LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Bitootessa ful. 9
  • Namoonni Karaa Weebsaayitii Hawaasaa Itti Michoomte Eenyufaʼi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni Karaa Weebsaayitii Hawaasaa Itti Michoomte Eenyufaʼi?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Intarneetiidhaan Hiriyoota Horachuun Rakkina Qabaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Kiyyoo Weebsaayitiin Hawaasaa Qabu Irraa Of Eeggadhu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Weeb Saayitii Keenya—Qayyabannaa Dhuunfaafi Qayyabannaa Maatiidhaaf Itti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Michoota Kee Ogummaadhaan Filadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Bitootessa ful. 9

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Namoonni Karaa Weebsaayitii Hawaasaa Itti Michoomte Eenyufaʼi?

Michuun “nama jaalalaan ykn kabajaan nama kan biraatti maxxanu” jedhamee ibsameera. Fakkeenyaaf, Daawit erga Goliyaadiin ajjeesee booda innii fi Yonaataan michummaa cimaa uumanii turan. (1Sa 18:1) Lamaan isaanii iyyuu amaloota inni tokko isa tokko akka jaallatu godhan qabu turan. Kanaafuu, michummaa cimaan akka gaariitti wal beekuu irratti kan hundaaʼe dha. Nama tokko akka gaariitti beekuun yeroo fi carraaqqii gaafata. Haa taʼu malee, weebsaayitii hawaasaa irratti namoonni takkuma cuqaasuudhaan namoota michuu dhugaa fakkaatanii wajjin wal baruu dandaʼu. Taʼus namoonni weebsaayitii hawaasaa fayyadaman wanta dubbatan dursanii qophaaʼuu fi hamma tokko namoonni kaan ilaalcha gaarii akka isaaniif qabaatan gochuu waan dandaʼaniif, eenyummaa isaanii isa dhugaa salphaatti dhoksuu dandaʼu. Kanaafuu namoota michoota godhannu of eeggannoodhaan filachuun keenya barbaachisaa dha. Miira isaaniin miidha jettee sodaachuudhaan gaaffii michummaa namoonni ati hin beekne siif dhiheessan fudhachuu diduu hin sodaatin. Namoonni tokko tokko balaa gaʼuu dandaʼu tilmaama keessa galchuudhaan weebsaayitii hawaasaa guutummaatti fayyadamuu dhiisuu filataniiru. Taʼus, weebsaayitii hawaasaa fayyadamuu yoo filatte maal sammuutti qabachuu qabda?

VIIDIYOO WEEBSAAYITII HAWAASAA YEROO FAYYADAMTU HUBANNAA QABAADHU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Viidiyoo “Weebsaayitii Hawaasaa Yeroo Fayyadamtu Hubannaa Qabaadhu” jedhamu irraa fakkii fudhatame. Shamarreen takka suuraa ishii televizyinii keessatti yeroo argitu naatee jirti.

    Yaada kennuu fi suuraa tokko maxxansuu kee dura maal tilmaama keessa galchuu qabda?

  • Viidiyoo “Weebsaayitii Hawaasaa Yeroo Fayyadamtu Hubannaa Qabaadhu” jedhamu irraa fakkii fudhatame. Miijana tokko irra karaa tokkoon suuraa bareedaan shamarree takkaa karaa isa biraatiin immoo saantimoonni hedduun irra kaaʼamanii jiru. Suuraan sun saantimoota sana caaleera.

    Namoota weebsaayitii hawaasaatiin itti michoomtu of eeggannoodhaan filachuu kan qabdu maaliifi?

  •  Viidiyoo “Weebsaayitii Hawaasaa Yeroo Fayyadamtu Hubannaa Qabaadhu” jedhamu irraa fakkii fudhatame. Namoonni sodaachisoon lama wanta weebsaayitii hawaasaa irratti bahe yeroo gurbaa tokkotti argisiisan ija isaa qabachaa jira.

    Yeroo weebsaayitii hawaasaa fayyadamuudhaan dabarsitu daangessuu kan qabdu maaliifi?—Efe 5:15, 16

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi