Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Namoonni hedduun Yesus Ilma Waaqayyoo akka taʼe ni amanu. Warri kaan garuu hin amanan. Haataʼu malee Yesus Ilma Waaqayyoo kan jedhame maalif akka taʼe beektaa?” Hanga deebii kennutti eegi. Barruu Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii kenniifiitii mataduree fuula dhumaarra jiru itti argisiisi; achiis yaada mataduree xiqqaa jalqabaa jala jirurratti erga mariʼattanii booda, yoo xiqqaate caqasa tokko waliin dubbisaa. Dhumarratti gaaffii ittaanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Hubachiisa: Hojiin argisiisni kun, jiʼi seenee Sanbadduraa isa jalqabaarratti walgaʼii tajaajilaarratti dhihaachuu qaba.
Masaraa Eegumsaa Ebla-Waxabajjii
“Namoonni tokko tokko, ‘Duʼaa kaʼuun Yesus dhugumaan raawwatamuusaa akkamitti beekna?’ jedhanii gaafatu. Atoo gaaffii akkasii gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Deebii kanaa beekuun maaliif akka barbaachisu hubadhu. [1 Qorontos 15:14 dubbisi.] Barruun kun duʼaa kaʼuun Yesus dhugumaan raawwatamuusaa akkamitti beekuu akka dandeenyu ibsa.”
Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii
“Yeroo harʼaa ijoollee guddisuun ulfaataadha yoo jedhame dhugaa sitti hin fakkaatuu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Warri hedduun Macaafa Qulqulluurraa gorsa gaarii argataniiru. Fakkeenyaaf caqasni kun, abbootiin carraa argatanitti fayyadamanii ijoolleesaanii akka galateeffataniifi akka isaan ofitti amanannaa qabaatan godhanii guddisuuf isaan gargaara. [Qolosaayis 3:21 dubbisi.] Matadureen kun seerawwan buʼuuraa abbootii gargaaruu dandaʼan shan ibsa.”
Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
“Namoota naannoo keessanitti argamaniif yaada nama jajjabeessuufi Macaafa Qulqulluurraa arganne hiraa jirra. Namoota haasofsiisne keessaa baayʼeensaanii ‘Waaqni jaalala qabeessa taʼe rakkinni yommuu akkas baayʼatu maaliif callisee ilaala?’ jedhanii gaafatu. Waaqayyo jalqaba yommuu nama uume rakkinaa wajjin waan uume sitti fakkaataa?” Hanga deebii kennutti eegi. Achiis barumsa 5ffaa baasuudhaan keeyyata jalqabaa lamaaniifi caqasoota dalga ciibsamanii barreeffamanirratti mariʼadhaa. Sana booda birooshuricha kenniifiitii gaaffiiwwan itti aananii jiraniifi qubee fufurdaadhaan barreeffamanirratti mariʼachuuf beellama qabadhaa.