Akkaataa Dhiheenyaa
Sanbadduraa Isa Jalqabaa jiʼa Adoolessaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Namoonni nuti haasofsiisnu Macaafa Qulqulluu ilaalchisee yaada addaddaa qabu. Tokko tokko dubbii Waaqayyoo akka taʼetti kan ilaalan siʼa taʼu, kaanimmoo akkuma kitaabota kaaniitti ilaalu. Atoo Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabda?” Hanga deebii kennutti eegi. [Mataduree fuula dhumaa Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjiirratti argamu itti argisiisi.] Achiis gaaffii jalqabaa jala yaada jirurratti akkasumas yoo xinnaate caqasa tokkorratti waliin mariʼadhaa. Barrucha erga kenniteefii booda gaaffii ittaanurratti waliin mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Ebla-Waxabajjii
“Wanta hunduma keenya tuqu, jechuunis nama jaallatan duʼaan dhabuu ilaalchisee namootaa wajjin mariʼachaa jirra. Michuu jallatan duʼaan dhabuun wanta baayʼee ulfaataa taʼeefi gadda guddaa geessisudha yoo jedhame irratti walii hin galtuu? [hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baayʼeen caqasa Macaafa Qulqulluu kanarraa jajjabina argataniiru. [Isaayaas 25:8 dubbisi.] Barruun kun abdii Macaafni Qulqulluun duʼi akka baduufi namoonni jaallatamoon nu jalaa duʼan deebiʼanii akka jiraatan kennuu ibsa.”
Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii
“Kan nuti dhufne rakkina namoota hedduu mudachaa jiru ilaalchisee maree gabaabaa sii wajjin gochuufidha. Yeroo harʼaa wanta fedheyyuu raawwachuuf yeroon kan nama hin geenye fakkaata. Yeroon kan nutti hirʼatu wanta hojjennu baayʼee waan qabnuufimoo yeroo waan gubnuufidha? [hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baayʼeen Macaafni Qulqulluun gorsa yeroo keenyatti akka gaariitti gargaaramuuf nu gargaaru akka kennu hin beekan. Mee fakkeenyaaf caqasa kana haa ilaallu. [Filiphisiiyus 1:10a.] Barruun kun malawwan namoonni baayʼeen yeroosaaniitti ogummaadhaan fayyadamuuf isaan gargaaran afur ibsa.”