LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 70
  • Yoonaasiifi Qurxummii Guddicha

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yoonaasiifi Qurxummii Guddicha
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dogoggorasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Qabiyyee Yoonaas
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Ooʼa Argisiisuu Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Fakkeenya Raajotaa Fudhadhaa—Yoonaas
    Tajaajila Mootummaa—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 70

SEENAA 70

Yoonaasiifi Qurxummii Guddicha

NAMICHA bishaan keessa jiru kana ilaali. Rakkina guddaa keessa jira mitii? Qurxummiin sun isa liqimsuuf jedha! Namni kun eenyu akka ta’e beektaa? Yoonaas jedhama. Rakkina guddaa keessa kan gale maaliif akka ta’e mee haa ilaallu.

Yoonaas raajii Yihowaati. Elsaa’i raajichi du’ee baay’ee utuu hin turin, Yihowaan Yoonaasiin: ‘Gara mandara guddittii Nanawwee jedhamtu dhaqi. Hammeenyi namoota achi jiraatanii waan baay’ateef akka isaanitti himtun barbaada’ jedheen.

Yoonaas garuu achi dhaquu hin barbaadne. Kanaafuu, markaba gara biyya Nanawweerraa fagaatu dhaqu tokkoo yaabbate. Yihowaan Yoonaas baqachuusaatti hin gammadne. Kanaafuu bubbee hamaa kaase. Bubbichi hamaa waan ta’eef bishaanichi markaba sana liqimsuuf jedha ture. Namoonni markabicha keessa jiran baay’ee waan sodaataniif akka isaan gargaaran gara waaqoliisaaniitti iyyan.

Dhumarratti, Yoonaas akkas jedhee isaanitti hime: ‘Ani Yihowaa, Waaqa lafaafi samii uumen waaqeffadha. Amma waan Yihowaan na ajaje dhiiseen baqachaa jira.’ Jarri markabicha keessa jiranis: ‘Egaa bubbichi akka nurraa dhaabatu maal si goonuree?’ jedhanii isa gaafatan.

Yoonaasis: ‘Galaanicha keessatti yoo na gattan Galaanichi ni callisa’ jedheen. Jarri markabicha keessa jiran akkas gochuu hin barbaadne. Haata’u malee, bubbichi ittuma caalaa ennaa dhufu Yoonaasiin Galaanatti isa gatan. Yeruma sana bubbichi dhaabatee, Galaanichi callise.

Yoonaas bishaanicha keessa yommuu lixu, qurxummii guddaan tokko isa liqimse. Garuu hin duune. Guyyaa sadiifi halkan sadi garaa qurxummichaa keessa ture. Yoonaas Yihowaadhaaf ajajamee gara Nanawwee deemuu dhiisuusaatti baay’ee gaabbe. Kanaaf maal akka godhe beektaa?

Yoonaas Yihowaan akka isa gargaaru kadhate. Achiis Yihowaan qurxummichi Yoonaasiin lafa gogaarratti akka isa tufu godhe. Sanaan booda Yoonaas gara Nanawwee dhaqe. Waan Yihowaan jedhe hundumaa gochuun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa kan nu barsiisu mitii?

Macaafa Yoonaas

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi