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi