LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 3 ful. 3
  • Murteessuu kan Dandeessu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Murteessuu kan Dandeessu Akkamitti?
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amantii Uumaa Irratti Qabdu Cimsadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Jireenyi kan Jalqabe Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Ragaa Jiru Qori
    Dammaqaa!—2021
  • Seensa
    Dammaqaa!—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 3 ful. 3
Dubartii qeesii Kitaaba Qulqulluu qabatee jiruu fi saayintistii moodelii DNA qabatee jiru ilaalaa jirtu.

Murteessuu kan Dandeessu Akkamitti?

“Hawaan wanta hin jirre irraa of uumuu ni dandaʼa.”—Isteefan Haawukiingii fi Liyoonardi Maloodinaaw, hayyoota fiiziksii.

“Waaqayyo samii fi lafa uume.”—Kitaaba Qulqulluu, Uumama 1:1.

Hawaa fi jireenya isa keessa jiru Waaqayyotu uume moo akkuma carraa kan argamani dha? Yaanni hayyoonni fiiziksii lamaan dubbatanii fi yaanni Kitaaba Qulqulluu olitti ibsame, gaaffii kanaaf deebii guutummaatti garaa gara taʼe kennu. Namoonni yaadawwan lamaanuu cimsanii deggaran jiru. Taʼus, namoonni hedduun waaʼee kanaa mirkanaaʼoo miti. Namoonni kitaabota beekamoo taʼanitti fayyadamanii, akkasumas sagantaawwan televizyinii irratti dhihaatanii dhimma kana irratti wal falmu.

Barsiisonni kee hawaanii fi jireenyi isa keessa jiru kan argame akkuma tasaa akka taʼee fi Uumaan akka hin jirre shakkii tokko malee dubbatu taʼa. Garuu barsiisonni kee ragaa Uumaan akka hin jirre argisiisu siif dhiheessaniiruu? Karaa kan biraatiin immoo, geggeessitoonni amantaa Uumaan akka jiru yeroo lallaban dhageesseetta taʼa; garuu isaan hoo ragaa amansiisaa siif dhiheessaniiruu? Moo akkasumatti akka amantu sitti himan?

Tarii atis waaʼee kanaa yaaddee Uumaan jiraachuuf dhiisuu isaa eenyu illee mirkanaaʼaa taʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Tarii immoo, ‘Deebii kanaa beekuun barbaachisaa dhaa?’ jettee yaadda taʼa.

Barruun Dammaqaa! kun jalqaba irratti, ragaawwan namoonni baayʼeen Uumaan jiraachuu isaa akka amanan isaan taasisan tokko tokko dhiheessa. Itti aansuudhaan immoo, jireenyi lafa irratti argamu akkamitti akka jalqabe beekuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibsa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi