QAALAʼIINSA JIREENYAA DANDAMACHUU
Maallaqa Kee Ogummaadhaan Fayyadami
Gatiin miʼootaa dabaluunsaa hunda keenyaafiyyuu ulfaataadha. Haataʼu malee, homaa gochuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamuu hin qabu. Haala kee fooyyessuudhaaf wantoonni gochuu dandeessu jiru.
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
Baasii kee hin toʼattu taanaan rakkina maallaqaa keessa galta; kunimmoo, yaaddoo fi dhiphinni kee akka itti caalu gochuu dandaʼa. Maallaqni qabdu muraasa yoo taʼellee, baasii kee toʼachuudhaaf wantoonni gochuu dandeessu hedduun jiru.
WANTA GOCHUU DANDEESSU
Humna keetii ol hin baasin. Humna keetii ol hin baastu taanaan tasgabbaaʼuu dandeessa; akkasumas baasii hin eegamnee fi fuulduratti si mudachuu dandaʼuuf qophaaʼuu dandeessa.
Humna keetii ol akka hin baasne akka si gargaaruuf, baajata qopheeffadhu ykn galii kee fi baasii kee galmeessii qabadhu. Baajata yommuu qopheeffattu wanta dhugumaan si barbaachisu adda baafadhu. Baajata baafatte sirriitti hordofi, akkasumas yeroo galiin kee ykn gatiin miʼootaa jijjiiramu sirreeffama godhi. Dhugaadha, gaaʼela dhaabbatteetta yoo taʼe, murtoo akkamiiyyuu gochuu kee dura hiriyaa gaaʼelaa kee mariisisuu qabda.
Akkas gochuuf yaali: Miʼa tokko duubeedhaan bitachuu mannaa yoo dandeesse yeruma sana kaffalii bitadhu. Namoonni tokko tokko akkas gochuun isaanii baajata isaanii toʼachuu fi liqiirraa fagaachuuf akka isaan gargaare hubataniiru. Akkasumas galii jiʼichatti argattee fi baasii jiʼichatti baaste beekuuf herrega baankii kee ilaali. Maallaqa hangamii akka qabdu beekuun kee yaaddoo kee siif hirʼisuu dandaʼa.
Akka humna keetti jiraachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, baajata qabatamaa taʼee fi sirriitti itti yaadame qopheeffachuun kee gargaarsa guddaa siif gochuu dandaʼa. Akkas gochuun kee caalaatti akka tasgabbooftu si gargaaruu dandaʼa.
Hojii kee akka hin dhabneef jabaadhuu hojjedhu. Hojii kee akka hin dhabneef maalfaa gochuu dandeessa? Saʼaatii hojii kabaji. Hojii keetiif ilaalcha gaarii qabaadhu. Warra kaan gargaaruuf fedhii qabaadhu, akkasumas jabaadhuu hojjedhu. Namoota kabaji. Qajeelfama hordofi, akkasumas dandeettii kee fooyyeffachuuf yaali.
Maallaqa hin qisaasessin. ‘Yeroo baayʼee humna kootii ol nan baasaa ykn maallaqa nan qisaasessaa?’ jedhii of gaafadhu. Fakkeenyaaf, namoonni baayʼeen maallaqa itti dadhabanii argatan, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuudhaan, qumaara taphachuudhaan, sijaaraa xuuxuudhaan ykn garmalee dhugaatii alkoolii dhuguudhaan qisaasessu. Barsiifatawwan kun fayyaa isaanii miidhuu, akkasumas hojiisaanii isaan dhabsiisuu dandaʼu.
Baasii hin eegamneef maallaqa kaaʼadhu. Kan dandaʼamu taanaan, baasii hin eegamneef ykn baasii hatattamaatiif maallaqa muraasa kaaʼadhu. Maallaqni kun ati ykn miseensi maatii kee tokko yoo dhukkubsattan, hojii yoo dhabdan ykn rakkinni hin eegamne kan biraan yoo isin mudate hamma tokko tasgabbaaʼuuf isin gargaara.