LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 1 ful. 8-9
  • Gammachuu Argachuuf Maaltu Nu Gargaara?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gammachuu Argachuuf Maaltu Nu Gargaara?
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jabaadhuu Hojjedhu
  • Amanamaa Taʼi
  • Maallaqaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaadhu
  • Barumsa Si Fayyadu Baradhu
  • Qarshiidhaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu
    Dammaqaa!—2015
  • Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuu
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Kitaabni Qulqulluun Hojii fi Maallaqa Ilaalchisee Maal Jedha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 1 ful. 8-9
Biyya Hindii keessa naannoo gabaa namoonni itti baayʼatanitti namoonni wantoota gatii guddaa qaban utuma ilaalanii haati takkaa fi mucaan ishii wanta qabanitti gammadaa deemaa jiru.

Gammachuu Argachuuf Maaltu Nu Gargaara?

Qeenxees taane gaaʼela kan godhanne, dargaggootas taane maanguddoota hundi keenya iyyuu gammachuu qabaachuu barbaanna. Uumaan keenyas akka gammannu waan barbaaduuf gorsa gaarii nuu kenneera.

Jabaadhuu Hojjedhu

“Nama rakkateef wanta kennu akka qabaatuuf harka isaatiin jabaatee hojii gaarii haa hojjetu.”—EFESOON 4:28.

Uumaan keenya hojiidhaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu barbaada. Maaliif? Namni jabaatee hojjetu ofii isaa fi maatii isaatiif wanta barbaachisu dhiheessuu waan dandaʼuuf gammadaa dha. Nama rakkate illee gargaaruu ni dandaʼa. Namni isa qacare iddoo guddaa waan isaaf kennuuf, namni jabaatee hojjetu yeroo baayʼee hojii isaa hin dhabu. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun jabaatanii hojjechuun “kennaa Waaqayyoo” akka taʼe ibsuun isaa sirrii dha.—Lallaba 3:13.

Amanamaa Taʼi

“Nuti qalbii qulqulluu akka qabnu ni amanna; waan hundumaa irrattis amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.”—IBROOTA 13:18.

Amanamaa yoo taane ofiif kabaja ni qabaanna, nagaa sammuu ni qabaanna, hirriiba gaariis ni arganna. Kana malees, namoonni nu amanu, akkasumas nu kabaju. Namoonni amanamoo hin taane garuu faayidaawwan kana of dhabsiisu. Qalbiin isaaniis isaan ceephaʼa; ‘Guyyaa tokko qabamuu dandeenya’ jedhanii waan yaaddaʼaniif sodaadhaan jiraatu.

Maallaqaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaadhu

“Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.”—IBROOTA 13:5.

Nyaataa fi wantoota nu barbaachisan kaan argachuuf maallaqni nu barbaachisa. Haa taʼu malee, “jaalalli maallaqaa” miidhaa guddaa geessisa. Namni maallaqa jaallatu yeroo fi humna isaa maallaqa dabalataa argachuuf dhamaʼuudhaan fixa. Kun immoo walitti dhufeenya hiriyaa gaaʼelaa isaa wajjin qabu jalaa balleessa, ijoollee isaa wajjin yeroo gaʼaa dabarsuu akka hin dandeenye godha, fayyaa isaas jalaa miidha. (1 Ximotewos 6:9, 10) Kana irra kan hammaatu immoo, namni kun amanamummaa isaa hirʼisuuf illee qoramuu ni dandaʼa. Namni ogeessi tokko, “Namni amanamaan eebba hedduu argata, namni sooressa taʼuuf jarjaru garuu qulqulluu taʼee hin jiraatu” jedheera.—Fakkeenya 28:20.

Barumsa Si Fayyadu Baradhu

“Ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu.”—FAKKEENYA 3:21.

Barumsi gaariin nama itti gaafatamummaa fudhachuuf gaʼumsa qabuu fi abbaa ykn haadha gaarii taʼuuf nu gargaara. Taʼus, barumsa gaarii addunyaa kanaa argachuun kee qofti jireenya amansiisaa ykn gammachuu dhugaa siif argamsiisuu hin dandaʼu. Jireenya keenya keessatti kallattii hundumaatiin milkaaʼina argachuuf barumsi Waaqayyo biraa argamu nu barbaachisa. Kitaabni Qulqulluun faayidaa namni Waaqayyoon dhaggeeffatu argatu yeroo ibsu, “Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa” jedha.—Faarfannaa 1:1-3.

Gammachuu Argadheera

“Hawaasa keenya keessatti, namoonni hedduun barumsa gaarii, qabeenyaa fi beekamtii argachuuf baayʼee dhamaʼu. Taʼus, wantoota hawwan kana erga argatanii booda illee gammachuu dhugaa hin qabaatan. Kitaabni Qulqulluun wanti jireenya namootaa keessatti caalaatti barbaachisaa taʼe maal akka taʼe hubachuuf na gargaareera. Maallaqni karaa tokko tokkoon eegumsa nuuf argamsiisuu kan dandaʼu taʼus, gammachuu ykn jaalala dhugaa nuuf bituu hin dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun maallaqaa fi hojii ilaalchisee murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf waan na gargaareef gammachuu argadheera.”—Kishoor.

Kishoor.

Caalaatti baradhu:

Gorsa dabalataa Uumaan keenya hojii, maallaqaa fi barumsa ilaalchisee kenne argachuuf, jw.org/om irraa BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > NAGAA FI GAMMACHUU jedhu jalaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi