LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yp2 boq. 11 ful. 99-104
  • Intarneetiidhaan Hiriyoota Horachuun Rakkina Qabaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Intarneetiidhaan Hiriyoota Horachuun Rakkina Qabaa?
  • Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Balaa Geessisuu Dandaʼu Gamaaggamuu
  • “Warra Eenyummaa Isaanii Dhoksan”
  • Balaarraa Of Eeguu
  • “Obsuun Kee Si Kiisa”
  • Namoonni Karaa Weebsaayitii Hawaasaa Itti Michoomte Eenyufaʼi?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Weeb Saayitii Keenya—Qayyabannaa Dhuunfaafi Qayyabannaa Maatiidhaaf Itti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Weebsaayitii Hawaasaa Irratti Beekamtii Argachuun Hangam Barbaachisaa Dha?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
yp2 boq. 11 ful. 99-104

BOQONNAA 11

Intarneetiidhaan Hiriyoota Horachuun Rakkina Qabaa?

Namoota wajjin haasaʼuu kan filattu akkamitti?

□ Fuulaa fuulatti

□ Bilbilaan

□ Intarneetiidhaan

Eenyufaa wajjin haasaʼuutu sitti salphata?

□ Ijoollee daree kee wajjin

□ Miseensota maatii kee wajjin

□ Obboloota gumii kee wajjin

Bilisummaadhaan haasaʼuun kan sitti salphatu eessatti?

□ Mana barumsaatti

□ Manatti

□ Walgaʼiiwwan gumiirratti

MEE deebii gaaffii jalqabaatiif kennite irra deebiʼii ilaali. Fuulaa fuulatti utuu hin taʼin intarneetiidhaan namoota wajjin haasaʼuu akka filattu deebistee? Taanaan, intarneetiidhaan haasaʼuu kan filatu si qofa miti. Dargaggoonni hedduun hiriyoota horachuu fi hiriyummaan isaanii akka itti fufu gochuuf intarneetiitti fayyadamu. Shamarreen Ileen jedhamtu, “Namoota addunyaa maratti argamanii fi karaa kan biraatiin argachuu hin dandeenye wajjin wal arguun namatti tola” jetteetti. Shamarreen waggaa 19 Taamii jedhamtus akkana jetteetti: “Ilaalcha namoonni siif qabaatan toʼachuu dandeessa. Fuulaa fuulatti namoota wajjin yeroo haasoftu garuu isaan hin fakkaattu taanaan wanti gochuu dandeessu hin jiru.”

Mee ammammoo deebii gaaffii lammaffaa fi sadaffaadhaaf kennite ilaali. Obboloota gumii keessa jiran caalaa ijoollee daree keetii wajjin haasaʼuun yoo sitti salphate kun si hin ajaaʼibsiisin. Shamarreen waggaa 18 Jaasmiin jedhamtu, “Mana barumsaatti namoota haalli si mudate isaan mudachaa jiru argachuun salphaadha. Kunis dargaggoonni hedduun namoota akkasiitti dhihaachuun akka isaanitti salphatu godha” jetteetti.

Yaadawwan olitti ilaalle akka argisiisanitti intarneetiidhaan ijoollee daree keetii wajjin haasaʼuuf fedhii qabaachuun waanuma jirudha. Taamiin yeroo muraasaaf akkas gochaa akka turte dubbatteetti. “Ijoolleen mana barumsaa keenya jiran hundi intarneetiidhaan ni haasaʼu; anis isaanirraa adda taʼuu hin barbaanne” jetteetti.a Shamarreen waggaa 20 Naataalii jedhamtu hiriyoota ishii wajjin wal arguuf weebsaayitii banatteetti. Akkana jetteetti: “Teknooloojiin guddachaa jira. Malawwan namoota wajjin haasaʼuuf gargaaran hedduun jiru. Intarneetiidhaan haasaʼuunis isaan keessaa tokkodha, anis jaalladheera.”

Balaa Geessisuu Dandaʼu Gamaaggamuu

Dargaggoonni tokko tokko intarneetiidhaan hiriyoota horachuunii fi hiriyummaan isaanii akka itti fufu gochuun akka isaanitti salphatu beekamaadha. Naataaliin, “Intarneetiin ija jabina yeroo fuulaa fuulatti haasoftu hin qabaanne siif kennuu dandaʼa” jetteetti. Taamiinis yaada kanarratti walii galti. Akkana jetteetti: “Ija laafessa yoo taate intarneetiidhaan haasaʼuun wanta dubbachuuf jettu dursitee akka irratti yaaddu carraa siif kenna.”

Haa taʼu malee, intarneetiidhaan haasaʼuun balaas qaba; balaa inni geessisuu dandaʼuuf xiyyeeffannaa kennuu dhiisuunimmoo gowwummaadha. Kana fakkeenyaan ibsuuf, naannoo balaa qabu keessa ija kee hidhattee ni deemtaa? Maarree, balaa inni geessisu utuu hin beekin intarneetii fayyadamuudhaan yeroo dheeraa maaliif dabarsita?

Mee intarneetiidhaan hiriyoota horachuuf yaaluun balaa akkamii akka geessisu haa ilaallu. Ileen ishiin yeroo tokko namoota hin beekne wajjin intarneetiidhaan haasaʼaa turte akkana jetteetti: “Salphaatti namoota hamoo wajjin wal arguu dandeessa. Yeroo tokko tokko haasaʼuu jalqabdanii daqiiqaa muraasa booda namni tokko wanta gadhee dubbachuu jalqaba ykn ‘Ati ammayyuu durbadhaa? Afaaniin saalqunnamtii ni raawwattaa?’ jedhee si gaafata. Tokko tokkommoo intarneetiidhaan waaʼee saalqunnamtii akka haasoftu si affeeru.”

Hiriyaa kee amantu tokko wajjin haasaʼaa jirta yoo taʼehoo? Yeroo akkasiittillee of eeggachuu qabda. Shamarreen Joʼaan jedhamtu akkana jetteetti: “Saala faallaa wajjin haasaʼuudhaan yeroo dheeraa dabarsuu dandeessa; tarii namni sun hiriyaa kee qofa akka taʼetti yaadda taʼa. Nama sanaaf ergaa barreessuudhaan yeroo dheeraa dabarsaa yommuu deemtu hiriyummaan keessan caalaatti cimaa deema; carraan karaa miiraa walitti dhihaachuuf qabdanis caalaatti dabala.”

“Warra Eenyummaa Isaanii Dhoksan”

Daawit Mootichi hiriyoota gadheerraa fagaachuun faayidaa akka qabu sirriitti hubatee ture. Akkana jedhee barreesseera: “Namoota gowwoomsaa raawwatanii wajjin michuu hin taʼu, warra eenyummaa isaanii dhoksan irraas nan fagaadha.”—Faarfannaa 26:4.

Intarneetii yeroo fayyadamtu namoota Daawit waaʼee isaanii dubbate wajjin wal qunnamtee beektaa? Namoonni yeroo intarneetii fayyadaman ‘eenyummaa isaanii kan dhoksan’ haala akkamii keessatti taʼuu dandaʼa? ․․․․․

Karaa biraatiinimmoo intarneetii yeroo fayyadamtu eenyummaa kee kan dhoksu si taʼinnaa laata? Abigaaʼel ishiin intarneetiidhaan namoota wajjin haasaʼaa turte, “Namoota wajjin haasaʼuu ergan jalqabee booda amala irratti haasaʼamaa jiru sana wajjin wal fakkaatu akkan qabu fakkeessuufan yaala” jetteetti.

Shamarreen Liin jedhamtummoo mala gowwoomsaa kan biraatti fayyadamti turte. Akkana jetteetti: “Yeroo hunda gurbaa gumii ollaa jiru tokko wajjin intarneetiidhaan haasofna turre. Utuma baayʼee hin turin jaalala waliif qabnu ibsuu jalqabne. Warri koo wantan gochaa jiru akka hin beekneef yeroo isaan na bira darban fuula intarneetii irratti waliin haasaʼaa jirru nan dhoksan ture. Intalli isaanii waggaa 13 gurbaa waggaa 14 tokkoof walaloo jaalalaa ni barreessiti jedhanii waan yaadan natti hin fakkaatu. Wanti akkasii ni taʼa jedhanii matumaa hin yaadan.”

Balaarraa Of Eeguu

Intarneetiidhaan haasaʼuun yeroon itti gaarii taʼu akka jiru beekamaadha. Fakkeenyaaf, namoota guguddaa dabalatee namoonni hedduun hiriyoota isaanii wajjin wal arguuf intarneetiitti fayyadamu. Atis akkas goota yoo taʼe, of eeggannoon gochuu qabdu jiraa? Qabxiilee armaan gadii ilaali.

● Yeroo intarneetii fayyadamuudhaan dabarsitu toʼadhu; hirriiba dabalatee yeroo wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif ramadde akka si jalaa fudhatu hin heyyamin. Dargaggeessi Biriyaan jedhamu, “Ijoolleen mana barumsaa keenya tokko tokko intarneetii fayyadamuudhaan hamma halkan saʼaatii 9​tti akka turan dubbatu” jedheera.—Efesoon 5:15, 16.

● Namoota beektu ykn eenyummaa isaanii mirkaneeffachuu dandeessu qofa wajjin haasaʼi. Namoonni hamoon dargaggoota itti fayyadaman argachuuf yeroo hunda intarneetiirraa hin dhabaman.—Roomaa 16:18.

● Intarneetiidhaan yeroo waa bittu of eeggadhu. Odeeffannoo dhuunfaa dabarsitee akka hin kennine of eeggannoo guddaa godhi. Taʼuu baannaan, gowwoomsaadhaaf ykn miidhaa sanarra caaluuf saaxilamuu dandeessa.—Maatewos 10:16.

● Hiriyoota keetiif suuraa yeroo ergitu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Suuraan kun nama Waaqayyoon akka tajaajilu dubbatu tokko dhugumaan bakka buʼaa?’—Tiitoo 2:7, 8.

● Akkuma yeroo fuulaa fuulatti haasoftan gootu, intarneetiidhaan yeroo haasoftan ‘wantoonni sirrii hin taane’ yoo kaʼan haasaa sana addaan kuti.—Efesoon 5:3, 4.

● Intarneetii yeroo fayyadamtu yeroo hunda amanamaa taʼi. Warra kee jalaa ‘eenyummaa kee dhoksuun’ yoo si barbaachise rakkinni wayii jira jechuudha. Shamarreen waggaa 16 Kaarii jedhamtu, “Haadha koo wajjin iftoominaanan haasaʼa. Intarneetii yeroon fayyadamu wantan godhu ishiittan argisiisa” jetteetti.—Ibroota 13:18.

“Obsuun Kee Si Kiisa”

Hiriyoota qabaachuu barbaaduun waanuma jirudha. Waaqayyo namoota kan uume warra kaan wajjin hariiroo uumuudhaan akka gammadan godheeti. (Uumama 2:18) Kanaafuu, hiriyoota horachuuf fedhii qabaachuun kee akkaataa itti uumamte wajjin wal sima. Taʼus, yeroo filattu of eeggadhu.

Ulaagaalee Dubbii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun kan filattu yoo taʼe hiriyoota gaggaarii argachuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi. Shamarreen waggaa 15 takka akkana jetteetti: “Hiriyoota Yihowaa fi si jaallatan argachuun ulfaataadha. Yeroo argattu garuu obsuun kee si kiisa.”

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Dubbiin nama hin miidhu jedhanii yaaduun dogoggora. Hamiin akkuma goraadee nama waraana. Irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?

[Miiljalee]

a Waaʼeen mana barumsaatti hiriyoota horachuu Boqonnaa 17 irratti balʼinaan ibsama.

CAQASA IJOO

“Namoota gowwoomsaa raawwatanii wajjin michuu hin taʼu, warra eenyummaa isaanii dhoksan irraas nan fagaadha.”—Faarfannaa 26:4.

GORSA GAARII

Intarneetii yeroo fayyadamtu saʼaatiin dafee deema. Kanaafuu, saʼaatii itti dhaabdu murteessi, saʼaatii murteessiterras hin darbin. Barbaachisaa taanaan saʼaatiin murteessite yeroo gaʼu akka si yaadachiisuuf alaarmii guuttadhu.

KANA BEEKTAA?

Namni si miidhuu barbaadu tokko si argachuuf maqaa kee, maqaa mana barumsaa kee fi lakkoofsa bilbilaa kee beekuun isaa qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Torbee torbeedhaan intarneetii fayyadamuudhaan saʼaatii dabarsuuf murteesseera, kana gochuufimmoo akkanan godha ․․․․․

Intarneetiidhaan naman hin beekne wajjin haasaʼaa akkan jiru yoon hubadhe akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Intarneetiidhaan haasaʼuun fuulaa fuulatti haasaʼuu wajjin yeroo wal bira qabamu buʼaa fi miidhaan isaa maalidha?

● Intarneetiidhaan yeroo haasaʼan amala adda taʼe argisiisuun salphaa kan taʼe maaliifi?

● Yeroo intarneetii fayyadamuudhaan dabarsitu toʼachuu kan dandeessu akkamitti?

● Karaa faayidaa qabuun intarneetiitti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 103rra jiru]

“Namootan jireenya isa dhugaa keessatti hin beekne ykn itti hin dhihaanne intarneetiidhaan hin haasofsiisu.”—Joʼaan

[Fakkii fuula 100, 101​rra jiru]

Naannoo balaa qabu keessa ija kee hidhattee ni deemtaa? Maarree, balaa inni geessisu utuu hin beekin intarneetiidhaan namoota wajjin maaliif haasofta?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi