LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 71
  • Waaqayyo Jannata Akka Fidu Abdii Kenneera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Jannata Akka Fidu Abdii Kenneera
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • “Jannata Keessatti Wal Argina!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Kaayyoon Waaqayyo Namootaaf Qabu Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Iddoo Jireenyaasaaniitii Kan Baafaman Maaliifi?
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 71

SEENAA 71

Waaqayyo Jannata Akka Fidu Abdii Kenneera

FAKKIIN kun fakkii jannataati; tarii jannata akka Waaqayyo Isaayaas raajiisaatti argisiisee ta’uu danda’a. Isaayaas kan jiraate Yoonaas erga du’ee booda xinnoo tureeti.

Jannata jechuun “bakka ashaakiltii” ykn “bakka bashannanaa” jechuudha. Fakkiin kun, wanta kitaaba kana keessatti argine keessaa waan si yaadachiisu qabaa? Bakka dhaaba ashaakiltii Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniif uume sana fakkaata mitii? Haata’u malee, guutummaan lafaa jannata ni ta’aa laata?

Yihowaan, raajiinsaa Isaayaas jannata haaraa saba Waaqayyootiif dhuftu ilaalchisee akka barreessu itti hime. Akkas jedhe: ‘Yeeyyiiniifi hoolaan nagaadhaan wajjin jiraatu. Jabbiiniifi ilmoon leencaa wajjin nyaatu; mucaa xinnoonis isaan tiksa. Mucaa xinnoon boolla bofa summii qabuurratti yoo taphatellee homaa hin ta’u.’

Namoonni baay’een: ‘Wanti akkasii ta’uu hin danda’u. Yeroo hundumaa rakkinni lafarra jira; fuldurattis ni jiraata’ jedhu. Garuu mee yaadi: Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif bakka jireenyaa akkamii kenneefii ture?

Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan jannata keessa akka jiraatan godhe. Bakka jireenyaa bareedaa sana kan dhaban, kan dulloomaniifi kan du’an Waaqayyoof ajajamuu waan didaniifidha. Waaqayyo wantoota Addaamiifi Hewwaan dhaban sana hundaa namoota isa jaallataniif akka kennu abdii kenneera.

Jannata dhuftu keessatti wanti nama miidhu ykn nama balleessu hin jiraatu. Nagaan ni baay’ata. Namoonni hundinuu fayyaa guutuufi gammachuu kan qaban ta’u. Akkuma Waaqayyo jalqabarratti gochuu barbaade sana ni ta’a. Haata’u malee, Waaqayyo kana kan godhu akkamitti akka ta’e booddee ni baranna.

Isaayaas 11:6-9; Mul’ata 21:3, 4.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi