LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Waxabajjii ful. 7
  • Kiyyoo Weebsaayitiin Hawaasaa Qabu Irraa Of Eeggadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kiyyoo Weebsaayitiin Hawaasaa Qabu Irraa Of Eeggadhu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoonni Karaa Weebsaayitii Hawaasaa Itti Michoomte Eenyufaʼi?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Weebsaayitiin Hawaasaa Kan Na Miidhu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Ijoollee fi Weebsaayitii Hawaasaa—Kutaa 1: Ijoolleen Koo Weebsaayitii Hawaasaa Fayyadamuu Qabuu?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Abbaan Taayitaa Tokko Weebsaayitiin Hawaasaa Ijoollee Akka Miidhu Akeekkachiisan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Waxabajjii ful. 7

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kiyyoo Weebsaayitiin Hawaasaa Qabu Irraa Of Eeggadhu

Yesuus dhagaa gara daabbootti jijjiiruu dideera

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI: Akkuma meeshaalee kaanii weebsaayitiin hawaasaas nu fayyaduu ykn nu miidhuu dandaʼa. Kiristiyaanonni tokko tokko weebsaayitii hawaasaa fayyadamuu irra of qusachuu filataniiru. Kiristiyaanonni kaan immoo maatii fi michoota isaanii wajjin wal qunnamuuf weebsaayitii hawaasaatti fayyadamu. Haa taʼu malee, Diyaabilos weebsaayitii hawaasaatti karaa maqaa keenya balleessuun, akkasumas karaa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu miidhuun akka itti fayyadamnu barbaada. Akkuma Yesuus nutis dhugaawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanitti fayyadamnee balaa isaa hubachuudhaan irraa fagaachuu ni dandeenya.—Luq 4:4, 8, 12.

KIYYOO IRRAA FAGAACHUU QABNU:

  • Weebsaayitii hawaasaa saʼaatii dheeraa fayyadamuu. Saʼaatii dheeraa weebsaayitii hawaasaa fayyadamuudhaan dabarsuun, sochiiwwan hafuuraa akka hin raawwanne yeroo keenya nu jalaa fudhata

    Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: Efe 5:15, 16; Flp 1:10

  • Wantoota gaaffii kaasuu dandaʼan ilaaluu. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun gara araada pornogiraafiitti ykn saalqunnamtii raawwachuutti nama geessu. Barreeffama ykn weebsaayitii gantootaa dubbisuun amantii nama tokkoo balleessa

    Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: Mat 5:28; Flp 4:8

  • Yaada ykn suuraa sirrii hin taane intarneetii irratti baasuu. Garaan namaa gowwoomsaa waan taʼeef, namni tokko yaada ykn suuraa sirrii hin taane weebsaayitii hawaasaa irratti baasuuf qoramuu dandaʼa. Haa taʼu malee, akkana gochuun maqaa nama tokkoo balleessuu fi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu miidhuu dandaʼa

    Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: Rom 14:13; Efe 4:29

VIIDIYOO WEEBSAAYITII HAWAASAA YEROO FAYYADAMTU HUBANNAA QABAADHU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA KIYYOOWWAN KANAA GADII IRRAA AKKAMITTI OF EEGUU AKKA DANDEESSAN MARIʼADHAA:

Hattuun tokko weebsaayitii hawaasaatti fayyadamee abbaan manaa tokko mana akka hin jirre beeke
Namichi nama qacaru tokko wantoota sirrii hin taanee fi weebsaayitii hawaasaa irratti baafaman yeroo ilaalu
Weebsaayitii hawaasaa yeroo fayyadamnu jechoota gadhee taʼaniif saaxilamuu dandeenya
Namichi galgala weebsaayitii hawaasaa saʼaatii dheeraa fayyadamaa ture ganamaan dammaquun isatti ulfaate
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi