Kutaa 10
Addunyaa Haaraa Waaqayyo Fidu
1, 2. Hamoonni waraana Armaagedooniin erga balleeffamanii booda maaltu ta’aa?
WAAQAYYO hamoota waraana Armaagedoonitti erga balleessee booda maaltu ta’aa? Barri haaraan gammachiisaa ta’e ni jalqaba. Namoonni waraana sanarraa oolan bulchiinsa Waaqayyootiif amanamoo ta’uusaanii waan mirkaneessaniif, gara addunyaa haaraatti galu. Yeroon sun yeroo Waaqayyo ilmaan namootaatiif eebbawwan gurguddaa itti fidu waan ta’eef, yeroo baay’ee nama gammachiisu ta’a.
2 Namoonni badiisarraa oolan, qajeelfama Mootummaa Waaqayyoorraa argatan hordofuudhaan lafa kana jannata gochuu jalqabu. Humnisaanii, haala ofittummaarraa walaba ta’een, namoota yeroo sana jiraatan fayyaduuf kan oolu ta’a. Laftis, bareedduu, nagaa kan qabduufi bakka jireenyaa nama gammachiistu taati.
Hamminni Qajeelummaadhaan Bakka Buufama
3. Armaagedoon booda, aara galfii guddaa akkamiitu argama?
3 Addunyaan Seexanaa kun baduunsaa, wantoonni armaan olitti ibsaman hundi akka dhugooman godha. Sana booda ilmaan namootaa amantii sobaatiin, sirna hawaasummaatiifi sirna mootummootaatiin hin qoqqoodaman. Dhaabbileen olola Seexanaa babal’isan isaa wajjin waan badaniif, sana booda namoonni ololasaatiin hin gowwomsaman. Addunyaan Seexanaa kun yeroo guutummaatti barbadaa’u aara galfii guddaan akkamii akka argamu yaadi.
4. Barumsa gara fuulduraatti kennamurratti jijjiiramni akkamii akka godhamu ibsi.
4 Sanaan booda, bulchiinsi ilmaan namootaa inni yaada badiisaarratti xiyyeeffate, barumsa nama jajjabeessuufi Waaqayyo biraa argamuun bakka buufama. “Ani Waaqayyo ilmaan kee hundumaa nan barsiisa.” (Isaayaas 54:13) Barumsi gaarii ta’e kun kennamuunsaa yeroo itti fufu, “akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta.” (Isaayaas 11:9) Namoonni wanta gadhee hin baratan, kanaa mannaa, “warri biyya lafaa irra jiraatan qajeelummaa in baru.” (Isaayaas 26:9) Ilaalchiifi gochi gaariin qajeelfama ilmaan namootaa ta’a.—Hojii Ergamootaa 17:31; Filiphisiiyus 4:8.
5. Hamminniifi hamoonni maal ta’u?
5 Kanaan kan ka’es, ajjeechaan, jal’inni, gudeedamuun, saamamuun ykn yakki kamiyyuu hin jiraatu. Gocha hamminaa warri kaan raawwataniin namni rakkatu hin jiraatu. Fakkeenyi 10:30 akkas jedha: “Namni qajeelaan bara baraan hin mittiqu, namni jal’aan garuu lafa irra hin jiraatu.”
Namoonni Dhibee Fayyaarraa Walaba Ta’u
6, 7. (a) Mootummattiin wantoota nama gaddisiisan akkamii balleessiti? (b) Yesus yeroo lafarra turetti kana kan argisiisehoo akkamitti?
6 Addunyaa haaraa keessatti dhibeewwan Addaamiifi Hewwaan Waaqayyorratti ka’uusaaniitiin dhufan hundinuu ni balleeffamu. Fakkeenyaaf, Mootummattiin dhukkubaafi dulluma ni balleessiti. Yeroo ammaatti dhibee fayyaa qabaachuu baannus, yeroo dulloomnu iji keenya akka gaariitti ilaaluu dadhabuu, ilkaan keenya nurraa dhumuu, gurri keenyas dhaga’uu dadhabuu, gogaan keenya shuntuuruufi keessi qaama keenyaa dadhabaa adeemuunsaa hin hafu.
7 Haata’u malee, wantoonni gaddisiisaan Addaamiifi Hewwaanirraa dhaalle hundi yeroo dhihootti ni badu. Yesus yeroo lafarra turetti dhibee fayyaa ilaalchisee wanta inni raawwate ni yaadattaa? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Tuuti sonaan baay’een immoo warra hokkolan, warra jaaman, warra kottaa’an, warra arraba didaa akkasumas kan biraa baay’ee fidanii dhufanii, miilla Yesus jala kaa’an; yommus inni isaan in fayyise. Tuuti sun immoo, warri arraba didaa akka dubbatan, warri kottaa’an akka fayyan, warri hokkolan akka asii fi achi adeeman, warri jaaman akka argan hubatee in raajeffate; Waaqayyo gooftaa Israa’eliif immoo hooqubaa dhi’eesse.”—Maatewos 15:30, 31.
8, 9. Addunyaa haaraa keessatti fayyaa argachuudhaan gammachuu argamu ibsi.
8 Yeroo dhibeen fayyaa nurraa badutti gammachuu guddaa arganna. Rakkinni dhibee fayyaatiin dhufu nurra hin ga’u. “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.” “Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama, yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu.”—Isaayaas 33:24; 35:5, 6.
9 Yeroo hundumaa ganama yeroo ciisichaa kaatu dhibee fayyaa akka hin qabne beekuun kee si hin gammachiisuu? Namoonni dullooman akka bara dargaggummaasaaniitti humna guutuu akka qaban beekuunsaaniifi gonkummaa jalqabarratti Addaamiifi Hewwaan qaban akka argatan hubachuunsaanii baay’ee isaan hin gammachiisuu? Macaafni Qulqulluun: “Dhagni isaa kan saafelaa caalaatti haa haara’u! Akka bara dargaggummaa isaattis haa deebi’u!” jechuudhaan dubbata. (Iyoob 33:25) Fullee ijaa, meeshaa namoonni dhaga’uu hin dandeenye ittiin gargaaraman, ulee hirkoo, barcuma gololeefi dawaa darbatanii gatuun akkam kan nama gammachiisudhaa? Sana booda, manneetiin yaalaa, ogeessonni fayyaafi namoonni yaalii ilkaanii godhan hin barbaachisan.
10. Duuti maal ta’a?
10 Namoonni guutummaatti fayyaa qaban du’uu hin barbaadan. Ilmaan namootaa cubbuufi du’a dhaaluunsaanii waan dhaabatuuf, matumaa hin du’an. “Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaa’ufitti, Kristos mo’uutu ta’a. Hundumaa booddee diina keenya du’atu golgoleeffama.” “Kennaan Waaqayyoo . . . jireenya bara baraa ti.”—1 Qorontos 15:25, 26; Roomaa 6:23; akkasumas, Isaayaas 25:8 ilaali.
11. Macaafni Mul’ataa faayidaawwan addunyaa haaraa keessatti argaman kan ibsu akkamitti?
11 Faayidaawwan ilmaan namootaa Jannata keessatti argatan ilaalchisee, kutaan Macaafa Qulqulluu inni dhumaa akkas jedha: “Inni [Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”—Mul’ata 21:3, 4.
Namoonni Du’an Ni Ka’u
12. Yesus namoota du’an kaasuuf humna Waaqayyo isaaf kenne akkamitti argisiise?
12 Yesus yeroo lafarra turetti, namoota dhukkubsataniifi naafatan fayyisuurra darbee wanta garabiraas godheera. Namoota du’an kaaseera. Kana gochuudhaanis, namoota du’aa kaasuuf Waaqayyo humna akka isaaf kenne argisiiseera. Yesus gara mana nama intallisaa duute tokkoo yeroo dhaqe wanta raawwatame ni yaadattaa? Yesus intala ishee duuteen: “Intalo! Siinan jedha, ka’i!” jedheen. Achiihoo maaltu ta’e? “Intalattiin si’uma sana kaatee asii fi achi adeemte.” Namoonni achi turanis kana ilaaluudhaan “guddaa gammadanii of wallaalan.” Dhugumayyuu gammachuusaanii to’achuu hin dandeenye!—Maarqos 5:41, 42; akkasumas Luqaas 7:11-16; fi Yohannis 11:1-45 ilaali.
13. Namoota akkamiitu du’aa ka’a?
13 Addunyaa haaraa keessatti, ‘Warri qajeelonniifi warri jal’oonni du’aa ka’u.’ (Hojii Ergamootaa 24:15) Yesus, “Du’aa ka’uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du’e iyyuu in jiraata” waan jedheef, yeroo sanatti humna Waaqayyo isaaf kennuun fayyadamee warra du’an ni kaasa. (Yohannis 11:25) Itti dabaluudhaanis: “Warri du’anii awwaalaman [warri Waaqayyo isaan yaadatu] sagalee isaa [sagalee Yesus] yeroon itti dhaga’an in dhufa. Isaan awwaala keessaa in ba’u” jechuudhaan dubbateera.—Yohannis 5:28, 29.
14. Wantoonni du’aa wajjin badan tokko tokko maal fa’i?
14 Namoonni du’an du’aa ka’anii, michootasaanii wajjin yeroo wal argan guutummaa biyya lafaarratti gammachuu hangana hin jedhamnetu argama! Sana booda namoonni badiisarraa oolan oduu gaddaa hin dhaga’an. Kanaa mannaa, beeksisni maqaan namoota du’aa ka’anii kan himamu yeroo ta’u, kunis jaalleewwansaaniitiif gammachuu hangana hin jedhamne kan argamsiisu ta’a. Sana booda, sirni awwaalchaa, reeffa namaa ibiddaan gubuun, bakki itti reeffa namaa guban, ykn bakki awwaalchaa hin jiraatu.
Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu
15. Raajiin Miikiyaas guutummaatti raawwiisaa kan argatu akkamitti?
15 Jireenya keenya hundumaatti nagaa dhugaa argachuun keenya ni hubatama. Waraanni, wantoonni waraana kakaasaniifi warshaaleen meeshaa waraanaa oomishan ni balleeffamu. Kan akkas jennu maaliifi? Lammii, gosaafi qomoo ofiitiif falmuun waan hafuufidha. Yeroo sanatti raajiin: “Egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebi’aniis lola hin baran” jedhu raawwiisaa argata.—Miikiyaas 4:3.
16. Waaqayyo waraana kan balleessu akkamitti?
16 Kun, seenaa ilmaan namootaa utuu walirraa hin kutin waraana geggeessuudhaan dhiiga dhangalaasanirraa waan adda ta’uuf kan nama dinqisiisu ta’uu danda’a. Dhiiga walii dhangalaasuun kan dhufe, ilmaan namootaa bulchiinsa namootaafi bulchiinsa hafuurota xuraa’oo jala waan turaniifidha. Wanti Mootummaa Waaqayyoo keessatti raawwatamu garuu akka armaan gadiitti ibsameera: “Kottaa, wanta Waaqayyo hojjetu, . . . ilaalaa! Inni hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha, iddaa in cabsa, eeboos in hurreessa; inni konkolaataa harkifamu ibiddaan in guba!”—Faarfannaa 46:8, 9.
17, 18. Addunyaa haaraa keessatti, namootaafi bineensota gidduu haala akkamiitu jiraata?
17 Akkuma bakka dhaaba Eedenitti ture, namoonniifi bineensonni nagaadhaan waliin jiraatu. (Uumama 1:28; 2:19) Waaqayyo akkas jedheera: “Gaafas bineensota daggalaa, simbirroota qilleensa keessa balali’an, warra lafa irra munyuuqanii wajjinis kakuu isiniif nan gala; . . . akka isin nagaatti, gabiitti teessanis nan godha.”—Hose’aa 2:20.
18 Nagaan kun hangam bal’aa ta’a? “Yommus yeeyyiin ilmoolee hoolaa gidduu in jiraata, qeerransis ilmoolee reettii gidduu in ciisa, jabbiinii fi leenci saafelli walii wajjin in bobba’u, mucaan xinnoonis isaan in tiksa.” Sana booda bineensonni namootarratti ykn walirratti balaa hin fidan. Yeroo sanatti “leencis akka sangaa cidii in nyaata.”—Isaayaas 11:6-9; 65:25.
Lafti Gara Jannataatti Jijjiiramti
19. Lafti gara maaliitti jijjiiramti?
19 Lafti kun, gara jannataatti jijjiiramuudhaan jireenyaaf mijaa’aa taati. Yesus nama isatti amane sanaan: “Anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jechuudhaan waadaa kan gale kanaaf ture. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee akka arfaasee in daraara; . . . lafa duwwaa keessaa bishaanonni in ba’u, lafa onaa keessas bishaan burqituun in yaa’a.”—Luqaas 23:43; Isaayaas 35:1, 6.
20. Gara fuulduraatti beelli ilmaan namootaa kan hin miine maaliifi?
20 Mootummaa Waaqayyoo keessatti namni sababii beelaatiin miidhamu hin jiraatu. ‘Biyyicha keessa midhaan baay’atee irraa ni hafa, hamma bantii tullootaattis gobbatee ni biqila.’ “Mukkeetiin maasii keessaa ija in godhatu, laftis midhaan in baasa; sabnis biyyicha keessa bir’aa malee in taa’a.”—Faarfannaa 72:16; Hisqi’el 34:27.
21. Mana dhabuun, gandoonni xuraa’oon, manneetiin dulloomaniifi naannoowwan gadheen maal ta’u?
21 Yeroo sanatti hiyyummaan, mana dhabuun, gandeetiin xuraa’oon ykn yakki itti raawwatamuufi manneetiin dullooman hin jiraatan. “Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatanii ija isaa in nyaatu. Si’achi mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu, muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu.” “Garuu isaan adduma addaan muka waynii isaanii jala, harbuu isaanii jalas in taa’u; namni tokko illee isaan hin sodaachisu.”—Isaayaas 65:21, 22; Miikiyaas 4:4.
22. Macaafni Qulqulluun eebbawwan bulchiinsa Waaqayyoo keessatti argaman akkamitti ibsa?
22 Jannata keessatti ilmaan namootaa wantoota kanaafi eebbawwan kana caalan argatu. Faarfannaan 145:16 akkas jedha: “Ati [Waaqayyo] harka kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita.” Raajiin Macaafa Qulqulluu akkas jechuunsaa kan nama dinqisiisu miti: “Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guutuutti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu. . . . Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u.”—Faarfannaa 37:11, 29.
Rakkina Ga’e Balleessuu
23. Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan kanaan dura nurra ga’an akka irraanfannu kan nu gootu akkamitti?
23 Mootummaan Waaqayyoo, miidhaa waggoota kuma ja’aaf ilmaan namootaarra ga’e hundaa ni balleessiti. Gammachuun yeroo sanatti argamu, rakkina ilmaan namootaa argaa turanirra kan caalu ta’a. Rakkina kanaan dura ga’e yaadachuudhaan jireenyi keenya hin jeeqamu. Suutuma suuta, rakkoowwan kanaan dura nurra ga’an irraanfachuudhaan yeroo hundumaa yaadawwaniifi gochawwan nama jajjabeessanirratti xiyyeeffachuu jalqabna.
24, 25. (a) Isaayaas raajii akkamii dubbate? (b) Rakkoowwan kanaan dura nurra ga’an akka irraanfannu akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?
24 Waaqni ilmaan namootaatiif yaadu akkas jechuudhaan dubbateera: “Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa haaraa [bulchiinsa samiirra taa’uudhaan namoota bulchu] fi lafa haaraa [hawaasa qajeelaa] nan uuma; wanti dur ta’e hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu. . . . isin wanta ani uumutti bara baraan gammadaa, ililchaas!” “Amma biyyi lafaa guutummaatti boqonnaa fi gabii in argatte, gammachuudhaanis in ililchite.”—Isaayaas 14:7; 65:17, 18.
25 Kanaafuu, Waaqayyo karaa Mootummaasaa wantoota gadhee ta’aniifi yeroo dheeraadhaaf turan hambisuudhaan wantoota gaarii fida. Rakkoowwan kanaan dura nurra ga’an hambisuu qofa utuu hin ta’in, eebbawwan kanarra caalan nuu kennuudhaan akka nuuf yaadu argisiisa. Rakkoowwan kanaan dura nurra ga’an sammuu keenya keessaa haxaa’amanii badu.
26. Waaqayyo rakkina isa kanaan dura dabarsineef kan nu kiisu maaliifi?
26 Akka kanaan, Waaqayyo rakkoowwan addunyaa kanarratti argine gara gammachuutti nuu jijjiira. Waaqayyo, cubbuu dhaallee kan dhalanne balleessaa keenyaan utuu hin ta’in sababa Addaamiifi Hewwaaniin ta’uusaa beeka. Addunyaa Seexanni seerratu keessatti kan dhalanne filannoo keenyaan akka hin taaneefi, Addaamiif Hewwaan utuu amanamoo ta’anii, jannata keessatti akka dhalannu beeka. Kanaafuu, araarasaatiin rakkina dabarsine sana nurraa balleessuurra darbee wanta baay’ee nuu godha.
27. Addunyaa haaraa keessatti raajiiwwan kam fa’itu raawwiisaanii argata?
27 Addunyaa haaraa keessatti akka Roomaa 8:21, 22rratti ibsametti ilmaan namootaa birmadummaa argatu: “Uumamni, garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba in ba’a; luba ba’uun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti in geessa. Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna.” Kana booda, kadhannaan “mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhu kun guutummaatti yeroo raawwatamu ni argu. (Maatewos 6:10) Haalli dinqisiisaan lafa Jannata taaturratti raawwatamu wanta samiirratti raawwatamee wajjin guutummaatti kan wal fakkaatu ta’a.
[Fakkii fuula 23]
Addunyaa haaraa keessatti, namoonni dullooman gara dargaggummaatti deebi’u
[Fakkii fuula 24]
Addunyaa haaraa keessatti, dhukkubniifi hir’inni qaamaa guutummaatti ni bada
[Fakkii fuula 25]
Addunyaa haaraa keessatti, namoonni du’an ni ka’u
[Fakkii fuula 26]
‘Isaan deebi’aniis lola hin baratan’
[Fakkii fuula 27]
Jannata keessatti, namoonniifi bineensonni nagaadhaan jiraatu
[Fakkii fuula 27]
‘Waaqayyo harkasaa diriirsee, fedha warra lubbuu qabani hundumaa in quufsa’
[Fakkii fuula 28]
Mootummaan Waaqayyoo, rakkina dabarsine hundumaa akka irraanfannu nu gooti