LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 2 ful. 14-15
  • 5. Rakkinni Ni Badaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 5. Rakkinni Ni Badaa?
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?
  • Mee Yaadi
  • Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Rakkina Addunyaa Maraatiif Furmaata Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Rakkina Si Irra Gaʼu Ilaalchisee Waaqayyotti Maaltu Dhagaʼama?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 2 ful. 14-15
Maatiin tokko qarqara bishaaniitti bashannanaa jiru. Walii wajjin kolfaa fi taphachaa jiru.

5. Rakkinni Ni Badaa?

Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?

Rakkinni ni bada jennee amanuuf sababiin yoo jiraate, abdiin akkasii ilaalcha nuti jireenyaa fi Waaqayyoof qabnu fooyyessuu dandaʼa.

Mee Yaadi

Namoonni hedduun rakkina balleessuu kan barbaadan taʼus, kanaa ilaalchisee wanta hedduu gochuuf dandeettiin isaan qaban murtaaʼaadha. Wantoota armaan gadii hubadhu:

Gama qorichaatiin guddinni kan godhame taʼus . . .

  • Dhukkubni onnee duʼaaf sababa guddaa taʼuu isaa itti fufeera.

  • Kaansariin waggaa waggaadhaan namoota miliyoonaan lakkaaʼaman galaafata.

  • Doktar Deevid Biluum barreeffama Firoontiyeer Imunooloojii jedhamu irratti akkas jedhaniiru: “Sirni fayyaa addunyaa guddina gochaa jiru, fayyummaa namootaa eeguu fi fooyyessuuf waan hedduu godheera. Taʼus, addunyaan dhukkuboota daddarboo yeroo dheeraa turan, haaraa dhufanii fi deebiʼanii akka haaraatti babalʼatan hambisuu hin dandeenye.”

Biyyoonni tokko tokko qabeenya hedduu kan qaban taʼus . . .

  • Waggaa waggaadhaan ijoolleen miliyoonaan lakkaaʼaman ni duʼu, warri bakka hiyyummaan itti babalʼate jiraatan immoo carraan isaan itti miidhaman balʼaa dha.

  • Namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman mala xurii dhangalaʼaa ittiin balleessan hin qaban.

  • Namoonni miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman bishaan qulqulluu hin argatan.

Waaʼee mirga namummaa hubannaan jiru kan dabale taʼus . . .

  • Gabaasni Mootummoota Gamtoomanii akka jedhetti, namoota daldaluun biyyoota hedduu keessatti itti fufeera, biyyoonni warra gocha kana raawwatan seeratti hin dhiheessine immoo, “rakkinichi jiraachuu isaa hin beekan ykn qabeenya kana ittiin godhan hin qaban.”

    CAALAATTI BARADHU

    Viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Maali dha? jedhu jw.org irraa ilaali.

Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?

Waaqayyo nuuf ni yaada.

Inni rakkinaa fi gadda nu irra gaʼuuf dantaa kan hin qabne miti.

“[Waaqayyo] nama gad qabamaa hin tuffanne, gad qabamuu isaatiinis maal dhibdi hin jenne; yeroo inni gad qabamaan gara isaatii iyye in dhaga’eef malee, inni fuula isaa isa duraa hin dhoksine.”—FAARFANNAA 22:24.

“Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 PHEEXIROS 5:7.

Rakkinni yeroo hundumaaf itti hin fufu.

Kitaabni Qulqulluun kaayyoon Waaqayyo nuuf qabu akka raawwatamu mirkaneessa.

“Waaqayyo . . . imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru.”—MUL’ATA 21:3, 4.

Waaqayyo wantoota rakkina ilmaan namootaatiif sababa taʼan ni balleessa.

Kanas kan godhu karaa Mootummaa isaa, isa Kitaabni Qulqulluun bulchiinsa dhugaa akka taʼe ibsu sanaatiini.

“Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebiʼee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; . . . ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”—DAANI’EL 2:44.

Rakkinni ni Badaa?

Eeyyee ni bada, garuu carraaqqii namoonni godhaniin miti. Bulchiinsi namootaa rakkina keenya hirʼisuuf qofa yaalii godha, Waaqayyo garuu wantoota rakkinaaf sababa taʼan hunda haxaaʼee balleessa. Kanas karaa Mootummaa isaa raawwata.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi