Seensa
Namni kam iyyuu yeroo taʼe tokkotti, wanti gaddisiisaan, tarii dhukkubni, balaan nam-tolchee, balaan uumamaa ykn yakki isa mudachuu dandaʼa.
Namoonni dhimmoota armaan gadiif deebii barbaadu.
Namoonni tokko tokko rakkinni nu irra gaʼu dursee akka murtaaʼe ykn wanta nu irra gaʼu matumaa hambisu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama.
Namoonni kaan immoo, rakkinni kan nu irra gaʼu wanta gadhee jireenya keenya duraanii keessatti raawwanneen kan kaʼe akka taʼe dubbatu.
Haalli gaddisiisaan yeroo baayʼee namoonni gaaffiiwwan hedduun akka isaanitti uumaman godhu.