LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 2 ful. 7-9
  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Ijoollee Kee Irratti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Ijoollee Kee Irratti
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTA BEEKUU QABDU
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • Ijoollee fi Moobaayilii—Kutaa 1: Mucaan Koo Moobaayilii Akka Qabaatu Heyyamuun Qabaa?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Mucaa Keessan Poornoogiraafii Irraa Eegaa
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Meeshaa Elektirooniksiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa Jirtaa?
    Dammaqaa!—2015
  • Intarneetiidhaan Hiriyoota Horachuun Rakkina Qabaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 2 ful. 7-9
Ijoolleen umurii garaa garaa irra jiran ashaangulliitiidhaan taphachuu ykn taphawwan ispoortii irratti hirmaachuu mannaa meeshaalee elektiroonikiidhaan bashannanaa jiru.

Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Ijoollee Kee Irratti

Namoonni guguddaan meeshaalee elektiroonikii ykn appilikeeshiniiwwan haaraatti fayyadamuun isaan rakkisuu dandaʼa; ijoolleen garuu daaʼimummaa isaaniitii kaasee waan beekaniif itti fayyadamuun isaaniif salphaa dha.

Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko akka hubatanitti ijoolleen intarneetii fayyadamuudhaan yeroo dheeraa dabarsan . . .

  • meeshaalee elektiroonikii isaanii tuttuquun araada isaaniitti taʼa.

  • intarneetiidhaan wanta gadhee dubbatu ykn namoonni kaan wanta gadhee isaanitti dubbatu.

  • akka tasaa ykn fedhiidhaan poornoogiraafii ilaaluuf saaxilamu.

WANTA BEEKUU QABDU

Mucaan bilbila qabate tokko haati isaa akka isa hin argineef balbala kutaa ciisichaa isaa cufaa jira.

ARAADA

Wantoonni intarneetii irra jiran tokko tokko fakkeenyaaf, geemiiwwan araada cimaa isaanitti taʼuu dandaʼu. Kitaabni Reclaiming Conversation jedhamu akka jedhetti, appilikeeshiniiwwanii fi geemiiwwan tokko tokko kan qophaaʼan araada akka taʼan yaadamee ti. Appilikeeshinii akkasiitti hammuma fayyadamne daldaltoota oomisha isaanii beeksisaniif galii argamsiisna.

MEE YAADI: Ijoolleen kee meeshaalee elektiroonikii isaanii tuttuqaa ooluu? Taanaan, yeroo isaaniitti akka gaariitti akka fayyadaman gargaaruu kan dandeessu akkamitti?—EFESOON 5:15, 16.

DUBBII GADHEE

Namoonni tokko tokko yeroo intarneetii fayyadaman warra kaan sossodaachisuu dabalatee amala naamusaan ala taʼe argisiisu.

Namoonni tokko tokko hordoftoota isaanii baayʼifachuuf jecha weebsaatiiwwan hawaasaa irratti wantoota naamusaan ala taʼan dubbatuu ykn raawwatu. Tarii immoo namni tokko namoonni kaan affeerraa irra akka turanii fi isa affeeruu akka dhiisan yeroo beeku akka miidhame isatti dhagaʼamuu dandaʼa.

MEE YAADI: Ijoolleen kee yeroo intarneetiidhaan haasaʼan naamusa gaarii ni argisiisuu? (Efesoon 4:31) Sagantaa tokko irratti akka hin affeeramne yeroo beekan maaltu isaanitti dhagaʼama?

POORNOOGIRAAFII

Intarneetii irratti wantoota naamusaan ala taʼan salphaatti arguun ni dandaʼama. Sooftiweeriiwwan tokko tokko warri wanta ijoolleen isaanii ilaalan toʼachuuf kan isaan dandeessisan taʼus, yeroo tokko tokko garuu wantoonni kun guutummaatti waan hin hojjenneef, ijoolleen isaanii wantoota gadhee ilaaluu akka dandaʼan yaadachuu qabu.

Suuraawwan qullaa namaa argisiisan walii erguun seeraan kan nama gaafachiisu taʼuu dandaʼa. Haalawwan tokko tokko keessatti, ijoolleen ergaa akkasii walii erguu irratti hirmaatan yakka cimaa poornoogiraafii ijoollee babalʼisuudhaan himatamuu dandaʼu.

MEE YAADI: Ijoolleen kee suuraawwan qullaa argisiisan ilaaluuf ykn namaaf erguuf akka hin qoramne gargaaruu kan dandeessu akkamitti?—EFESOON 5:3, 4.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

IJOOLLEE KEE LEENJISI

Ijoolleen teknoolojii fayyadamuu irratti qaxalee dha; taʼus, qajeelfamni isaan barbaachisa. Kitaabni Indistractable jedhamu akka ibsetti ijoolleen meeshaalee elektiroonikii karaa sirrii taʼeen akkamitti fayyadamuu akka dandaʼan beekuu isaanii dura meeshaa akkasii isaaniif kennuun “bishaan daakuu utuu hin beekin bishaan keessa akka seenan gochuu wajjin tokko dha.”

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Mucaa karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—FAKKEENYA 22:6, MIILJALEE.

Wantoota irratti hojjechuu barbaaddu irratti mallattoo godhi ykn yaada kee barreeffadhu.

  • Yeroo intarneetii fayyadamu naamusa argisiisuu qabu irratti mucaa koo wajjin mariʼachuu

  • Mucaan koo sagantaa tokko irratti yeroo hin affeeramnetti miirri isaa akka hin miidhamne gargaaruu

  • Mucaan koo wantoota gadhee intarneetii irratti baʼaniif akka hin saaxilamne gochuuf wantan dandaʼu hundumaa gochuu

  • Wantoota bilbila mucaa kootii keessa jiran yeroo yerootti sakattaʼuu

  • Yeroo bilbila isaatti fayyadamuudhaan dabarsu daangessuu

  • Saʼaatii hirribaatti bilbila akka hin fayyadamne gochuu

  • Yeroo maatiidhaan waliin nyaannutti bilbila fayyadamuu dhorkuu

GAAFFIILEE WARRI IRRATTI MARIʼATAN

  • Ijoollee bira teenyee eeguu mannaa meeshaa elektiroonikii akka tuttuqan ni goonaa?

  • Mucaan keenya meeshaan elektiroonikii intarneetii hojjetu isa barbaachisaa? Taanaan, maaliif?

  • Meeshaa elektiroonikii intarneetii hojjetu isaaf bituuf humni keenya nuuf heyyamaa?

  • Mucaan keenya akka of toʼatu argisiisaa kan jiru akkamitti?

  • Dogoggora isaa sirreessuuf fedhii qabaa?

  • Seerawwan akkamii baasuu qabna?

  • Yeroo meeshaa elektiroonikiitti fayyadamuu fi yeroo sochiiwwan kan biroo irratti hirmaatu akka wal madaalchisu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

    QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Namoonni bilchaatoon warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisani dha.’—IBROOTA 5:14.

Looretii fi Deevid.

“Ijoolleen kee bilbila kan barbaadan maaliifi? Bilbila keetti kan fayyadaman akkamitti? Wantoota akkamii ilaalu? Geemiiwwan akkamii taphatu? Bilbila fayyadamuu irratti yeroo hammamii dabarsu? Ijoollee keetiif bilbila bituu kee dura bilchinaa fi amala of toʼachuu qabaachuu isaanii mirkaneeffadhu.”​—LOORETII FI ABBAA MANAA ISHII DEEVID

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi