LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 5 ful. 18-ful. 19 key. 6
  • Yesuus Ni Dhalate—Eessattii Fi Yoom?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Ni Dhalate—Eessattii Fi Yoom?
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Moonaa Keessatti Dhalate
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Yesus Kiristos​—Isa Yaadachuu Kan Qabnu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • “Garaatti Qabattee, Itti Yaaddi Turte”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • ‘Kun Ilma Kooti’
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 5 ful. 18-ful. 19 key. 6
Maariyaam harree irra teessee Yoseefii wajjin gara Beetaliheem deemaa jiru

BOQONNAA 5

Yesuus Ni Dhalate—Eessattii Fi Yoom?

LUQAAS 2:1-20

  • YESUUS BEETALIHEEMITTI DHALATE

  • TIKSITOONNI YESUUS ISA REEFUU DHALATE ILAALUU DEEMAN

Mootii Mootota Bulchiinsa Roomaa kan ture Awugusxos Qeesaar, namoonni hundi akka galmaaʼan labsii baase. Kanaaf, Yoseefii fi Maariyaam gara biyya Yoseef itti dhalatee, jechuunis gara magaalaa Beetaliheem ishii Yerusaalem irraa gara kibbaatti argamtuu dhaquu qabu.

Namoonni hedduun galmaaʼuuf gara Beetaliheem dhufaniiru. Iddoon Yoseefii fi Maariyaam buufachuu dandaʼan bakka harroonnii fi horiin garaa garaa itti galan qofa ture. Yesuus iddoo kanatti dhalate. Maariyaam huccuudhaan isa martee bidiruu horiin keessaa nyaatan keessa isa ciibsite.

Awugusxos Qeesaar labsii kana akka baasu kan godhe Waaqayyo taʼuu qaba. Akkas kan jennu maaliifi? Sababni isaas labsiin kun baʼuun isaa Yesuus Beetaliheem keessatti akka dhalatu waan godheefi dha. Beetaliheem magaalaa Daawit Mootichaa isa abaabilii Yesuus taʼee ti. Kitaabonni Qulqulluun magaalaan kun iddoo Mootichi abdachiifame itti dhalatu akka taʼe yeroo dheeraa dura raajii dubbataniiru.—Miikiyaas 5:2.

Halkan iddoo guddaa qabu ture! Utuma tiksitoonni dirree irra jiranii ifni guddaan isaanitti ife. Ifichi ulfina Yihowaa ture! Maleekota Waaqayyoo keessaa inni tokko tiksitoota sanaan akkana jedhe: “Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misiraachoo namoota hundaaf gammachuu guddaa argamsiisu isinitti nan hima. Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha dha. Kun mallattoo isiniif haa taʼu: Mucaan tokko huccuudhaan maramee bidiruu horiin keessaa nyaatu keessa utuu ciisuu argitu.” Battaluma sanatti maleekonni kan biraa hedduun mulʼatanii, “Samii irratti Waaqayyoof ulfinni haa taʼu; lafa irrattis namoota inni jaallatuuf nagaan haa taʼu” jedhan.—Luqaas 2:10-14.

Maariyaam, Yoseefii fi tiksitoonni Yesus isa daaʼima taʼee fi bidiruu horiin irraa nyaatan keessa ciisee jiru yommuu ilaalan

Erga maleekonni sun deemanii booda tiksitoonni sun, “Kottaa ammuma gara Beetaliheem dhaqnee wanta taʼee fi Yihowaan nutti hime haa ilaallu” waliin jedhan. (Luqaas 2:15) Achiis, hatattamaan deemanii Yesuus isa reefuu dhalate bakkuma maleekaan sun isaanitti himetti argan. Tiksitoonni kun wanta maleekaan isaanitti hime yommuu dubbatan kan dhagaʼan hundi baayʼee ajaaʼibsiifatan. Maariyaam wanta jedhame hundaaf bakka guddaa kan kennite siʼa taʼu, garaa ishiittis irratti xiinxalte.

Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun Yesuus kan dhalate jiʼa Muddeetti akka taʼe amanu. Haa taʼu malee, naannoo Beetaliheemitti jiʼi kun jiʼa bokkaa fi qorraa ti. Yeroo tokko tokko immoo cabbiin iyyuu jira. Yeroo kanatti tiksitoonni horii isaanii wajjin ala buluu hin dandaʼan. Akkasumas, mootiin mootota Roomaa uummanni duruma iyyuu isa irratti kaʼuu barbaadu guyyoota hedduudhaaf deemee akka galmeeffamuuf waqtii gannaa cimaa taʼetti ni ajaja jechuun wanta hin fakkaanne dha. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti Yesuus jiʼa Onkoloolessaa keessa dhalate.

  • Yoseefii fi Maariyaam gara Beetaliheem deemuun kan isaan barbaachise maaliifi?

  • Halkan Yesuus dhalatetti wanta ajaaʼibsiisaa akkamiitu raawwatame?

  • Yesuus jiʼa Muddeetti dhalate jedhanii yaaduun amansiisaa miti kan jennu maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi