LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hf kutaa 4 ful. 12-14
  • Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuu
  • Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 OF EEGGANNOODHAAN KAROORFADHAA
  • 2 BILISAAN WALIIN HAASAʼAA, ILAALCHA DHUGAA JIRURRATTI HUNDAAʼES QABAADHAA
  • Qarshiidhaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu
    Dammaqaa!—2015
  • Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Maallaqa Kootti Ogummaadhaan Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Maallaqa
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
hf kutaa 4 ful. 12-14
Hiriyoota gaaʼelaa yeroo waa bitanitti wanta bitan ilaalchisee wanta dursanii barreessan ilaalaa jiran

KUTAA 4

Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuu

“Wanti yaadame, mareedhaan jabaatee in dhaabata.”​—Fakkeenya 20:18

Wanta maatii keenyaaf barbaachisu guutuuf hundi keenyayyuu qarshiin nu barbaachisa. (Fakkeenya 30:8) Qarshiin ykn ‘horiin nama golga.’ (Lallaba 7:12) Hiriyoota gaaʼelaa kan taatan waaʼee qarshiirratti wal faana haasaʼuun isinitti ulfaachuu dandaʼus, dhimmi qarshii wajjin wal qabate gaaʼela keessan keessatti rakkina akka uumu hin heyyaminaa. (Efesoon 4:32) Hiriyoonni gaaʼelaa itti fayyadama qarshii ilaalchisee wal amanuufi waliin taʼanii murteessuu qabu.

1 OF EEGGANNOODHAAN KAROORFADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo taʼeef, taaʼee kan hin shallagne eenyu?” (Luqaas 14:28) Qarshii qabdanitti akkamitti akka fayyadamtan waliin taatanii karoora baafachuun keessan barbaachisaadha. (Amos 3:3) Wanta bituu qabdaniifi wanta sana argachuuf baasii hammamii baasuu akka dandeessan murteessaa. (Fakkeenya 31:16) Qarshii wanta tokko bituuf isin dandeessisu qabdu jechuun, wanta sana bituu qabdu jechuu miti. Liqii keessa akka hin galle of eeggadhaa. Qarshii of harkaa qabdan qofatti fayyadamaa.—Fakkeenya 21:5; 22:7.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Dhuma jiʼaarratti qarshiin yoo isin harkatti hafe, waliin taʼuudhaan maal akka ittiin gootan mariʼadhaa

  • Qarshiin isin hirʼateera taanaanimmoo, baasii keessan xiqqeessuuf karoora baafadhaa. Fakkeenyaaf, alaa nyaachuu mannaa nyaata keessan manatti qopheeffachuun gaarii taʼuu dandaʼa

Hiriyoota gaaʼelaa qarshiitti sirriitti fayyadamuuf of eeggannoodhaan karoora baafachaa jiran

2 BILISAAN WALIIN HAASAʼAA, ILAALCHA DHUGAA JIRURRATTI HUNDAAʼES QABAADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Kanaafis namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi buʼaa dhagna walii ti.” (Efesoon 4:25) Galii hammamii akka argattuufi qarshii meeqa baasii akka goote hiriyaa gaaʼelaakee hin dhoksin.

Qarshii wajjin haala wal qabateen murtoo tokko gochuukee dura hiriyaa gaaʼelaakee wajjin mariʼadhu. (Fakkeenya13:10) Waaʼee qarshii kaasanii walii wajjin mariʼachuun gaaʼela keessa nagaan akka jiraatu gochuuf gargaara. Galiin argattu kankee qofa utuu hin taʼin kan maatiikee akka taʼetti ilaali.​—1 Ximotewos 5:8.

Hiriyoota gaaʼelaa qarshiitti sirriitti fayyadamuuf of eeggannoodhaan karoora baafachaa jiran

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Utuu walitti hin himin qarshii hammamii baasii gochuu akka dandeessan, waliin taʼaatii murteessaa

  • Rakkinni qarshii wajjin wal qabate uumamuusaa dura waliin mariʼadhaa

QARSHIIDHAAF ILAALCHA AKKAMII QABAACHUU QABDU?

Qarshiin barbaachisaa taʼus, gaaʼela keessan akka jeequ ykn dhiphina akka isinitti fidu hin heyyaminaa. (Maatewos 6:25-34) Jireenyatti gammaduuf qarshii hedduun isin hin barbaachisu. Macaafni Qulqulluun, “Sassata hundumaattiis of eeggadhaa” jedha. (Luqaas 12:15) Wanti qarshiin bituu dandaʼu kamiyyuu gaaʼela keessanirra hin caalu. Kanaaf wanta qabdanitti gammadaa jiraadhaa; walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabdanis gonkumaa hin dagatinaa. Yoo akkas gootan, maatiin keessan gammachuu qabaata; akkasumas Yihowaa duratti fudhatama argattu.—Ibroota 13:5.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Liqii keessa akka hin seenneef maal gochuu dandeenya?

  • Aniifi hiriyaan gaaʼelaakoo waaʼee qarshii waliin erga haasofnee turreerraa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi