LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 1 ful. 10-11
  • Michoota Dhugaa Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Michoota Dhugaa Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Dammaqaa!—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAALA RAKKISAA
  • WANTA BEEKUU QABDU
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Michummaa Kee Irratti
    Dammaqaa!—2021
  • Addunyaa Jaalala Hin Qabne Keessatti Michooma Keenya Eeguu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Kitaabni Qulqulluun Michummaa Ilaalchisee Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Michoota Kee Ogummaadhaan Filadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 1 ful. 10-11
Dargaggoota waliin haasaʼaa jiran lama

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | DARGAGGOOTA

Michoota Dhugaa Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

HAALA RAKKISAA

Dargaggoota riqicha tokko bira gamaa fi gamanaan dhaabatanii jiran lama

Teknooloojiidhaaf galanni haa taʼuutii, yeroo ammaatti yeroo kam iyyuu caalaa namoota hedduu wajjin salphaatti wal qunnamuu dandeessa. Taʼus, walitti dhufeenyi kee cimaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Dargaggeessi tokko akkana jedheera: “Michummaan hiriyoota koo wajjin qabu waan itti fufu natti hin fakkaatu. Abbaan koo garuu, michoota waggoota hedduudhaaf wajjiniin dabarse qaba!”

Yeroo harʼaatti michummaa hamma dhumaatti itti fufuu fi dhugaa taʼe qabaachuun ulfaataa kan taʼe maaliifi?

WANTA BEEKUU QABDU

Rakkina kanaaf teknooloojiinis hamma tokko gumaacha ni godha. Ergaa barreeffamaa walii erguun, akkasumas weebsaayitiin hawaasaa nama nu bira hin jirree wajjin michummaa dhugaa qabaachuun waan dandaʼamu fakkeessaniru. Fuulleetti waliin haasaʼuun, ergaawwan barreeffamaa baayʼee wal jijjiiruudhaan bakka buʼeera. Kitaabni Artificial Maturity (Bilchina Sobaa) jedhamu akkana jedheera: “Namoonni fuulleetti waliin haasaʼuu dhiisaa jiru. Barattoonni yeroo isaanii baayʼinaan kan dabarsan meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamuudhaan siʼa taʼu, yeroon waliin dabarsan muraasa dha.”

Al tokko tokko, teknooloojiin namoonni walitti dhihaachuu baatanis, waan walitti dhihaatan akka isaanitti fakkaatu taasisa. Biraayana inni umuriin isaa waggaa 22 taʼe akkana jedheera: “Yeroo dhihoodhaa asitti, yeroo hunda dursa fudhatee michoota kootiif kan barreessu ana akka taʼen hubadhe. Achiis, isaan keessaa namni hammamii dursa fudhatee akka naa barreessu baruuf, ergaa isaaniif erguun dhiise. Kan naa barreessan muraasa qofa dha. Michoonni koo tokko tokko akka ani yaadaa ture baayʼee waan natti dhihaatan natti hin fakkaatu.”

Haa taʼu malee, ergaa barreeffamaa walii erguunii fi weebsaayitiin hawaasaa, namoota qunnamuu akka itti fuftu gochuudhaan michummaa kee hin cimsuu? Ni cimsa; keessumaa immoo namoota kanaa wajjin qaamaanis kan wal argitu taanaan gaarii dha. Haa taʼu malee yeroo baayʼee weebsaayitiin hawaasaa namoota lama gidduutti riqicha kan ijaaru taʼus, walitti isaan hin dhiheessu.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Michummaa dhugaan maal akka taʼe bari. Kitaabni Qulqulluun, michuu nama “obboleessa caalaa namatti aanu” akka taʼetti ibsa. (Fakkeenya 18:24) Kan ati barbaaddu michuu akkanaa tii? Ati hoo michuu akkanaa tii? Gaaffilee kana deebisuuf akka si gargaaruuf, amaloota michuun kee akka qabaatu barbaaddu sadii barreessi. Achii amaloota ati michuu keetti argisiistu sadii barreessi. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namootan intarneetiidhaan qunnamu keessaa amaloota ani michuu koo irraa barbaadu kan argisiisu eenyu? Michoonni koo kun ani amala akkamii akkan argisiisu isaanitti dhagaʼama?’—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Filiphisiiyus 2:4.

Wanta dursa kennituuf adda baafadhu. Michummaan intarneetii irraa, yeroo baayʼee fedhii wal fakkaatu qabaachuu irratti, fakkeenyaaf sochii yeroo ittiin dabarsuu jaallannu irratti kan hundaaʼe dha. Taʼus, ulaagaa amalaa wal fakkaatu qabaachuun fedhii wal fakkaatu qabaachuu caalaa barbaachisaa dha. Liiyan ishiin umuriin ishii waggaa 21 taʼe akkana jetteetti: “Michoota hedduu hin qabu; taʼus michoonni ani qabu nama fooyyaʼaa taʼuuf fedha akkan qabaadhu kan na gargaarani dha.”—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 13:20.

Namootatti qaamaan dhihaadhu. Fuulleetti waliin haasaʼuun gosa wal qunnamtii kam irra iyyuu gaarii dha; sababiin isaas haala sagalee, miira fuula irraa dubbifamuu fi sochii qaamaa walii hubachuun ni dandaʼama.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: 1 Tasaloniiqee 2:17.

Xalayaa barreessi. Kan yeroon itti darbe kan fakkaatu taʼus, xalayaa namaa barreessuun nama tokkoof akka yaadduu fi xiyyeeffannaa hin hihhiramne isaaf kennuu akka barbaaddu kan argisiisu dha. Addunyaa sochiin itti baayʼatu kana keessatti xiyyeeffannaan akkanaa baramaa miti. Fakkeenyaaf, Sharii Terkil kitaaba Ingiliffaa Alone Together jedhamu irratti, waaʼee dargaggeessa umurii isaa keessatti yeroo itti xalayaan isaaf ergame hin yaadanne tokkoo barreessiteetti. “Yeroo sanatti kanan hin dhalanne taʼus, yeroo sana baayʼeen yaada” jechuudhaan waaʼee yeroo itti namoonni xalayaa walii barreessaa turanii dubbateera. Michoota qabaachuudhaaf ‘teknooloojii boodatti hafaa’ kanatti maaliif hin fayyadamtu?

Yaada ijoo: Michummaa dhugaan wal qunnamuudhaan alattis wanta dabalatu qaba. Atii fi michuun kee jaalala fi obsa argisiisuu, akkasumas waliif yaaduu fi dhiifama waliif gochuu qabdu. Amaloonni kun michummaan kan nama kiisu akka taʼu godhu. Taʼus, intarneetiidhaan amaloota kana argisiisuun ulfaataa dha.

a Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

CAQASOOTA IJOO TAʼAN

  • “Isin keessaa adduma addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaalin!”—Filiphisiiyus 2:4.

  • “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa.”—Fakkeenya 13:20.

  • “Nuyi fuula keessan arguudhaaf . . . caalchifnee dhamaane.” —1 Tasaloniiqee 2:17.

Elisaabel

ELISAABEL

“Hundi keenya iyyuu nama yeroo miirri gaarii hin taane nutti dhagaʼamu haasofsiisnu ni barbaadna. Michuu jechuun, nama nu hubatuu fi miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼu dha. Gammachuu keenya hirmaachuu qofa utuu hin taʼin, yeroo kufnus nu kaasuu dandaʼa.”

Jordaan

JORDAAN

“Duraan namootatti hin dhihaadhu, akkasumas michoota qabaachuuf hin yaalun ture. Jireenyin yeroo sanatti dabarse gammachiisaa hin turre. Yeroo booda garuu namootatti madaquun jalqabe. Michoota yeroo rakkinaatti si gargaaran, akkasumas yeroo gaariitti gammachuu kee hirmaatan qabaachuun barbaachisaa dha.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi