LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 1 ful. 4-5
  • Ogummaa Maatii Gammachuu Qabu Horachuuf Gargaaru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ogummaa Maatii Gammachuu Qabu Horachuuf Gargaaru
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Abbootiin Manaa, Haadhotii Manaa Keessan Jaalladhaa
  • Haadhotiin Manaa, Abbootii Manaa Keessan Kabajaa
  • Hiriyaa Gaaʼelaa Keessaniif Amanamoo Taʼaa
  • Warri Ijoollee Keessan Leenjisaa
  • Ijoolleen, Warra Keessaniif Ajajamaa
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Karaa Itti Jireenya Maatiikee Gammachiisaa Gochuu Dandeessu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Jireenya Maatii Waaqayyoon Gammachiisu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 1 ful. 4-5
Maatii gammadoo gabaa keessa deeman.

Ogummaa Maatii Gammachuu Qabu Horachuuf Gargaaru

Gaaʼellii fi ijoolleen kennaa addaa Uumaa keenya biraa arganne dha. Inni maatiin keenya gammachuu akka qabaatu barbaada. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee qajeelfama maatii gaarii fi gammachuu qabu qabaachuuf nu gargaaru nuuf kenneera. Mee gorsawwan ogummaa irratti hundaaʼanii fi armaan gaditti tarreeffaman irratti yaadi.

Abbootiin Manaa, Haadhotii Manaa Keessan Jaalladhaa

“Abbootiin manaa akkuma qaama isaaniitti haadhotii manaa isaanii haa jaallatan. Namni haadha manaa isaa jaallatu of jaallata; namni qaama ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa.”—EFESOON 5:28, 29.

Abbaan manaa mataa maatii dha. (Efesoon 5:23) Taʼus, abbaan manaa gaariin gara jabeessa miti. Kanaa mannaa, haadha manaa isaatiif iddoo guddaa kenna. Kana malees, karaa qaamaas taʼe karaa miiraa ishii kunuunsa. Yeroo hunda wanta ofii barbaadu irratti xiyyeeffachuu mannaa ishii gammachiisuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godha. (Filiphisiyus 2:4) Miira isaa ifatti ishiitti hima, yeroo ishiin dubbattus ishii dhaggeeffata. Ishiitti ‘hin dheekkamu’ ykn karaa qaamaas taʼe karaa miiraa ishii hin miidhu.—Qolosaayis 3:19.

Haadhotiin Manaa, Abbootii Manaa Keessan Kabajaa

“Haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.”—EFESOON 5:33.

Haati manaa abbaa manaa ishii yeroo kabajjuu fi murtoo isaa yeroo deeggartu maatichi nagaa akka qabaatu gooti. Yeroo dogoggora raawwatu isa tuffachuu mannaa, garraamii taʼuu fi kabaja isatti argisiisuu ishii itti fufti. (1 Pheexiros 3:4) Yeroo rakkina tokko itti himuu barbaaddutti, yeroo gaarii taʼe filatti, akkasumas kabajaan isa haasofsiisti.—Lallaba 3:7.

Hiriyaa Gaaʼelaa Keessaniif Amanamoo Taʼaa

‘Namni haadha manaa isaatti ni maxxana; isaan foon tokko taʼu.’—UUMAMA 2:24.

Dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko yommuu gaaʼela dhaabbatanitti walitti dhufeenya cimaa qabaatu. Kanaafuu, hiriyoonni gaaʼelaa garaadhaa waliin haasaʼuudhaan, akkasumas gaarummaa walitti argisiisuudhaan gaaʼelli isaanii cimaa taʼee akka itti fufu gochuuf jabaatanii hojjechuu qabu. Gaaʼelaa alatti saalqunnamtii raawwachuu irraa fagaachuudhaan walii isaaniitiif amanamoo taʼuu qabu. Namni gocha akkasii raawwatu hiriyaa gaaʼelaa isaa irratti miidhaa guddaa geessisa. Gochi akkasii akka isaan wal hin amanne godha, akkasumas gaaʼela diiguu dandaʼa.—Ibroota 13:4.

Warri Ijoollee Keessan Leenjisaa

“Mucaa karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—FAKKEENYA 22:6, miiljalee.

Waaqayyo warri ijoollee isaanii akka leenjisaniif itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. Kun immoo amala gaarii akka qabaatan barsiisuu fi fakkeenya gaarii isaaniif taʼuu dabalata. (Keessa Deebii 6:6, 7) Warri ogeeyyii taʼan ijoolleen isaanii amala gaarii hin taane yeroo argisiisanitti dafanii hin dheekkaman. Kanaa mannaa, “dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa” taʼu. (Yaaqoob 1:19) Ijoollee isaanii kan adaban waan isaanitti aaraniif utuu hin taʼin, waan isaan jaallataniif taʼuu qaba.

Ijoolleen, Warra Keessaniif Ajajamaa

“Yaa ijoolle, . . . warra keessaniif ajajamaa. ‘Abbaa keessanii fi haadha keessan kabajaa’”—EFESOON 6:1, 2.

Ijoolleen warra isaaniitiif ajajamuu fi ulfina guddaa isaaniif kennuu qabu. Yeroo ijoolleen warra isaanii kabajan maatichi gammachuu guddaa, nagaa fi tokkummaa qabaata. Ijoolleen erga guddatanii booda immoo warra isaanii kunuunsuudhaan akka isaan kabajan argisiisuu dandaʼu. Kunis mana isaanii isaaniif suphuu ykn deeggarsa maallaqaa isaaniif gochuu dabalata.—1 Ximotewos 5:3, 4.

Abbaa Manaa Gaarii Taʼeera

“Akkaataa guddinaa kootiin kan kaʼe, haati manaa koo wantan barbaadu hunda akka raawwattun ishii irraa eega ture. Taʼus, mataa maatii waanan taʼeef ofittoo ykn gara jabeessa taʼuu mannaa haadha manaa koo dhagaʼuu akkan qabu baradheera. Akka ilaalcha Waaqayyootti anii fi ishiin foon tokko waan taaneef, akka qaama kootti ishii ilaaluun qaba. Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼeef galanni haa taʼuutii, abbaa manaa gaarii taʼuu fi maatii gammachiisaa qabaachuu dandaʼeera.”—Raahuul

Raahuulii fi haadha manaa isaa.

Caalaatti baradhu:

Gorsa dabalataa hariiroo maatii kee wajjin qabdu fooyyeffachuuf si gargaaru argachuuf, jw.org/om irraa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > GAAʼELAA FI MAATII jedhu jalaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi