Seensa
Namoonni gaaffii, ‘Hawaanii fi jireenyi lafa irra jiru akkamitti jalqabe?’ jedhuuf deebii garaa garaa kennu. Maxxansi Dammaqaa! kun dhimma kana ilaalchisee ragaawwan jiran ofuma keetiin qoruudhaan murtoo mataa keetii irra akka geessu si jajjabeessa. Hawaan akkuma tasaa argame moo hojii Uumaa ti? Deebii isaa beekuun kee baayʼee si fayyaduu dandaʼa.