Hawaarraa Maal Baranna?
Hawaan qorattoota dinqisiisuu isaa itti fufeera. Qorattoonni hawaas meeshaalee hawaa caalaatti qorachuuf isaan gargaaran argataniiru. Maarree, maal hubatan?
Hawaan qindoomina kan qabu dha. Barruun Astronomy jedhamu akka ibsetti, “gaalaaksiin akkasumaan faffacaʼee kan argamu utuu hin taʼin, karaa qindoomina qabuun kan gurmaaʼe dha.” Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Saayintistoonni, kun akka taʼu kan godhe wanta ijaan hin mulʼannee fi daarki maatar jedhamu akka taʼe amanu. Wanti daarki maatar jedhamu kun “humna ijaan hin mulʼannee fi gaalaaksota, kilaastarootaa fi suuppar kilaastaroota gaalaaksii walitti qabatee jiru” akka taʼetti ibsameera.
Hawaan qindoomina akkasii qabaachuu kan dandaʼe akkamitti? Qindoominni akkasii akkuma tasaa argamuu dandaʼaa? Wanta qorataan hawaa Aalan Saandiij jedhaman dubbatan hubadhu. Namni kun “qorattoota hawaa jaarraa 20ffaa keessatti beekamoo fi iddoo guddaa qaban keessaa tokko” akka taʼanitti ilaalamu turan, Waaqayyottis ni amanu.
Akkana jedhaniiru: “Qindoominni akkasii wanta gurmaaʼina hin qabne irraa argamuu hin dandaʼu. Wanti qindoomina akka qabaatu godhe jiraachuu qaba.”
Hawaan jireenyaaf mijataa dha. Mee wanta saayintistoonni wiik foorsi jechuudhaan waaman akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Humni wiik foorsi jedhamu kun aduun karaa dhaabbataa taʼeen akka bobaatu godha. Humni kun isa ammaatii gadi utuu taʼee aduun matumaa hin jiraattu turte. Isa ammaatii ol utuu taʼee immoo gubattee baddi turte.
Hawaa keessa humnoonni jireenyi akka itti fufu godhan hedduun jiru. Barreessaa saayinsii kan taʼan Anal Anaantaasuwaamiin akka jedhanitti humnoota kana keessaa inni tokko illee adda utuu taʼee, “urjiileen, pilaaneetonnii fi gaalaaksonni matumaa jiraachuu hin dandaʼan. Jireenyis jiraachuu hin dandaʼu ture.”
Hawaan bakka jireenyaa ilmaan namootaatiif mijataa taʼe qaba. Lafti qilleensa naannoo mijataa taʼee fi bishaan gaʼaa qabdi; guddinni addeessi qabdus lafti madaallii ishii akka eeggattu gochuuf gaʼaa dha. Barruun National Geographic jedhamu akka ibsetti, “wantoonni naannoo lafaatti argamanii fi uumamawwan jiraatoon lafa irra jiran, pilaaneetiin kun jireenya ilmaan namootaatiif mijattuu akka taatu godhaniiru. Pilaaneetiin jireenyaaf mijataa taʼe kan biraan hin jiru.”a
Barreessaan tokko akka jedhetti, sirni aduu keenya urjiilee gaalaaksii keenya keessatti argaman irraa “baayʼee fagaatee argama.” Taʼus, baayʼee fagaatee argamuun isaa jireenyi lafa irra akka jiraatu godheera. Lafti urjiilee kaanitti dhihaattee gaalaaksii gidduu ykn qarqara jirti utuu taʼee, carallaawwan hedduu gara lafaatti dhufaniin kan kaʼe lubbuudhaan jiraachuu hin dandeenyu turre. Lafti garuu kutaa “gaalaaksii jireenyaaf mijataa taʼe” keessatti argamti.
Hayyuun fiiziksii Pool Deeviis jedhaman beekumsa saayinsii hawaa fi seerota isaa ilaalchisee qaban irratti hundaaʼuudhaan akkana jedhaniiru: “Jireenyi hawaa keessatti argamu, akkasumatti akka carraa argame jedhee hin amanu. . . . Kaayyoo itti uumamne qabna.” Deeviis Waaqayyo hawaa fi jireenya ilmaan namootaa akka uume hin barsiisan; garuu maal sitti fakkaata? Hawaanis taʼe lafti jireenyaaf mijatoo dha. Kun kan taʼe jireenyaaf mijatoo akka taʼanitti waan uumamaniif taʼuu hin dandaʼuu?
a Mata dureen barruu National Geographic jedhamu irratti baʼe kun lafaa fi ilmaan namootaa kan uume Waaqayyo akka taʼe hin ibsu. Kanaa mannaa, lafti jireenya ilmaan namootaatiif mijattuu taʼuu ishii dubbata.