LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 87
  • Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuusii Fi Maatiin Isaa Gara Yerusaalem Deeman
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yesus Abboomamuu Barateera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Yesus Yeroo Hunda Ni Ajajama Ture
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 87

SEENAA 87

Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti

MUCAA xinnoo namoota gurguddaa wajjin haasa’u kana ilaali. Isaan, namoota mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti argamu keessatti barsiisanidha. Mucichimmoo Yesusidha. Amma guddatee mucaa waggaa 12 ta’eera.

Barsiistonni kun, Yesus waa’ee Waaqayyoofi waa’ee Macaafa Qulqulluu beekuusaatti baay’ee dinqisiifataniiru. Haata’u malee, Yoseefifi Maariyaam kan as hin jirre maaliifi? Eessa dhaqani? Mee haa ilaallu.

Yoseef waggaa waggaadhaan ayyaana addaa Faasiikaa jedhamu kabajuuf, maatiisaa fuudhee gara Yerusaalem dhaqa ture. Yerusaalem Naazireetirraa baay’ee fagoodha. Yeroo sanatti namni tokkoyyuu konkolaataa hin qabu ture; baaburris hin jiru ture. Bara sanatti namoonni wantoota kana hin qaban turan. Namoonni baay’een kan adeeman miillaan waan ta’eef, Yerusaalemiin ga’uuf gara guyyaa sadii isaanitti fudhata ture.

Yeroo kanatti Yoseef maatii guddaa qaba ture. Kanaafuu, quxisuuwwan Yesus warri kunuunfamuu qaban jiru turan. Waggaa sanatti Yoseefiifi Maariyaam ijoolleesaanii qabatanii karaa fagoo kanarra gara Naazireetitti deebi’aa jiru. Yesus namoota kaanii wajjin dhufaa jira jedhanii yaadanii turan. Haata’u malee, guyyichi dhihee yommuu boqotanitti Yesusiin argachuu hin dandeenye. Firootaafi michootasaanii bira jira jedhanii isa barbaadanillee, inni isaanii wajjinis hin turre! Kanaafuu, isa barbaacha gara Yerusaalemitti deebi’an.

Dhumarratti Yesusiin iddoo kanatti barsiisotaa wajjin argatan. Isaan dhaggeeffachaafi gaaffii isaan gaafachaa ture. Namoonni hundi beekumsa Yesus baay’ee dinqisiifatu turan. Maariyaam garuu: ‘Yaa ilma koo, maaliif akkas nu goote? Aniifi abbaan kee baay’ee yaaddofnee si barbaadaa turre’ jetteen.

Yesusis: ‘Maaliif ana barbaaddu? Mana abbaa koo keessatti argamuun akka narra jiru hin beektan moo?’ jedhee deebiseef.

Eeyyee, Yesus bakka waa’ee Waaqayyoo itti baratu taa’uu barbaada ture. Nuyis akkuma kanaa nutti dhaga’amuu hin qabuu? Yesus yeroo Naazireet turettis torban torbaniin walga’iiwwan waaqeffannaarratti ni argama ture. Yeroo hundumaa sirriitti waan dhaggeeffatuuf, Macaafa Qulqulluurraa waan baay’ee barachuu danda’eera. Nuyis fakkeenyasaa hordofuudhaan Yesusiin haa fakkaannu.

Luqaas 2:41-52; Maatewos 13:53-56.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi