LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 2 ful. 6-7
  • 1. Rakkina Keenyaaf Waaqayyotu Itti Gaafatamaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1. Rakkina Keenyaaf Waaqayyotu Itti Gaafatamaa?
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?
  • Mee Yaadi
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2020
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Rakkina Nu Irra Gaʼuuf kan Itti Gaafatamu Waaqayyo Dhaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 2 ful. 6-7
Lubni tokko mana sagadaa keessatti kitaaba Qulqulluu qabachuudhaan namoota gaddan dura dhaabatee lallabaa jira.

1. Rakkina Keenyaaf Waaqayyotu Itti Gaafatamaa?

Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?

Namoonni baayʼeen rakkinaa nu irra gaʼuuf Waaqayyotu itti gaafatama jedhanii waan yaadaniif Waaqayyotti hin amanan.

Mee Yaadi

Kallattiidhaanis taʼe karaa kallattii hin taaneen geggeessitoonni amantii hedduun rakkina keenyaaf kan itti gaafatamu Waaqayyo akka taʼe barsiisu. Fakkeenyaaf tokko tokko akkas jedhu:

  • Balaan uumamaa adaba Waaqayyoo ti.

  • Ijoolleen kan duʼan Waaqayyo samii irratti maleekota dabalataa waan barbaaduufi dha.

  • Waaqayyo garee tokko deggeree waraana isa rakkina guddaadhaaf sababa taʼu irratti hirmaata.

Taʼus, geggeessitoonni amantii wanti isaan waaʼee Waaqayyoo barsiisan soba taʼuu dandaʼaa? Waaqayyo biratti fudhatama hin qaban yoo taʼe hoo?

CAALAATTI BARADHU

Viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhu jw.org irraa ilaali.

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Rakkina keenyaaf sababa kan taʼe Waaqayyo miti.

Inni akkas godheera yoo taʼe, amalawwan isaa warra Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii wajjin wal faallessa. Fakkeenyaaf:

“Karaan [Waaqayyoo] hundinuus qajeelaa dha . . . inni dhuga qabeessaa fi qajeelaa dha.”—KEESSA DEEBII 32:4.

“Jal’inni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa danda’u irraa haa fagaatu!”—IYOOB 34:10.

“Inni hundumaa danda’u dhugaa hin jalʼisu.”—IYOOB 34:12.

Amantiin sirriitti Waaqayyoon bakka hin buune isa biratti fudhatama hin qabu.

Kunis amantiiwwan Waaqayyo rakkina keenyaaf sababa akka taʼe barsiisanii fi warra waraanaa fi jeequmsa irratti hirmaatan dabalata.

“Raajonni sun maqaa kootiin raajii sobaa dubbatan malee, ani isaan hin ergine, ani isaan hin abboomne, isaanittis hin dubbanne; isaan mulʼata sobaa, . . . gowwoomsaa garaa isaanii keessatti yaadanii qopheessanis isinitti raajii in dubbatu.”—ERMIYAAS 14:14.

Yesuus fakkeessaa amantii balaaleffateera.

“Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu qofa malee, namni ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi Mootummaa samiitti hin galu. Guyyaa sanatti namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nuti maqaa keetiin raajii hin dubbannee? Maqaa keetiin jinniiwwan hin baasnee? Maqaa keetiin dinqiiwwan hedduu hin hojjennee?’ naan jedhu. Yeroo sanatti ani immoo, ‘Isin warra hamaa hojjettan nana! Na biraa badaa, ani matumaa isin hin beeku!’ isaaniin nan jedha.”—MAATEWOS 7:21-23.

Rakkina keenyaaf Waaqayyootu itti gaafatamaa?

Abbaan tokko ijoollee isaa ni guddisa akkasumas wanta isaan barbaachisu akka gaariitti isaaniif guuta haa jennu. Yeroo booda ilmi isaa tokko didaa taʼee manaa baʼee, jireenya miidhaa guddaa isa irraan gaʼu jiraachuuf filate. Amala ilma isaa kanaaf kan itti gaafatamu abbaa kanadhaa? Ilmi kun sababii gocha isaatiin wanta isa irra gaʼuuf abbaa isaa komachuu dandaʼaa? Haaluma wal fakkaatuun rakkina keenyaaf Waaqayyoon komachuu hin dandeenyu.

Maarree, kana jechuun rakkina keenyaaf nutu itti gaafatama jechuudhaa?

Gaaffii 2⁠ffaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi