LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 2 ful. 10-11
  • 3. Namoonni Gaariin Kan Rakkatan Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 3. Namoonni Gaariin Kan Rakkatan Maaliifi?
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?
  • Mee Yaadi
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • 4. Akka Rakkannuuf Uumamnee?
    Dammaqaa!—2020
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2020
  • Rakkinni kan Nu Irra Gaʼu, kan Dulloomnuu fi kan Duunu Maaliifi?
    Dammaqaa!—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 2 ful. 10-11
Maatiin tokko ilma isaanii isa harki isaa tokko irraa muramee siree hospitaalaa irra ciisu ilaalaa jiru.

3. Namoonni Gaariin Kan Rakkatan Maaliifi?

Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?

Namoonni gaariin rakkachuun isaanii haqa akka hin taane nutti dhagaʼama. Namoonni tokko tokko, rakkachuun isaanii erga hin oollee nama gaarii taʼuun barbaachisaa akka hin taane isaanitti dhagaʼama.

Mee Yaadi

Namoonni tokko tokko jireenyi ilmaan namootaa duʼuu fi deebiʼanii dhalachuu qofa akka taʼe amanu. Warri wanta gaarii hojjetan haala gaarii keessatti deebiʼanii dhalatu, warri wanta gadhee hojjetan immoo haala rakkisaa keessatti deebiʼanii dhalatu jedhu. Akka amantii kanaatti namoonni gaariin illee “jireenya isaanii darbe keessatti” wanta gadhee hojjetaniiru yoo taʼe, rakkachuu dandaʼu. Haa taʼu malee . . .

  • Namni deebiʼee akka dhalate yaadamu tokko jireenya isaa isa darbe hin yaadatu illee yoo taʼe, rakkachuun isaa faayidaa maalii qaba?

  • Nageenyi keenya irra caalaan wanta jireenya keenya duraa keessatti raawwanne irratti kan hundaaʼe erga taʼee, fayya buleeyyii taʼuu fi balaa nu irra gaʼu hambisuuf jabaannee kan hojjennu maaliifi?

    CAALAATTI BARADHU

    Viidiyoo Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? jedhu jw.org irraa ilaali.

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Rakkinni adaba Waaqayyoo miti.

Kanaa mannaa, garri caalaan isaa akka tasaa kan mudatu siʼa taʼu, yeroo baayʼee immoo namni tokko yeroo sirrii hin taanetti bakka sirrii hin taanetti argamuu isaatiin kan kaʼe isa irra gaʼa.

“Aduu jalatti waan tokko nan arge; innis isa fiiganii nama dura darbuu dadhaban, lolanii moʼuu dadhaban, ogeessa taʼanii buddeena dhaban, afchaala taʼanii sooromuu dadhaban, waa hojjechuu utuma beekanii jajamuu dadhabanii dha; isaan kana hundumaattis yeroon tokkichii fi wanti tokkichi in dhufa.”—LALLABA 9:11.

Cubbuu kan dhaalle taʼuun keenya rakkina keenyaaf gumaacha godha.

Namoonni yeroo baayʼee gocha gadhee namni tokko raawwate argisiisuuf, jecha “cubbuu” jedhutti fayyadamu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluunis haala ilmaan namootaa hunda, jechuunis gaariis taʼe gadhee wanta isaan dhaalan argisiisuuf itti fayyadama.

“Haati koo isheen garaatti na baatte iyyuu cubbamtuu turte, anis yakkaa taʼee nan dhaladhe.”—FAARFANNAA 51:5.

Cubbuun ilmaan namootaa irratti miidhaa guddaa geessisaa jira.

Hariiroo Uumaa keenyaa wajjin qabnu balleessuu qofa utuu hin taʼin, uumamawwan isaa warra kaan wajjinis akka wal hin simne nu godheera. Kun immoo dhuunfaattis taʼe, akka walii galaatti ilmaan namootaa irratti miidhaa guddaa geessiseera.

“Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka ana keessa jiru nan hubadha.”—ROOMAA 7:21.

‘Uumamni hundi hanga ammaatti walii wajjin aadaa fi cinqamaa jira.’—ROOMAA 8:22.

Namoonni gaariin kan rakkatan maaliifi?

Rakkinni keenya garri caalaan cubbuu dhaalleen kan kaʼe dhufa; kunis namoonni hamoonis taʼe namoonni gaariin cubbuu waan dhaalaniifi. Cubbuun dhaalle kun rakkina qaamaa fi sammuutiif akkasumas amalawwan namoonni akka wal miidhan godhaniif gumaacha godha.

Wanti Waaqayyo yaade kana turee? Akka rakkannuuf uumamnee?

Gaaffii 4⁠ffaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi