LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 114
  • Dhuma Hammeenya Hundaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhuma Hammeenya Hundaa
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jannata Haaraa Lafarratti Dhaabamtu
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Waraana Waaqayyoo Isa Waraanota Hunda Balleessu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Wanti Macaafni Qulqulluun Raajesse Ni Raawwatama
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 114

SEENAA 114

Dhuma Hammeenya Hundaa

ASIRRATTI maal argita? Eyyee, loltoonni kun fardeen adiirra taa’aniiru. Garuu eessaa dhufaa akka jiran hubadhu. Fardeen kun samiirraa gara lafaatti duumessarra gulufaa jiru! Dhugumaan fardeen samii keessa jiruu?

Lakki, kun fardeen dhugaa miti. Sababiinsaas, fardeen duumessarra gulufuu waan hin dandeenyeefi; danda’uuree? Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun waa’ee fardeen samirra jiranii ni dubbata. Maaliif akka ta’e beektaa?

Bara durii namoonni waraanarratti yeroo bobba’an fardeeniin fayyadamu turan. Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun, Waaqayyoo namoota hamoo lafarra jiran akka waraanu fakkeenyaan argisiisuuf, namoonni samiirraa gara lafaatti fardaan gulufaa akka dhufan dubbata. Bakki waraanichaa maal akka jedhamu beektaa? Armaagedoon jedhama. Waraanichi hammeenya hundumaa lafarraa balleessuuf kan godhamudha.

Waraana Armaagedoon kan geggeessu Yesusidha. Yihowaan, bulchiinsasaarratti mootii godhee kan filate Yesusiin ta’uusaa yaadadhu. Yesus mataasaatti gonfoo mootii kan godhate kanaafidha. Billichis diinoota Waaqayyoo akka balleessu kan argisiisudha. Waaqayyo namoota hamoo kan balleessu ta’uunsaa nu dinqisiisaa?

Mee duubatti deebi’iitii Seenaa 10⁠ffaa ilaali. Achirratti maal argita? Eyyee, lolaa cimaa namoota hamoo balleesse argita. Lolaa sana kan fide eenyu? Yihowaadha. Ammammoo, Seenaa 15⁠ffaa ilaali. Achirrattoo, maaltu ta’aa jira? Sodoomiifi Gomoraan ibidda Yihowaan ergeen balleeffamaa jiru.

Gara Seenaa 33⁠ffaatti haa dabarru. Fardeeniifi konkolaataa waraanaa warra Gibxiirra wanta ga’e ilaali. Bishaanichi akka isaan liqimsu kan godhe eenyu? Yihowaadha. Sabasaa eeguuf jedhee kana godhe. Seenaa 76⁠ffaas ilaali. Achirrattimmoo, Yihowaan, sabasaa kan ta’an Israa’eloonni hamoo ta’uusaaniitiin akka badan gochuusaa argita.

Kanaaf, Yihowaan loltootasaa warra samirraa, namoota hamoo lafarra jiran hundaa akka balleessan erguunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Haata’u malee, kana jechuun maal jechuu akka ta’u yaadi! Fuula kana galagalchiitii mee waa’ee kanaa haa ilaallu.

Mul’ata 16:16; 19:11-16.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi