LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g25 Lakk. 1 ful. 14-15
  • Abdii Qabaadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Abdii Qabaadhu
  • Dammaqaa!—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • MOOTUMMAAN WAAQAYYOO MAALIDHA? MAAL RAAWWATA?
  • Abdii Eessaan Argachuu Dandaʼa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Beeksisa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
  • Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2025
g25 Lakk. 1 ful. 14-15
Maatiin tokko ala taaʼanii bareedina taaʼumsa lafaarratti mulʼatu ilaalaa jiru.

QAALAʼIINSA JIREENYAA DANDAMACHUU

Abdii Qabaadhu

Biyya ati keessa jiraattutti gatiin miʼootaa, galii ati argattu caalaa dabalaa jiraa? Ofii keetiifis taʼe namoota jaallattuuf wanta jireenyaaf barbaachisu dhiheessuun si yaaddessaa jiraa? Taanaan waaʼeen gara fuulduraa si dhiphisuu dandaʼa. Haataʼu malee, haala rakkisaa akkasii keessattillee abdii qabaachuun kee si gargaaruu dandaʼa.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Abdii qabaachuu jechuun wantoonni gaggaariin akka dhufan hawwuu jechuu qofa miti. Abdiin namni tokko haala keessa jiru fooyyessuuf humna isaaf kennuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qorannoowwan akka argisiisanitti namoonni abdii qaban . . .

  • yeroo baayʼee haala ulfaataa ni dandamatu

  • yeroo barbaachisaa taʼutti sirreeffama gochuu ni dandaʼu

  • murtoowwan gaggaarii fayya buleeyyii taʼuu fi jireenya gaarii jiraachuuf isaan gargaaran gochuu dandaʼu

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Tokkoffaa, Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe qori. Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii qaalaʼiinsa jireenyaa dandamachuuf si gargaaru qabateera. Jireenya kee fooyyessuuf homaa gochuu akka hin dandeenye akka sitti hin dhagaʼamnee fi yeroo gara fuulduraa dandamachuuf caalaatti qophaaʼaa akka taatu si gargaara.

“Dandeettiin yaaduu si eega, hubannaanis si golga.”—Fakkeenya 2:11.


Lammaffaa, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu qori. Faayidaa ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessa jiru qabu yommuu hubattu, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wanta inni dubbatu gad fageenyaan qoruuf kakaʼuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Waaqayyo “egeree gaarii fi abdii” akka siif kenne ni baratta; akkasumas wanta abdii inni sii kenneef buʼuura taʼe ni hubatta. (Ermiyaas 29:11) Buʼuurri kun Mootummaa Waaqayyooti.

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO MAALIDHA? MAAL RAAWWATA?

Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa gara fuulduraatti guutummaa lafaa bulchudha. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10) Caqasoonni armaan gadii akka argisiisanitti, mootummaan kun samiirra taaʼee kan bulchu yeroo taʼu, rakkinaa fi hiyyummaa balleessuudhaan, nagaa fi badhaadhinaan bakka buusa.

“Ni gammadda, badhaadhinas ni argatta.”—Faarfannaa 128:2.

“Isaan [lammiileen Mootummichaa] akkanumaan hin dhamaʼan.”—Isaayyaas 65:23.

“Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata.”—Faarfannaa 72:16.

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Waaqayyo ‘sobuu akka hin dandeenye’ waan amananiif, abdiiwwan kun akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼaniiru. (Tiitoo 1:2) Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan waaʼee abdii kanaa beekuu ni dandeessa. Abdiin Kitaaba Qulqulluu keessa jiru rakkina dinagdee si mudatu dandamachuu fi yeroo gara fuulduraa abdiidhaan eeggachuuf si gargaara.

Raamaaz.

“Abdiin koo inni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe rakkinni addunyaa kana keessa jiru yeroo muraasaaf qofa akka turu hubachuuf na gargaareera. Abdii kanarratti xiinxaluun koo dinagdeen addunyaa yommuu kufaa jiru kanatti jabina naaf argamsiisa.”—Raamaaz, Joorjiyaa.

CAALAATTI BARADHU

Wanta Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee dubbatutti amanuu ni dandeessaa? Viidiyoowwan kana ilaali: Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna? fi Mootummaan Waaqayyoo Maali dha?

Dubartiin takka madardaraa irraa Kitaaba Qulqulluu fudhachaa jirti.
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi