LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 166
  • Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa maal jedha?
  • Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqa jaalachuu kan nu akeekkachiisu maaliifi?
  • Gorsa Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa kennu faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
  • Qarshiidhaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu
    Dammaqaa!—2015
  • Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuu
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Gammachuu Argachuuf Maaltu Nu Gargaara?
    Dammaqaa!—2021
  • Kitaabni Qulqulluun Hojii fi Maallaqa Ilaalchisee Maal Jedha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 166
Namni tokko maallaqa hedduu hammaarrachuuf yommuu yaalii godhu.

Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Lakki. Kitaabni Qulqulluun maallaqni miidhaa akka geessisu hin ibsu; akkasumas maallaqni hundee wantoota hamoo taʼanii akka taʼes hin ibsu. Yaanni Kitaaba Qulqulluu irraa akka fudhatame dubbatamuu fi ‘maallaqni hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa ti’ jedhu, yaada guutuu kan hin qabannee fi ergaa dogoggoraa kan dabarsu dha. Kitaabni Qulqulluun, “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha” jedha.a—1 Ximotewos 6:10.

  • Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa maal jedha?

  • Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqa jaalachuu kan nu akeekkachiisu maaliifi?

  • Gorsa Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa kennu faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee maallaqaa dubbatan

Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa maal jedha?

Kitaabni Qulqulluun maallaqni ogummaadhaan yommuu itti gargaaramnu nu fayyaduu akka dandaʼuu fi “eegumsa” nuuf argamsiisuu illee akka dandaʼu ibsa. (Lallaba 7:12) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun maallaqa dabalatee namoota wantoota qaban warra kaaniif arjummaadhaan kennan ni galateeffata.—Fakkeenya 11:25.

Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya keessatti maallaqaaf bakka guddaa akka hin kennine nu akeekkachiisa. Akkana jedha: “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.” (Ibroota 13:5) Barumsi caqasa kana irraa argannu, maallaqa karaa sirrii taʼeen akka itti fayyadamnuu fi qabeenya akka hin hordofne nu akeekkachiisa. Kanaa mannaa, wantoota buʼuuraa nu barbaachisan kan akka nyaata, uffataa fi bakka jireenya argannetti gammannee jiraachuu qabna.—1 Ximotewos 6:8.

Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqa jaalachuu kan nu akeekkachiisu maaliifi?

Namoonni sassatoon jireenya bara baraa hin argatan. (Efesoon 5:5) Wanti kanaaf sababii taʼu tokko, sassatuun waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼuu isaa ti. (Qolosaayis 3:5) Lammaffaan immo, namoonni sassatoon wanta barbaadan argachuuf yommuu carraaqanitti yeroo baayʼee qajeelfama naamusaa faana haala wal simuun hin jiraatan. Fakkeenyi 28:20, “Namni sooressa taʼuuf jarjaru . . . qulqulluu taʼee hin jiraatu” jedha. Namni akkasii yakkawwan kan akka sossodaachisanii qarshii fudhachuu, saamuu, gowwoomsuu, ukkaamsanii fudhachuu fi nama ajjeesuu raawwachuuf qoramuu dandaʼa.

Namni tokko jaalala maallaqaatiin kakaʼee wanta hamaa raawwachuu baatus miidhaawwan kan biroon isa irra gaʼuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun, “Warri sooressa taʼuuf kutatanii kaʼan garuu qorumsaa fi kiyyoo keessatti kufu; kana malees hawwii hedduu faayidaa hin qabnee fi miidhaa geessisu . . . keessatti kufu” jedha.—1 Ximotewos 6:9.

Gorsa Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa kennu faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

Qarshiidhaaf jennee wanta sirrii akka taʼe beeknuu fi Waaqayyoon gammachiisu raawwachuu yoo dhiisuu baanne, ofiif kabaja qabaanna; Waaqayyo durattis fudhatama qabaanna, akkasumas deggersa isaa arganna. Namoota garaa qajeelaa qabaniif isa gammachiisuuf carraaqaniif, Waaqayyo waadaa “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jedhu isaaniif galeera. (Ibroota 13:5, 6) Akkasumas, “Namni amanamaan eebba hedduu argata” jechuudhaan isaaniif mirkaneesseera.—Fakkeenya 28:20.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee maallaqaa dubbatan

Lallaba 7:12: “Maallaqni eegumsa [argamsiisa].”

Hiika: Maallaqni hamma tokko nageenyi akka nutti dhagaʼamu waan godhuuf, ogummaadhaan hamma itti gargaaramnetti nu fayyaduu dandaʼa.

Luqaas 12:15: “Namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe [miti].”

Hiika: Wanti jireenya keenya keessatti baayʼee barbaachisaa taʼe maallaqa miti; akkasumas maallaqni fayyina nuuf argamsiisuu hin dandaʼu.

1 Ximotewos 6:10: “Jaalalli maallaqaa hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa ti; namoonni tokko tokko jaalala kana utuu hordofanii daandii amantii irraa goraniiru, dhiphina hedduudhaanis of waraananiiru.”

Hiika: Maallaqni mataa isaatti gadhee miti. Taʼus namoonni maallaqa jaallatan, jechuunis jireenya isaanii keessatti bakka guddaa kennan ofii isaanitti rakkina fidu, rakkoowwan kunneen immoo maatiin isaanii akka diigamu gochuu fi gar malee hojiidhaan muddamuu isaaniitiin kan kaʼe dhibee fayyaatiif akka saaxilamuu gochuu dandaʼu.

Ibroota 13:5: “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.”

Hiika: Qabeenya argachuuf jecha aarsaa kam iyyuu kaffaluu mannaa, wantoota buʼuuraa nu barbaachisanitti gammannee jiraachuun keenya ogummaa dha.

Maatewos 19:24: “Namni sooressi Mootummaa Waaqayyootti galuu mannaa, gaalli qaawwa lilmoo keessa hulluuquutu salphata.”

Hiika: Yesuus yaada kana dubbachuu isaa dura dargaggeessi sooressi tokko akka isa hordofu isa afeeree ture. Dargaggeessi sun garuu qabeenya isaa baayʼee kan jaallatu waan tureef afeerraa isaa utuu hin fudhatin hafe. Kanaaf Yesuus yeroo kanatti akeekkachiisa kennaa jira. Namni tokko Waaqayyo caalaa qabeenyaaf bakka guddaa kan kennu yoo taʼe jireenya bara baraa dhabuu dandaʼa.

a Caqasni kun, “ jaalalli maallaqaa hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa ti” jedhamees hiikamuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi