LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 98
  • Gaara Ejersaarratti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaara Ejersaarratti
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Gara Samiitti Deebi’e
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Phenxeqosxee Dura Namoonni Hedduun Isa Argan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Ergamoonni Mallattoo Isa Gaafatan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • “Ana Duukaa Buʼuu Kee Itti Fufi”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 98

SEENAA 98

Gaara Ejersaarratti

YESUS Gaara Ejersaarra taa’ee jira. Warri isaa wajjin jiran arfanimmoo ergamootasaati. Obbolaa kan ta’an Indriiyaasiifi Phexros, akkasumas obbolaa kan ta’an Yaaqoobiifi Yohannisidha. Fagoottimmoo mana qulqullummaa Waaqayyoo isa Yerusaalem jiru arguu dandeessa.

Yesus ilmoo harreerra taa’ee gara Yerusaalem erga dhaqee guyyaan lama darbeera. Guyyaansaa Kibxatadha. Ganama gaafasii Yesus mana qulqullummaa keessa ture. Achitti, luboonni qabanii isa ajjeesuuf yaalanii turan. Haata’u malee, namoonni Yesusiin waan jaallataniif ni sodaatan.

Yesus geggeessitoota amantii sanaan: ‘Isin bofota, ijoollee bofaa nana!’ jedhee isaan waame. Achiis, waan hamaa hojjetan hundaaf Waaqayyo akka isaan adabu itti hime. Sana booddas Yesus, gara Gaara Ejersaatti ol ba’e; achittis ergamoonnisaa arfan kun gaaffii isa gaafachuu jalqaban. Gaaffii akkamii akka isa gaafatan beektaa?

Ergamoonnisaa wanta fulduratti ta’u isa gaafachaa jiru. Yesus hammenya hundumaa lafarraa akka balleessu beeku turan. Garuu, kun yoom akka ta’u beekuu barbaadaniiru. Yesus mootii ta’ee bulchuuf lammata kan dhufu yoomi?

Yesus, yeroo lammata deebi’ee dhufutti duuka buutonnisaa warri lafarra jiran isa arguu akka hin dandeenye beeka ture. Sababiinsaas, inni samiirra waan jiraatuufi achirratti isa arguu waan hin dandeenyeefidha. Kanaafuu, Yesus yeroo Mootii ta’ee samiirratti bulchutti, wantoota lafarratti raawwataman tokko tokko ergamootasaatti himaa jira. Wantoota kana keessaa tokko tokko maalfa’i?

Yesus, waraanni cimaan ni jiraata, namoonni baay’een ni dhukkubsatu, ni beela’u, hammeenyi ni babal’ata, lafti ni socho’a jedhe. Akkasumas Yesus, misiraachoon mootummaa Waaqayyoo guutummaa biyya lafaarratti ni lallabama jedheera. Yeroo ammaatti wantoonni kun yommuu raawwataman argaa jirraa? Eeyyee! Kanaafuu, yeroo ammaa Yesus samiirratti bulchaa akka jiru beekuu dandeenya. Dhiheenyattimmoo, hammeenya hundumaa lafarraa ni balleessa.

Maatewos 21:46; 23:1-39; 24:1-14; Maarqos 13:3-10.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi