LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 104
  • Yesus Gara Samiitti Deebi’e

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Gara Samiitti Deebi’e
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidhaa?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 104

SEENAA 104

Yesus Gara Samiitti Deebi’e

SANAAN BOODA, Yesus bartootasaatti al baay’ee mul’ate. Yeroo tokko bartoonni 500 ta’an isa arganiiru. Yesus ennaa isaanitti mul’atu waa’ee maalii akka itti hime beektaa? Waa’ee mootummaa Waaqayyooti. Yihowaan, Yesus waa’ee Mootummaa Waaqayyoo akka barsiisuuf gara lafaatti isa erge. Kanaafuu, erga du’aa ka’eellee hojii kana ittuma fufeera.

Mootummaan Waaqayyoo maal akka ta’e ni yaadattaa? Eeyyee, Mootummichi bulchiinsa Waaqayyoo isa samiirratti argamudha; Waaqayyo, Yesus mootii akka ta’u filateera. Akkuma kanaan dura barannetti, Yesus warra beela’an nyaachisuudhaan, kan dhukkubsatan fayyisuudhaan, warra du’anillee kaasuudhaan mootii gaarii akka ta’u argisiiseera!

Kanaafuu, yeroo Yesus waggaa kumaaf samiirratti mootii ta’ee bulchu lafti kun maal fakkaatti laata? Eeyyee, guutummaan lafaa jannata bareedduu taati. Waraanni, yakki, dhukkubni, ykn duutillee hin jiraatu. Waaqayyo lafa kan uume jannata namoonni gammachuudhaan keessa jiraatan akka taatuuf waan ta’eef, kun akka raawwatamu ni beekna. Jalqaba dhaaba ashaakiltii Eeden kan dhaabes kanumaaf ture. Yesus fedhii Waaqayyoo hundumaa ni raawwata.

Amma yeroon Yesus gara samiitti itti deebi’u ga’eera. Yesus guyyoota 40f bartootasaatti mul’achaa tureera. Kanaafuu, du’aa ka’uusaa sirriitti amananiiru. Haata’u malee, isaanirraa adda ba’uusaa dura bartootasaatiin: ‘Hanga hafuurri qulqulluun isiniif dhangala’utti Yerusaalem keessa turaa’ isaaniin jedhe. Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo, isa duuka buutonni Yesus fedhii Waaqayyoo akka raawwatan gargaarudha. Dhumarratti Yesus: ‘Hanga qarqara lafaatti waa’ee koo ni lallabdu’ isaaniin jedheen.

Erga Yesus kana jedhee booda, wanti nama dinqisiisu tokko ni raawwatame. Akkuma asirratti argitutti gara samiitti ol ba’uu jalqabe. Achiis duumessi argaasaanii duraa waan isa dhokseef bartoonnisaa Yesusiin arguu hin dandeenye. Yesus gara samii dhaqee duuka buutotasaa warra lafarratti argaman bulchuu jalqabe.

1 Qorontos 15:3-8; Mul’ata 21:3, 4; Hojii Ergamootaa 1:1-11.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi