LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 10 ful. 28-ful. 29 key. 7
  • Yesuusii Fi Maatiin Isaa Gara Yerusaalem Deeman

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuusii Fi Maatiin Isaa Gara Yerusaalem Deeman
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Yesus Abboomamuu Barateera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Yesus Yeroo Hunda Ni Ajajama Ture
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Maatiisaa Eegeera, Kunuunseera, Itti Gaafatamummaasaa Baʼeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 10 ful. 28-ful. 29 key. 7
Yesuus umurii waggaa kudha lamatti mana qulqullummaa keessatti barsiisota gaaffii yommuu gaafatu

BOQONNAA 10

Yesuusii fi Maatiin Isaa Gara Yerusaalem Deeman

LUQAAS 2:40-52

  • YESUUS INNI WAGGAA KUDHA LAMA TAʼE BARSIISOTA GAAFFII GAAFATE

  • YESUUS YIHOWAADHAAN “ABBAA KOO” JEDHE

Yeroon isaa yeroo arfaasaa ti. Kanaaf, yeroon Maatiin Yoseef akkuma waggaa waggaadhaan godhan, michootaa fi firoota isaanii wajjin gara Yerusaalem itti deeman gaʼeera. Bakka kana kan deeman akka Seerichi ajajutti Ayyaana Faasikaa ayyaaneffachuufi dha. (Keessa Deebii 16:16) Yerusaalem Naazireet irraa gara kiiloo meetira 120 fagaatti. Yeroon isaa, yeroo hunda isaaniitti hojiin baayʼatuu fi yeroo isaan baayʼee itti gammadani dha. Yesuus amma umuriin isaa waggaa 12 siʼa taʼu, guyyaa ayyaanni kun itti kabajamuu fi guyyaa gara mana qulqullummaa deebiʼee itti dhaqu hawwii guddaadhaan eegaa jira.

Ayyaanni Faasikaa, Yesuusii fi maatii isaatiif ayyaana guyyaa tokkoo qofa miti. Guyyaan Ayyaana Faasikaatti aanee jiru, Guyyaa Ayyaanni Maxinoo inni guyyaa torbaaf turu itti jalqabu dha. (Maarqos 14:1) Guyyoonni kun kutaa tibba Ayyaana Faasikaa akka taʼanitti ilaalamu. Mana isaanii isa Naazireetitti argamuu kaʼanii gara Yerusaalem deemanii, Yerusaalem keessa turanii, achiis hanga mana isaaniitti deebiʼanitti torban lama fudhata. Haa taʼu malee, waggaa kanatti Yesuusii wajjin haala wal qabateen wanti isaan mudate waan jiruuf kana caalaa isaanitti fudhata. Rakkinni kun uumamuu isaa kan baran Yerusaalemii utuu deebiʼaa jiranii ti.

ADEEMSA GAMMACHIISAA

Yesuus, warri isaa fi obboloonni isaa gara Yerusaalem yommuu deeman

Ayyaanota waggaa waggaadhaan ayyaaneffataman sadan irratti argamuuf gara Yerusaalem deemuun nama hunda ni gammachiisa ture. (Keessa Deebii 16:15) Adeemsa kana irratti Yesuus kutaa biyyichaa garaa garaa ni ilaala, teessuma lafa isaa ni arga, namoota naannoo kan biraatii ayyaanichaaf dhufanii wajjinis wal arga. Dhuguma iyyuu adeemsa hin irraanfatamne dha!

Yoseefii fi Maariyaam yeroo karaa irra jiranitti, Yesuus firootaa fi michoota isaanii wajjin waan dhufaa jiru isaanitti fakkaate. Haa taʼu malee, iddoo tokko buluuf yommuu jedhanitti barbaadanii isa dhaban. Kanaaf, namoota sana bira isa barbaaduu dhaqan; garuu isa argachuu hin dandeenye. Ilmi isaanii lafa inni buʼe dhaban! Achiis isa barbaacha gara Yerusaalemitti deebiʼan.

Guyyaa guutuu isa barbaadaa kan oolan taʼus, argachuunii hin dandeenye. Guyyaa lammaffaa irrattis isa argachuu hin dandeenye. Dhuma irrattis guyyaa sadaffaatti, galmawwan mana qulqullummaa keessaa isa tokko keessa, barsiisota Yihudootaa muraasa gidduu taaʼee isa argan. Yesuus, dhaggeeffachaa fi gaaffii hedduu isaan gaafachaa kan ture siʼa taʼu, barsiisonni sunis hubannaa isaa ajaaʼibsiifatan.

Yoseefii fi Maariyaam Yesuusiin barbaadanii yommuu argatan

Yeroo kanatti Maariyaam, “Yaa ilma ko, maaliif akkana nu goote? Anii fi abbaan kee baayʼee dhiphannee si barbaadaa turre” isaan jette.—Luqaas 2:48.

Yesuus bakka inni jiru beekuu dhiisuun isaanii akka isa dinqisiise haala argisiisuun deebii kenne. “Maaliif ana barbaaddan? Ani mana Abbaa koo keessa taʼuu akkan qabu hin beektanii?” isaaniin jedhe.—Luqaas 2:49.

Erga wal arganii booda, Yesuus Yoseefii fi Maariyaamii wajjin gara Naazireetitti kan deebiʼe siʼa taʼu, isaaniif ajajamuu isaas itti fufe. Ogummaa fi qaamaanis guddachaa deeme. Amma iyyuu ijoollee taʼus, Waaqayyoo fi nama duratti surraa qaba ture. Eeyyee, Yesuus wantoota hafuuraatiif xiyyeeffannaa kennuu qofa utuu hin taʼin, warra isaa kabajuudhaanis ijoollummaa isaatii jalqabee fakkeenya gaarii taʼeera.

  • Waqtii arfaasaatti Yesuus waggaa waggaadhaan maatii isaa wajjin eessa deema? Maaliif?

  • Yeroo Yesuus waggaa 12 turetti, Yoseefii fi Maariyaam utuu Yerusaalemii deebiʼanii maal hubatan? Achii hoo maaltu taʼe?

  • Yesuus ijoollee yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya akkamii taʼa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi