LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rq barumsa 8 ful. 16-17
  • Jireenya Maatii Waaqayyoon Gammachiisu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jireenya Maatii Waaqayyoon Gammachiisu
  • Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Ogummaa Maatii Gammachuu Qabu Horachuuf Gargaaru
    Dammaqaa!—2021
  • Karaa Itti Jireenya Maatiikee Gammachiisaa Gochuu Dandeessu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Maatii Gammachuu Qabu
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
rq barumsa 8 ful. 16-17

Barumsa 8

Jireenya Maatii Waaqayyoon Gammachiisu

Maatii keessatti iddoon abbaan manaa qabu maalinnii? (1)

Abbaan manaa haadha manaasaa akkamitti qabuutu irra jiraataa? (2)

Itti gaafatamni abbaa manaa maal fa’ii? (3)

Maatii keessatti gaheen haadha manaa maalii? (4)

Waaqayyo, warriifi ijoolleen maal akka godhan barbaadaa? (5)

Macaafni qulqulluun waayee gargar ba’uufi wal hiikuutiif ilaalcha akkamii qabaa? (6, 7)

1. Macaafni qulqulluun mataan maatii abbaa manaa akka ta’e ibsa. (1 Qorontos 11:3) Abbaan manaa haadha manaa tokko qofa qabaachuu qaba. Akka seerri ajajuttis walfuudhuu qabu.—1 Ximotewos 3:2; Tiitoos 3:1.

2. Abbaan manaa haadha manaasaa akka ofiisaatti jaallachuu qaba. Akkuma Yesus duuka buutotasaa qabetti abbaan manaa haadha manaasaa qabuun isa barbaachisa. (Efesoon 5:25, 28, 29) Karaa kamiiniyyuu yoo ta’e ulfina kennuufii qaba malee, miidhaa irra geessisuu yookiin ishee reebuu hin qabu.—Qolosaayis 3:19; 1 Phexros 3:7.

3. Abbaan manaa tokko, maatiisaatiif wanta barbaachisu dhiheessuuf jabaatee hojjechuutu irraa eegama. Maatiisaatiif nyaata, uffataafi mana jireenyaa dhiheessuufii qaba. Kana malees karaa hafuuraa maatiisaatiif wanta barbaachisu akka dhiheessu irraa eegama. (1 Ximotewos 5:8) Maatiinsaa waayee Waaqayyoofi kaayyoosaa akka baran gargaaruuf dursa fudhachuu qaba.—Keessa Deebii 6:4-9; Efesoon 6:4.

4. Haati manaa abbaa manaasheetiif gargaartuu gaarii ta’uu qabdi. (Uumama 2:18) Ijoollee barsiisuufi leenjisuutti abbaa manaashee gargaaruun barbaachisaadha. (Fakkeenya 1:8) Yihowaan, haati manaa maatiisheetiif kunuunsa jaalalaa akka gootu irraa barbaada. (Fakkeenya 31:10, 15, 26, 27; Tiitoos 2:4, 5) Abbaa manaashee kabajuun ishee barbaachisa.—Efesoon 5:22, 23, 33.

5. Waaqayyo, ijoolleen warrasaaniitiif akka ajajaman barbaada. (Efesoon 6:1-3) Warriis ijoolleesaanii akka barsiisaniifi akka adaban irraa barbaada. Akkasumas, yeroo ga’aa ijoolleesaanii wajjin dabarsan ramaduudhaan, Macaafa qulqulluu akka barsiisan, kunuunsa miiraafi hafuuraa akka godhaniif ni barbaada. (Keessa Deebii 11:18, 19; Fakkeenya 22:6, 15) Warrii ijoolleesaanii garmalee adabuu hin qaban.—Qolosaayis 3:21.

6. Abbaan manaafi haati manaa yeroo walii galuu dadhaban, gorsawwan Macaafa qulqulluurratti argaman hojiirra oolchuuf yaalii gochuu qabu. Macaafni qulqulluun jaalala akka agarsisnuufi akka waliif dhiifnu cimsee nugorsa. (Qolosaayis 3:12-14) Sagaleen Waaqayyoo rakkoowwan xixiqqaa maatii gidduutti uumamaniif furmaannisaa gargar ba’uudha hin jedhu. Haata’u malee, haatii manaa tokko abbaan manaashee (1) wanta maatiisaatiif barbaachisu yoo dhiheessuu dide, (2) ishee reebuufi maatii gooluusaatiin fayyaafi lubbuusheetiif kan sodaachisu yoo ta’e yookiin (3) mormii cimaa isheerraan ga’uusaatiin kan ka’e, sadarkaa Yihowaa waaqeffachuu hin dandeenyerra yoo geese, abbaa manaasheerraa addaan ba’uudhaaf filachuu ni dandeesi.—1 Qorontos 7:12, 13.

7. Abbaan manaafi haati manaa waliif amanamoo ta’uu qabu. Ejji Waaqaafi haadha manaa ykn abbaa manaa ofiirratti cubbuu hojjetamudha. (Ibroota 13:4) Haadha manaa ykn abbaa manaa ofii hiikanii gara biraa fuudhuuf sababii gara biraanimmoo, seera fuudhaafi heerumaatiin ala nama biraa wajjin walqunnamtii saalaa gochuudha. (Maatewos 19:6-9; Roomaa 7:2, 3) Yihowaan nama sababii ga’aa malee wal hikuufi garabiraa fudhu baay’eetti jibba.—Miilkiyaas 2:14-16.

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Waaqayyo, warrii ijoolleesaanii akka barsiisaniifi adaban barbaada

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Abbaan manaa maatiisaa jaallatu tokko, karaa hafuuraas ta’e, karaa foonii wanta isaan barbaachisu dhiheessa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi