LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 54
  • Nama Humna Guddaa Qabu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nama Humna Guddaa Qabu
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkuma Saamson Yihowaatti Amanami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Qabiyyee Abbootii Murtii
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Gantummaan Baayʼee Jibbisiisaa Dha!
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 54

SEENAA 54

Nama Humna Guddaa Qabu

NAMOOTA hanga ammaatti jiraatan keessaa inni humna guddaa qabu eenyu akka jedhamu beektaa? Abbaa firdii kan ture nama Siimson jedhamudha. Siimsoniif humna kan kenne Yihowaadha. Siimson dhalachuusaa durayyuu, Yihowaan haadha Siimsoniin akkas jedhee ture: ‘Yeroo dhihoo keessatti ilma ni godhatta. Innis Israa’eloota warra Filisxeemotaarraa oolchuuf dursa ni fudhata.’

Filisxeemonni namoota hamoo biyya Kana’aan keessa jiraatanidha. Loltoota baay’ee waan qabaniif, Israa’elootarra miidhaa guddaa geessisaniiru. Yeroo tokko, Siimson bakka Filisxeemonni jiraatan utuu deemaa jiru, leenci guddaan tokko baroodaa itti dhufe. Haata’u malee, Siimson waan tokko harkatti utuu hin qabatin leencicha ajjeese. Filisxeemota dhibbaan lakkaa’amanis ajjeeseera.

Yeroo booddee, Siimson dubartii Deliilaa jedhamtu tokko jaallate. Bulchitoonni Filisxeem, Deliilaan wanta Siimsoniif humna kenne maal akka ta’e yoo isaanitti himte, tokkoon tokkoonsaanii, meetii kumaafi dhibba tokko akka isheedhaaf kennan itti himan. Deliilaan qarshii sana hundaa argachuu barbaaddi. Isheen Siimsoniif ykn saba Waaqayyootiif michuu dhugaa hin turre. Kanaafuu, kan humna isaaf kenne maal akka ta’e Siimsoniin gaafachuushee ittuma fufte.

Dhumarratti Deliilaan, Siimson wanti humna akka godhatu isa godhe maal akka ta’e akka isheetti himu goote. Akkas jedheen: ‘Rifeensi mataa kootii tasumaa haadamee hin beeku. Ergan dhaladhee kaasee, Waaqayyo hojjetaa addaa godhee na filateera. Rifeensi mataa kootii utuu narraa haadamee humna nan dhaba’ jedheen.

Deliilaan yommuu kana dhageessu Siimsoniin jilbasheerra raffiste. Achiis namicha tokko waamtee, rifeensasaa akka irraa haadu goote. Siimson yommuu hirribaa ka’u, humna dhabeera. Achiis, Filisxeemonni ol galanii isa qabatan. Ijasaa lamaanuu keessaa baasanii garbasaanii isa godhatan.

Gaaf tokko, Filisxeemonni waaqasaanii Daagoniin waaqeffachuuf cidha guddaa godhatan. Siimson akka isaan taphachiisuuf mana hidhaatii isa waamsisan. Rifeensi mataa Siimson yeruma xiqqoo keessatti guddateera. Siimson, dargaggeessa harka qabee isa geggeessuun: ‘Utubaa manicha hirkisee jiru akkan qabadhuuf na gadhiisi’ jedheen. Achiis, Siimson Yihowaan humna akka isaaf kennu kadhatee, gadi gugguufee utubicha qabate. ‘Filisxeemotaa wajjin nan du’a’ jedhee iyye. Filisxeemonni 3,000 ta’an cidha sanarratti argamanii turan. Siimson utubicha humna guutuudhaan dhiibee manicha kuffisudhaan namoota hamoo sana hundumaa ajjeese.

Abboota Firdii boqonnaa 13 hanga 16.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi