LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 67
  • Yoshaafaax Yihowaatti Amaname

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yoshaafaax Yihowaatti Amaname
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wantoota Barreeffamaniif Xiyyeeffannaa ni Kennituu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Warra Kaan Akka Yihowaan Isaan Ilaalutti Ilaali
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajilaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mana Yihowaatiif Kan Hinaaftan Ta’aa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 67

SEENAA 67

Yoshaafaax Yihowaatti Amaname

JARRI kun eenyufaa akka ta’aniifi maal gochaa akka jiran beektaa? Waraanaaf ba’aa jiru; jarri isaan fuldura deemaa jiranimmoo faarfachaa jiru. Tarii: ‘Jarri faarfatan kun biillaafi eeboo ittiin lolan kan hin qabaanne maaliifi?’ jettee gaafatta ta’a. Mee haa ilaallu.

Yoshaafaax mootii mootummaa gosa Israa’el lamaaniiti. Bara Ahaabiifi Iizaabel mootonni gosa kurnan kaabaa bulchanitti kan jiraatedha. Yoshaafaaxiifi abbaansaa Aasaan garuu mootota gaarii turan. Kanaafuu, sabni mootummaa kibbaa kurnan waggoota baay’eedhaaf jireenya gaarii jiraatu turan.

Amma garuu sabni kun akka sodaatu kan godhe wanti tokko uumameera. Namoonni ergaman dhufanii Yoshaafaaxiin: ‘Humni waraanaa guddaan biyyoota Mo’aab, Amooniifi gaara Se’iirirraa si loluu dhufaniiru’ jedhaniin. Israa’eloonni baay’een Yihowaan akka isaan gargaaru kadhachuuf Yerusaalemitti walitti qabaman. Gara mana qulqullummaa erga dhaqanii booda Yoshaafaax: ‘Yaa Waaqa keenya Yihowaa, maal akka goonu hin beeknu. Humna waraanaa kana jalaa kan nu oolchu hin jiru; ati nu gargaari’ jedhee Yihowaa kadhate.

Yihowaan waan isaan dhaga’eef, tajaajiltootasaa keessaa inni tokko akkas jedhee saba sanatti akka himu godhe: ‘Lolichi kan Waaqayyooti malee kan keessan miti. Isin loluu hin qabdan. Isin callisaatii Yihowaan akkamitti akka isin oolchu ilaalaa.’

Kanaafuu, guyyaa itti aanutti Yoshaafaax namoota Israa’eliin: ‘Yihowaatti amanamaa!’ jedheen. Achiis, faarfattoonni loltootasaa dura akka deeman godhe; yommuu deemanis faarfannaa galataa Yihowaadhaaf dhiheessu turan. Bakka lolichaatti yommuu dhihaatan maaltu akka ta’e beektaa? Yihowaan loltoonni diinaa ofumasaaniitiin akka wal lolan godhe. Israa’eloonni yommuu achi ga’an, loltoonni diinaa hundisaanii du’anii dhumaniiru!

Yoshaafaax Yihowaatti amanamuunsaa gaarii mitiiree? Nuyis akkumasaa Yihowaatti amanamuun keenya gaariidha.

1 Mootota 22:41-53; 2 Seenaa 20:1-30.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi