LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 85
  • Yesus Moonaa Keessatti Dhalate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Moonaa Keessatti Dhalate
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Kun Ilma Kooti’
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Yesuus Ni Dhalate—Eessattii Fi Yoom?
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yesus Kiristos​—Isa Yaadachuu Kan Qabnu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • “Garaatti Qabattee, Itti Yaaddi Turte”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 85

SEENAA 85

Yesus Moonaa Keessatti Dhalate

MUCAA xinnoon kun eenyu akka ta’e beektaa? Eeyyee, Yesusidha. Reefuu moonaa keessatti dhalachuusaati. Moonaa jechuun mana horiin keessa bulanidha. Maariyaam, Yesusiin siree harroonniifi horiin kan biraan nyaata irraa nyaatanirra ciibsite. Haata’u malee, Maariyaamiifi Yoseef horii kana biraa maal hojjetu? Iddoon kun bakka mucaan itti dhalatudhaa?

Gonkumaa miti. Iddoo kana kan dhufan: Bulchaa Warra Roomaa kan ture Awugusxos Qeesaar, namni hundinuu biyya itti dhalatetti deebi’ee maqaasaa akka galmeessisu waan ajajeefidha. Yoseef kan dhalate Betlihemittidha. Haata’u malee, inniifi Maariyaam yommuu achi ga’anitti, mana keessa boqotan hin arganne. Kanaafuu, moonaa ykn mana horiin keessa bulan keessa buluuf dirqaman. Maariyaam Yesusiin kan deesse guyyaa sanattidha. Haata’u malee, akka fakkicharratti arguu dandeessutti fayyaa ture.

Tiksoota Yesusiin ilaaluu dhufaa jiran ni argitaa? Halkan hoolotasaanii dirreerratti eegaa utuu jiranii, ifni tokko naannoosaaniitti ife. Innis ergamaa Waaqayyoo ture! Tiksoonni sunis baay’ee sodaatan. Ergamichi garuu akkas isaaniin jedhe: ‘Hin sodaatinaa! Oduu gammachiisaa isinii fideera. Har’a Betlihemitti Kiristos mootichi dhalateera. Inni namoota ni fayyisa! Wayyaadhaan maramee bakka horiin itti nyaatan ciise argattu.’ Yeruma sana ergamoonni baay’een dhufanii Waaqayyoon galateeffachuu jalqaban. Kanaafuu, tiksoonni sun yeruma sana, Yesusiin ilaaluu dhaqan; isas ni argatan.

Wanti Yesusiin adda taasisu maal akka ta’e beektaa? Dhugumaan Yesus eenyu akka ta’e beektaa? Jalqaba seenaa kitaaba kanaarratti waa’ee ilma Waaqayyoo isa hangafaa barachuu keenya yaadadhu. Ilmisaa kun, samiifi lafa, wantoota gara biraa hundumaa Yihowaa wajjin uumeera; Yesus jechuun isadha!

Eeyyee, Yihowaan Ilmasaa samiirraa fuudhee garaa Maariyaam keessa kaa’e. Akkuma mucaan tokko garaa haadhaa keessatti guddatu, garaa Maariyaam keessattis mucaan tokko guddachuu jalqabe. Haata’u malee, mucaan kun Ilma Waaqayyoo ture. Dhumarrattis, Yesus Betlihemitti moonaa ykn mana horiin bulan keessatti dhalate. Ergamoonni Yesus dhalachuusaa namootatti himuusaaniitti kan gammadan maaliif akka ta’e amma hubatteettaa?

Luqaas 2:1-20.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi