LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 82
  • Mordekaayiifi Asteer

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mordekaayiifi Asteer
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Saba Waaqayyootiif Falmiteetti
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Qabiyyee Asteer
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 82

SEENAA 82

Mordekaayiifi Asteer

MEE Izraan gara Yerusaalemitti deebi’uusaa dura waggoota muraasa duubatti deebinee haa ilaallu. Mordekaayiifi Asteer, Israa’eloota biyya Faares keessatti taayitaa guddaa qabanidha. Asteer mootuu yommuu taatu, ilma wasiilashee kan ta’e Mordekaayimmoo mootichatti aanee aangoo guddaa kan qabu ture. Kun akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Warri Asteer ijoollummaasheetti waan duraa du’aniif Mordekaayitu ishee guddise. Ahashweros Mootichi Faares magaalaa Susaan keessatti aangoo guddaa kan qabu waan ta’eef, Mordekaayi hojjettootasaa keessaa tokko ture. Gaaf tokko, Waashtiin haati manaa mootichaa isaaf ajajamuu waan diddeef, mootichi mootuu akka taatuuf haadha manaa gara biraa filate. Haati manaa inni filate eenyu akka taate beektaa? Eeyyee, shamarree bareedduu Asteer jedhamtudha.

Namicha of tuulaa namoonni isaaf sagadan kana ni argitaa? Maqaansaa Haamaan jedhama. Haamaan mootummaa Faares keessatti nama aangoo guddaa qabudha. Haamaan, Mordekaayi inni asirratti taa’ee argitus akka isaaf sagadu barbaada. Mordekaayi garuu isaaf sagaduu hin barbaadu. Nama hamaa akkasiitiif ulfina kennuun sirrii miti jedhee amana. Kunimmoo Haamaan baay’ee akka aaru godheera. Kanaafuu Haamaan maal akka godhe haa ilaallu.

Haamaan waa’ee Israa’elootaa: ‘Isaan warra hamoo seerawwan keetiif hin ajajamnedha; ajjeefamuu qabu’ jedhee sobaan mootichatti hime. Ahashweros haati manaasaa Asteer dubartii Israa’el ta’uushee hin beeku ture. Kanaafuu waan Haamaan jedhe fudhatee, Israa’eloonni hundinuu guyyoota muraasa gidduutti akka ajjeefaman seera baase.

Mordekaayi waa’ee seera kanaa yommuu dhaga’u baay’ee aare. Asteeriin: ‘Mootichatti himtee akka nu oolchu kadhachuu qabda’ jedhee itti erge. Akka seera Faaresitti, mootichi heyyamu malee isa biratti ol seenuun dhowwaadha. Haata’u malee, Asteer utuma hin heyyamaminiif ol seente. Mootichis uleesaa isa warqeerraa hojjetame diriirseef; heyyama malee ol seentuyyuu akka hin ajjeefamne argisiisuusaa ture. Asteer, mootichaafi Haamaaniin nyaata afeerte. Achirratti Mootichi, maal akka barbaaddu ishee gaafate. Inniifi Haamaan guyyaa itti aanutti nyaata qopheessiturratti yoo argaman waan isarraa barbaaddu akka itti himtu ibsiteef.

Nyaata sanarratti Asteer: ‘Sabni koofi ani ajjeefamuuf jenna’ jetteen. Yeroo kana mootichi ni dheekkame. ‘Wanta akkasii gochuuf kan ija jabaate eenyu?’ jedhee ishee gaafate.

Asteeris deebistee: ‘Diinni keenya, Haamaan isa hamaa kana’ jetteen.

Amma mootichi baay’ee aare. Haamaan akka ajjeefamu ajaje. Booddee mootichi, Mordekaayiif ofitti aansee aangoo guddaa kenneef. Achiis, Mordekaayi guyyaa Israa’eloonni ni ajjeefamu jedhame sanatti lubbuusaanii oolchuuf falmuu akka danda’an labsii haaraa labse. Yeroo kanatti Mordekaayi nama aangoo guddaa qabu waan ta’eef, namoonni baay’een Israa’eloota gargaaranii diinotasaaniirraa isaan oolchan.

Macaafa Asteer

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi