LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • sp ful. 30-31
  • Lafa Jannata Taate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lafa Jannata Taate
  • Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Michoonni Waaqayyoo Jannata Keessa Jiraatu
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Amantii Dhugaan Barabaraaf Si Fayyaduu Danda’a!
    Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
  • Addunyaa Haaraa Waaqayyo Fidu
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Rakkina Addunyaa Maraatiif Furmaata Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
sp ful. 30-31

Lafa Jannata Taatu

Namoonni qomoo garaa garaa qaban Jannata keessatti yommuu waliin nyaatan

Yihowaan miidhaa Seexanni geessise hundaa guutummaatti balleessa. Yihowaan, Yesus guutummaa biyya lafaa akka bulchuuf Mootii godhee isa muudeera. Bulchiinsasaa jalatti lafti jannataatti jijjiiramti.—Daani’el 7:13, 14; Luqaas 23:43.

Yihowaan wantoota armaan gadii raawwachuuf waadaa galeera:

  • NYAATA GA’AA: “Lafti midhaan baaseera, Waaqayyo gooftaan keenya nu eebbiseera.” “Biyyicha keessa midhaan baay’atee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu!”—Faarfannaa 67:6; 72:16.

  • WARAANNI HIN JIRAATU: “Kottaa, wanta Waaqayyo hojjetu, badiisa isa sodaachisaa inni lafatti fidus ilaalaa! Inni hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.”—Faarfannaa 46:8, 9.

  • HAMOONNI HIN JIRAATAN: “Warri jal’oonni lafa irraa in balleeffamu . . . Inni jal’aan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, iddoo inni ture hubattee yoo ilaalte, inni hin jiru.”—Faarfannaa 37:9, 10.

  • Jireenya Jannata keessaa.

    DHUKKUBNI, GADDIIFI DUUTI HIN JIRAATU: “Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama, yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu.”—Isaayaas 35:5, 6.

    “Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta’uuf jira. Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”—Mul’ata 21:3, 4.

Yihowaan akka Seexanaafi hafuurota hamoo matumaa nu hin sobu. Waadaa gale hundaa ni raawwata. (Luqaas 1:36, 37) Yihowaan si jaallata, Jannata inni qopheessu keessas akka jiraattu barbaada. Dhugaawwan dinqisiisoo Dubbii Waaqayyoo keessaatti argaman caalaatti barachuuf Dhugaa Baatota Yihowaa qunnami. Dhugaa baratte yoo hojiirra oolchite, sobaaf, duudhaa amantii sobaaf garboomuu jalaa walaba baata. Yeroo boodammoo, garbummaa cubbuufi du’aa jalaa walaba taata. Akkuma Yesus jedhe, ‘Dhugicha in hubatta; dhugichis birmaduu si baasa.’—Yohannis 8:32.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi