BOQONNAA 19
Maallaqa Kootti Ogummaadhaan Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Maallaqa gaʼaa akka hin qabne sitti dhagaʼamee beekaa?
□ Matumaa
□ Yeroo tokko tokko
□ Yeroo baayʼee
Wanta humna keetii ol taʼe bittee beektaa?
□ Matumaa
□ Yeroo tokko tokko
□ Yeroo baayʼee
Gatiin isaa waan hirʼateef qofa wanta si hin barbaachisne tokko bittee beektaa?
□ Matumaa
□ Yeroo tokko tokko
□ Yeroo baayʼee
MAALLAQA gaʼaa akka hin qabne sitti dhagaʼamaa? Maallaqa dabalataa utuu qabaattee moobaayilii barbaaddu sana bitachuu akka dandeessu sitti dhagaʼama. Mindaan kee utuu siif dabalamee kophee barbaaddu sana bitachuu akka dandeessu yaadda. Yookiinimmoo akkuma Joʼaan sitti dhagaʼama taʼa. Akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko hiriyoonni koo sochiiwwan baasii guddaa gaafatanirratti isaan wajjin akkan hirmaadhu na affeeru. Hiriyoota koo wajjin utuun bashannanee natti tola. Namni, ‘Maallaqa waanan hin qabneef deemuu hin dandaʼu’ jechuu barbaadu hin jiru.”
Maallaqa waan hin qabaanneef aaruu mannaa maallaqa argattutti ogummaadhaan fayyadamuu maaliif hin barattu? Itti fayyadama maallaqaa barachuuf hamma of dandeessee jiraattutti eegda taʼa. Garuu mee yaadi, bishaan daakuu utuu hin beekin bidiruurraa utaaltee bishaan keessa ni seentaa? Dhugaadha, namni tokko bishaan daakuun maal akka fakkaatu ilaaluu dandaʼa taʼa. Haa taʼu malee, utaalee bishaanitti lixuu isaa dura akkamitti bishaan akka daakan hamma tokko utuu beekee gaariidha.
Haaluma wal fakkaatuun, yeroon baasii kee hundumaatiif itti kaffaltu gaʼuu isaa dura, utuma warra kee wajjin jirtuu itti fayyadama maallaqaa barachuun kee gaariidha. Solomoon Mootichi “maallaqni eegumsa [akka] argamsiisu” barreesseera. (Lallaba 7:12) Maallaqni eegumsa kan siif argamsiisu garuu, ogummaadhaan itti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe yoo baratte qofadha. Akkas gochuun kee ofitti amanannaa kee siif guddisa, warri kees caalaatti kabaja akka siif qabaatan godha.
Wantoota Buʼuuraa Baradhu
Maatii kee bulchuuf wantoonni akkamii akka si barbaachisan warra kee gaafattee beektaa? Fakkeenyaaf, jiʼatti ibsaa fi bishaaniif, akkasumas konkolaataa bitachuuf, nyaata bitachuu fi kiraa manaatiif maallaqni hammamii akka barbaachisu beektaa? Baasiin kun baasii kees akka taʼe yaadadhu; of dandeessee kan jiraattu yoo taʼe baasii akkasiitiif situ kaffala. Kanaafuu, of dandeessee jiraachuuf maallaqni hammamii akka si barbaachisu sii galeera. Warri kee baasii maatichaa tokko tokko akka sitti himan isaan gaafadhu; achiis baajata kan baafatan akkamitti akka taʼe yeroo sitti himan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu.
Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeessi ni dhagaʼa, barumsa dabalataas ni argata; namni hubataan qajeelfama gaarii ni argata” jedha. (Fakkeenya 1:5) Aanaan qajeelfama warra ishii gaafattee turte. “Abbaan koo akkamitti baajata qopheeffachuu akkan dandaʼu na barsiiseera, akkasumas baasii maatichaa galmeessanii qabachuun hammam barbaachisaa akka taʼe natti argisiiseera” jetteetti.
Haati ishiis wantoota barbaachisoo kan biroo ishii barsiisteetti. Aanaan, “Wanta tokko bitachuu koo dura gatii isaa wal madaalchisuun faayidaa akka qabu natti argisiisteetti; Harmeen maallaqa xinnoodhaan wanta baayʼee bituu dandeessi” jetteetti. Maarree, Aanaan faayidaa akkamii argatte? Akkana jetteetti: “Amma baasii koo hunda kaffaluu nan dandaʼa. Baasii koo waanan toʼadhuuf liqii hin barbaachisne keessa hin galu; kunimmoo bilisummaa fi nagaa sammuu naaf argamsiiseera.”
Rakkina Si Mudatu Beeki
Keessumaa kan jiraattu warra kee wajjin yoo taʼee fi maallaqni si barbaachisu kan siif kennamu yoo taʼe ykn hojii maallaqa siif argamsiisu qabda taanaan, baasii kee toʼachuun akka yaaddutti salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Akkas kan jennu maaliifi? Baasii kee hedduu kan siif kaffalan warra kee waan taʼaniifi. Kanaafuu, maallaqa kee keessaa baayʼee isaa akka barbaaddetti fayyadamta. Maallaqa baasuun kees si hin yaaddessu taʼa.
Haa taʼu malee, hiriyoonni kee humna keetii ol akka baastu yoo dhiibbaa sirratti godhan rakkinni uumamuu dandaʼa. Shamarreen waggaa 21 Elinaa jedhamtu akkana jetteetti: “Hiriyoonni koo waa bitachuu akka bashannanaatti ilaalu. Seera, ‘Bashannanuu yoo barbaadde maallaqa baasuu qabda’ jedhu waan qaban fakkaata.”
Hiriyoota kee fakkaachuu barbaaduun waanuma jirudha. Haa taʼu malee, ‘Hiriyoota koo wajjin yeroon taʼu baasuu waanuman dandaʼeef qofa ykn akkan baasu waan narraa eeganiif qofa maallaqa nan balleessaa?’ jedhii of gaafadhu. Namoonni baayʼeen maallaqa kan baasan hiriyoonni isaanii fi namoonni kaan akka isaan kabajan waan barbaadaniifi. Eenyummaa isaaniitiin utuu hin taʼin, wanta qabaniin akka isaan dinqisiifatan gochuuf yaalu. Amalli akkasii keessumaa kaardii ATM yoo qabaatte rakkina guddaadhaaf si saaxiluu dandaʼa. Maarree, rakkina akkasiirraa ooluu kan dandeessu akkamitti?
Baasii Kee Toʼadhu
Halkanuma tokkotti maallaqa qabdu hundatti fayyadamuu mannaa mala Elinaan fayyadamtetti fayyadamuuf maaliif hin yaaltu? Akkana jetteetti: “Hiriyoota koo wajjin yommuun yeroo dabarsuuf yaadu, dursee karoora baasuudhaan maallaqa hammamii akkan baasu nan murteessa. Mindaan koo kallattiidhaan baankiitti naa gala; kanaafuu, kanan baasu maallaqa yeroo sanatti na barbaachisu qofadha. Gara gabaa kanan dhaqus hiriyoota koo maallaqa isaaniitti of eeggannoodhaan fayyadaman, akkasumas gatii akkan wal madaalchisuu fi wantuman jalqabarratti arge akkan hin bitanne na jajjabeessan wajjin qofadha.”
Keessumaa kaardii ATM qabda taanaan gorsawwan kana hojiirra oolchuu barbaadda taʼa.
● Hojjettoota baankii dabalatee eenyuuttiyyuu lakkoofsa PIN kee hin kennin.
● Kaardii keetti fayyadamtee wantoota barbaachisoo hin taane bitachuurraa of qusadhu. Kun maallaqa kee si jalaa qisaasessuu dandaʼa.
● Maallaqa si hin barbaachisne baafachuuf kaardii keetti hin fayyadamin; akkas gochuun kee wanta hin karoorfanne bitachuuf akka qoramtu gochuu dandaʼa.
● Kaardii kee hiriyaa kee dabalatee eenyuufiyyuu hin ergisin.
Haa taʼu malee, maallaqa dabalataa qabaachuun kee qofti rakkina maallaqa baasuurratti qabdu sii furuu ni dandaʼaa? Lakki! Fakkeenyaaf, konkolaachisaa utuu jirtuu konkolaataa kee toʼachuun yoo si rakkise ykn ija kee dunuunfattee oofta yoo taʼe, bobaʼaa dabalataa qabaachuun kee qofti nagaadhaan bakka yaadde gaʼuuf si gargaaraa? Haaluma wal fakkaatuun, maallaqa keetti akkamitti akka fayyadamu hin beektu taanaan maallaqa dabalataa argachuun kee qofti haalli kee akka fooyyaʼu hin godhu.
Tarii ammayyuu maallaqa keetti ogummaadhaan fayyadamaa akka jirtu sitti dhagaʼama taʼa. Taʼus, ‘Jiʼa darbe keessa maallaqa hammamiin baase? Maalirrattan baase?’ jedhii of gaafadhu. Waaʼee kanaa mirkanaaʼaa mitii? Yaadawwan armaan gaditti ibsaman maallaqa keetti ogummaadhaan fayyadamuuf si gargaaru.
1. Galmeessi. Yoo xinnaate jiʼa tokkoof maallaqa argattee fi guyyaa itti argatte galmeessi. Wantoota bitatte hundaa fi gatii isaanii galmeessi. Achiis dhuma jiʼichaarratti maallaqa argatte walitti idaʼi, baasii kees walitti idaʼi.
2. Baajata baafadhu. Chaartii fuula 163 irratti argamu ilaali. Tarree isa jalqabaarratti, maallaqa jiʼatti argattu galmeessi. Tarree isa lammaffaarratti, wantoota maallaqa keetiin bituuf yaadde barreessi; wantoota galmee kee (tarkaanfii 1ffaa) irratti barreeffatte buʼuura godhachuu dandeessa. Jiʼicha keessattimmoo maallaqa wantoota karoorfatteef baaste tarree sadaffaa keessatti barreessi. Maallaqa utuu itti hin yaadin baastes barreessi.
3. Barsiifata keerratti sirreeffama godhi. Wantoota tokko tokkorratti gatii yaadde caalaa yoo baastee fi liqiin sirra jira taanaan itti fayyadama maallaqaa keerratti sirreeffama godhi. Liqii sirra jiru kaffali. Barsiifata itti fayyadama maallaqaarratti qabdu toʼadhu.
Maallaqni karaa sirriidhaan yoo itti fayyadamte tajaajilaa kee taʼuu dandaʼa. Aadaawwan hedduu keessatti namoonni maallaqa argachuu fi itti fayyadama isaa beekuu akka kutaa jireenyaa isaanitti ilaalu. Taʼus ilaalcha madaalamaa qabaachuuf yaali. Dargaggeessi Maatiwu jedhamu, “Maallaqni barbaachisaa taʼus wanta hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe miti. Matumaa maatii keenya ykn Yihowaa caalchisnee ilaaluu hin qabnu” jedheera.
Maatiin kee hiyyeeyyiidhaa? Taanaan, haala isaa dandamachuu kan dandeessu akkamitti?
CAQASA IJOO
‘Maallaqni eegumsa argamsiisa, caalmaan beekumsaa fi ogummaa garuu nama isaan argate lubbuudhaan jiraachisuu isaaniiti.’—Lallaba 7:12.
GORSA GAARII
Gara gabaa dhaquu kee dura wanta bitattu barreeffadhu. Maallaqa si barbaachisu qofa fudhadhuu dhaqi, wanta barreeffatteen ala hin bitin.
KANA BEEKTAA?
Dhaabbata liqaa tokkorraa waggaatti kaffaltee xumuruuf dhala dhibbeentaa 16tiin qarshii 2,000 liqeeffattee utuu hin kaffalin waggaan lama utuu darbee, kaffaltii tajaajilaa fi adabbii isaa dabalatee qarshii liqeeffatteen ala dhala qarshii 1,314 kaffaluu qabda.
WANTAN GOCHUU YAADE
Baasii koo toʼachuuf akkanan godha ․․․․․
Kaardii ATM kootti fayyadamee waa bituu koo dura akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Utuma warra kee wajjin jirtuu itti fayyadama maallaqaa barachuu kan qabdu maaliifi?
● Maallaqa keetti ogummaadhaan fayyadamuun kan si rakkisu maaliif taʼuu dandaʼa?
● Maallaqa keetti fayyadamtee warra kaan gargaaruu kan dandeessu akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 162rra jiru]
“Baajata yeroon baafadhu maallaqa baayʼeen qusadha. Wantoota na hin barbaachisne hin bitu.”—Liyaa
[Saanduqa fuula 158rra jiru]
Itti Fayyadamni Maallaqaa Kee Waaʼee Kee Wanta Dubbatu Qaba
Maallaqa kee maalirratti baasta? Maallaqa keetti fayyadamte namoota gargaaruu barsiifata godhatteetta taanaan, namootaaf garaadhaa akka yaaddu dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin gochaanis argisiisaa jirta. (Yaaqoob 2:14-17) Yeroo hunda waaqeffannaa qulqulluu deeggaruuf buusii kan gootu yoo taʼe “qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun Yihowaadhaaf ulfina [kennita].” (Fakkeenya 3:9) Haa taʼu malee, maallaqa kee yeroo hunda wanta si barbaachisuu fi wanta barbaaddu bituuf kan itti fayyadamtu yoo taʼe itti fayyadamni maallaqaa kee waaʼee kee maal dubbata?
[Chaartii/Fakkii fuula 163rra jiru]
Gilgaala
Baajata Jiʼaa
Fuula kana maxxanfadhu
Galii
KAN NAAF KENNAMU
HOJJEDHEE KANAN ARGADHU
KAN BIRAA
Idaʼama
qarshii․․․․․
Baajata Baasii
NYAATA
․․․․․
UFFATA
․․․․․
BILBILA
․․․․․
BASHANNANA
․․․․․
BUUSII
․․․․․
QUSANNAA
․․․․․
KAN BIRAA
․․․․․
Idaʼama
qarshii․․․․․
Kanan Baase
NYAATA
․․․․․
UFFATA
․․․․․
BILBILA
․․․․․
BASHANNANA
․․․․․
BUUSII
․․․․․
QUSANNAA
․․․․․
KAN BIRAA
․․․․․
Idaʼama
qarshii․․․․․
[Fakkii fuula 160rra jiru]
Maallaqa toʼannaa malee fayyadamuun akkuma dunuunfatanii konkolaataa oofuuti