LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 2 ful. 4-5
  • Namoonni tokko tokko maal jedhanii amanu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni tokko tokko maal jedhanii amanu?
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Warri Hinduu
  • Musliimonni
  • Barsiifanni Yihudootaa
  • Budistoonni
  • Konfiyuushinoonni
  • Amantiiwwan gosaa tokko tokko
  • Kiristiyaanonni
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • 4. Akka Rakkannuuf Uumamnee?
    Dammaqaa!—2020
  • Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 2 ful. 4-5
Mallattoowwan amantii Budiizimii, Hinduuʼiizimii, amantiiwwan gosaa, Yihudii, Kiristiyaanummaa, Islaamummaa fi Konfishiyaanizimii.

Warri Tokko Tokko Maal Jedhanii Amanu?

Warri Hinduu

Mallattoo Hinduuʼiizimii.

namni tokko rakkinni kan isa irra gaʼu, jireenya amma jiraatu ykn isa duraan jiraatetti wanta raawwateen kan kaʼe dha jedhanii amanu. Namni tokko wantoota foonii yaaduu dhiisuudhaan, sadarkaa mookshaa irra gaʼuu, jechuunis deddeebiʼanii dhalachuu irraa bilisa taʼuu dandaʼa.

Musliimonni

Mallattoo Islaamummaa.

rakkinni adaba cubbuu fi qorumsa amantii akka taʼetti ilaalu. Doktar Siyaad Siyeed Pireezidaantiin Waldaa Musiliimaa Kaaba Ameerikaa, balaawwan “eebba Waaqayyo irraa arganne hundaaf isa galateeffachuu fi warra rakkatan gargaaruu akka qabnu” nu yaadachiisu jedhaniiru.

Barsiifanni Yihudootaa

Mallattoo Yihudii.

rakkinni kan maddu gocha namni tokko ofuma isaa raawwatu irraa akka taʼe ibsa. Yihudoonni tokko tokko duʼaa kaʼuun akka jiruu fi sana booda warra rakkinni irra gaʼeef haqni akka kennamu dubbatu. Yihudoonni Kaabaalistoota jedhaman, namni duʼe tokko karaa riiʼinkaarneeshinii yommuu dhalatu hundatti cubbuu isaatiif araara argachuuf carraa argata jedhanii barsiisu.

Budistoonni

Mallattoo Budiizimii.

namni tokko gocha, miiraa fi hawwii dogoggoraa irraa hanga bilisa taʼutti, siʼa baayʼee deddeebiʼee dhalachuudhaan jireenya dabarsu keessatti dhiphachuu isaa itti fufa jedhu. Namni tokko ogeessa taʼuu, hojii gaarii hojjechuu fi sammuu isaa toʼachuudhaan sadarkaa nirvaanaa irra gaʼuu, jechuunis rakkina hunda irraa bilisa taʼuu dandaʼa jedhu.

Konfiyuushinoonni

Mallattoo Konfishiyaanizimii.

rakkinni hedduun “hanqinaa fi dogoggora namootaatiin” dhufa jedhanii akka amanan Dikshinariin Kompaaraatiiv oov Riliijin jedhamu ibseera. Akka barumsi isaanii jedhutti, jireenya gaarii jiraachuudhaan rakkina hirʼisuun kan dandaʼamu taʼus, rakkinni hedduun kan dhufu “qaamota hafuuraa humna namaatii ol taʼan irraa ti. Namni tokko yeroo akkasiitti carraa isaaf murtaaʼe mamii tokko malee fudhachuu qaba.”

Amantiiwwan gosaa tokko tokko

Mallattoo amantiiwwan gosaa.

rakkinni kan dhufu gocha hafuurota hamootiin akka taʼe ibsu. Akka amantiiwwan kanaatti, falfaltoonni carraa gaarii ykn badiisa fiduu kan dandaʼan siʼa taʼu, sirna waaqeffannaa garagaraatiin gocha isaanii daangessuun ni dandaʼama. Namni tokko yommuu dhukkubsatu, sirni waaqeffannaa raawwatamuu fi qorichi falfaltoonni kennan gocha hafuurota hamoo fashaleessuudhaan namicha gargaara jedhamee amanama.

Kiristiyaanonni

Mallattoo Kiristiyaanummaa.

rakkinni kan dhufu, cubbuu namoota jalqabaa Kitaaba Uumamaa irratti ibsaman lama irraa ti jedhu. Taʼus, amantiiwwan hedduun barumsa kana irratti yaada ofii isaanii dabalaniiru. Fakkeenyaaf, Kaatolikonni tokko tokko Waaqayyo waldaa fayyaduuf ykn nama kan biraa fayyisuuf, rakkina nu irra gaʼutti akka fayyadamu ‘Waaqayyoof dhiheessuun’ ni dandaʼama jedhu.

CAALAATTI BARADHU

Viidiyoo Waaqayyo Waaqeffannaa Gosa Hundaa ni Fudhataa? jedhu jw.org irra ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi