LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w08 7/1 ful. 10-11
  • Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootummaan Waaqayyoo maalidha?
  • Bulchitoonni Mootummaa Waaqayyoo eenyufa’i?
  • Teessoon bulchiinsa kanaa eessa ta’a?
  • Mootummaan Waaqayyoo hammeenya maal godha?
  • Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafarra kan jiraatan eenyufa’i?
  • Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaa lafarra jiraataniif maal godha?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidhaa?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Barsiise?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
w08 7/1 ful. 10-11

Yesusirraa Maal Baranna?

Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo

Mootummaan Waaqayyoo maalidha?

Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa guutummaa biyya lafaa bulchudha. Yesus, “Egaa yommuu kadhattan, . . . ‘Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!’” jedhaa jedheera.—Maatewos 6:9, 10; Daani’el 2:44.

Bulchitoonni Mootummaa Waaqayyoo eenyufa’i?

Yesus Bulchaa Mootummaa Waaqayyoo ta’uuf dhalate. Ergamaan tokko haadha Yesusiin, “Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. . . . [innis] in mo’a” jedhee ture. (Luqaas 1:30-33) Kana malees, Yesus duuka buutonnisaa tokko tokko isaa wajjin akka bulchan filateera. Ergamootasaatiin, “Isin qorama koo keessatti warra anaa wajjin turtanii dha. Abbaan koo mootummaa akka anaaf kaa’e, anis immoo akkasuma isiniif nan kaa’a” jedhee ture. (Luqaas 22:28, 29; Daani’el 7:27) Duuka buutota Yesus keessaa 144,000 kan ta’an isaa wajjin bulchu.—Mul’ata 5:9, 10; 14:1.

Teessoon bulchiinsa kanaa eessa ta’a?

Mootummaan Waaqayyoo samiirraa bulcha. Yesus bartootasaatiin, “Yommuun dhaqee [samiirratti] iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebi’ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha. . . . Ani gara abbaa [nan dhaqa]” isaaniin jedheera.—Yohannis 14:2, 3, 12; Daani’el 7:13, 14.

Mootummaan Waaqayyoo hammeenya maal godha?

Yesus namoota hamoo lafarraa balleessa. Akkas jedheera: “Ilmi namaa [Yesus] ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa’a. Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; . . . innis namoota sana gargar in fo’a. . . . Isaan [hamoonni] gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu.”—Maatewos 25:31-34, 46.

Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafarra kan jiraatan eenyufa’i?

Yesus, “Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu [“lafa in dhaalu,” hiika bara 1899]” jedheera. (Maatewos 5:5; Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899; 72:8) Lafti, namoota yeroo ammaattillee wal jaallataniin guutamti. Yesus duuka buutotasaatiin, “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera.—Yohannis 13:34, 35.

Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaa lafarra jiraataniif maal godha?

Yesus ilmaan namootaa dhukkubarraa walaba ni godha. Yeroo lafarra ture, namoota walitti qabaman hedduutti, “waa’ee mootummaa Waaqayyoo isaanitti hime; warra fayyuun isaaniif barbaachises fayyise.” (Luqaas 9:11) Yohannis ergamaan, Yesus isa du’aa ka’e mul’ataan erga argee booda akkas jedhe: “Ani bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa nan arge; . . . sagalee guddaa tokko nan dhaga’e; innis teessoo sana biraa, ‘Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, . . . Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; . . . egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!’ jedhe.”—Mul’ata 21:1-4.

Mootummaan Waaqayyoo lafa kana deebisee jannata godha. Namichi yakka raawwatee Yesusii wajjin fannifame, “Yaa Yesus, mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!” jedheenii ture. Yesusis deebisee, “Dhuguman sitti hima, har’a anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedheen.—Luqaas 23:42, 43; Isaayaas 11:4-9.

[Fakkii fuula 11rra jiru]

Yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu, boqonnaa 8 ilaali.a

[Miiljalee]

a Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfame.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi