LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 2 ful. 4-6
  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Michummaa Kee Irratti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Michummaa Kee Irratti
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTA BEEKUU QABDU
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • Michoota Dhugaa Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2016
  • Weebsaayitiin Hawaasaa Kan Na Miidhu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Ijoollee fi Weebsaayitii Hawaasaa—Kutaa 1: Ijoolleen Koo Weebsaayitii Hawaasaa Fayyadamuu Qabuu?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Warri Koo Weebsaayitii Hawaasaatti Akkan Fayyadamuu Yoo Naa Heyyamuu Baatan Maalan Godha?
    Gaaffii Dargaggootaa
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 2 ful. 4-6
Michoonni kutaa addunyaa garaa garaa keessaa jiraatan viidiyoo konfiransiidhaan haasaʼaa jiru.

Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Michummaa Kee Irratti

Ergaa gabaabaa, iimeelii, viidiyoo konfiransii fi weebsaayitii hawaasaatiif galanni haa taʼuutii, namoonni ardii garaa garaa keessa jiraatan salphaatti wal qunnamuu dandaʼu. Namoota akkasiitiif teknoolojiin tajaajilaa isaanii ti.

Haa taʼu malee, namoonni michoota isaanii wajjin wal qunnamuuf adda durummaadhaan teknoolojiitti fayyadaman yeroo baayʼee . . .

  • miira michoota isaanii hin hubatan.

  • kophummaa fi gad aantummaan isaanitti dhagaʼama.

  • namoota kaan irratti xiyyeeffachuu caalaa of irratti xiyyeeffatu.

WANTA BEEKUU QABDU

Shamarreen takka halkan weebsaayitii hawaasaa fayyadamaa jirti. Wanti intarneetii irratti baʼee fi ishiin ilaalaa jirtu siʼa 723,000 ilaalameera.

MIIRA WARRA KAANII HUBACHUU

Miira nama tokkoo hubachuuf yeroo fudhannee waaʼee nama sanaa yaaduu qabna. Ergaa gabaabaa walii erguu fi weebsaayitii hawaasaa fayyadamuudhaan kan qabamnu taanaan garuu kana gochuun nutti ulfaata.

Teknoolojiin kan si toʼatu taanaan ergaa michoonni kee siif erganiif deebii kennuun hojii sitti taʼa. Ergaan siif ergamu baayʼee waan taʼeef, gargaarsa michuu kee barbaachisu irratti utuu hin yaadin ergaa siif ergamu hundumaaf daftee deebii kennuu irratti xiyyeeffatta.

MEE YAADI: Michoota kee waliin wal qunnamuuf teknoolojiitti yeroo fayyadamtu ‘miira isaanii akka hubattu’ argisiisuu kan dandeessu akkamitti?—1 PHEEXIROS 3:8.

MIIRA GAD AANTUMMAA

Qorannaan tokko akka ibsetti namoonni hedduun weebsaayitii hawaasaa erga fayyadamanii booda miira gad aantummaatu isaanitti dhagaʼama. Qorattoonni sun namni tokko suuraawwan namoonni baasan ilaaluudhaan yeroo dabarsuun isaa “yeroo isaa akka gube akka isatti dhagaʼamu akka godhu” ibsaniiru.

Kana malees, namoonni suuraawwan nama hawwatanii fi warri kaan baasan ilaaluun isaanii karaa sirrii hin taaneen namoota kaanii wajjin wal bira of qabuuf isaan kakaasuu dandaʼa. Kun immoo, jireenyi namoota kaanii yeroo hundumaa gammachiisaa akka taʼetti yaaduudhaan jireenya isaaniitti akka hin gammanne godha.

MEE YAADI: Weebsaayitii hawaasaa yeroo fayyadamtu karaa sirrii hin taaneen namoota kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa of eeguu kan dandeessu akkamitti?—GALAATIYAA 6:4.

OF IRRATTI XIYYEEFFACHUU

Barsiistuun takka barattoonni ishii tokko tokko ofittoo fi hiriyoota waa isaaniif godhan qofa kan barbaadan akka taʼan barreessiteetti.a Namoonni akkasii faayidaa michummaan isaanii isaaniif argamsiisu qofa irratti xiyyeeffatu. Namni akkasii michoota isaa akkuma appilikeeshinii yeroo barbaadutti ittiin bashannanee, yeroo hin barbaannetti immoo cufutti ilaala.

MEE YAADI: Wanti intarneetii irratti baastu namoota kaanii wajjin wal dorgomaa ykn gar malee of irratti xiyyeeffachaa akka jirtu argisiisaa?—GALAATIYAA 5:26.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

ITTI FAYYADAMA TEKNOOLOJII KEE QORI

Teknoolojiin gooftaa utuu hin taʼin tajaajilaa kee yoo taʼe michoota kee wajjin wal qunnamuu fi caalaatti isaanitti dhihaachuuf si gargaara.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Jaalalli . . . faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.”—1 QORONTOS 13:4, 5.

Wantoota irratti hojjechuu barbaaddu irratti mallattoo godhi ykn yaada kee barreeffadhu.

  • Yeroo baayʼee ergaa barreeffamaa erguu mannaa namootaa wajjin qaamaan haasaʼuu

  • Yeroo namootaa wajjin haasoftu bilbila kee of irraa fageessuu (ykn sagalee isaa dhaamsuu)

  • Yeroo weebsaayitii hawaasaa fayyadamuudhaan dabarsitu daangessuu

  • Nama xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatu taʼuu

  • Michuu kee haala rakkisaa keessa jiru wajjin wal arguu

a Kitaaba Reclaiming Conversation jedhamu irratti kan gabaafame dha.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU:

  • Michoota dhugaa garaadhaa walii yaannu qabaa?

  • Michuu koo tokkoo wajjin qaamaan utuun haasaʼuu yeroo baayʼee bilbilli bilbilamee ykn ergaa gabaabaan ergamee haasaa keenya addaan ni kutaa?

  • Suuraawwanii fi yaadawwan weebsaayitii hawaasaa irratti baasu of irratti xiyyeeffachaa akkan jiru kan argisiisani dhaa?

  • Weebsaayitii hawaasaa ergan fayyadamee booda maaltu natti dhagaʼama?

  • Itti fayyadamni teknoolojii koo michoota dhugaa horachuu akka na hin dhowwineef jijjiirama akkamii gochuun dandaʼa?

    QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—FILIPHISIYUS 2:4.

Emilii.

“Michummaan yeroo fi carraaqqii waan gaafatuuf, michoonni qabaachuu dandeessu muraasa dha. Wanti iddoo guddaa qabu michoota hedduu qabaachuu utuu hin taʼin, michuu dhugaa qabaachuu dha. Michoonni dhugaan wanta si fayyadu yaadu, atis wanta isaan fayyadu yaadda.”​—EMILII

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi