LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • T-15 ful. 2-5
  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jireenya Addunyaa Haaraa Waaqayyo Fidu Keessa Jiru
  • Jireenya Akkasii Argachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
  • Wantoota Yeroo Dhihootti Akka Raawwataman Raajiin Dubbataman
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Addunyaa Haaraa Waaqayyo Fidu
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Yeroon Lafti Jannata Itti Taatu Dhihaateera!
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu Dandeessa
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
T-15 ful. 2-5

Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu

Fakkii tiraaktii kanarra jiru yeroo ilaaltu maaltu sitti dhaga’ama? Nagaa, gammachuufi badhaadhina fakkii kanarratti argitu ni hawwitaa? Akka si hawwisiisu beekamaadha. Wantoonni kun lafarratti ni ta’u jedhanii amanuun abjuu ykn hawwii qofadhaa?

Namoonni baay’een abjuudha jedhanii yaadu ta’a. Rakkina yeroo ammaatti argaa jiran keessaa waraanni, hammeenyi, beelli, dhukkubniifi dullumni muraasasaaniiti. Haata’u malee, sababii kun ni ta’a jennee itti abdannuuf qabna. Macaafni Qulqulluun wanta gara fuulduraatti ta’u ilaalchisee, “akka abdii [Waaqayyo] nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna” jechuun raajii dubbateera.​—⁠2 Phexros 3:13; Isaayaas 65:17.

Akka Macaafa Qulqulluutti, “bantiiwwan waaqaa haaraa” akkasumas “lafa haaraa” kan jedhaman, kallattiidhaan waaqaafi lafa haaraa kan argisiisan miti. Macaafni Qulqulluun, laftiifi waaqni haaraan mudaa tokko malee kan uumaman akka ta’aniifi barabaraaf akka jiraatan ibsa. (Faarfannaa 89:36, 37; 104:5) ‘Lafti haaraan’ namoota qajeeloo lafarra jiraatan kan argisiisu si’a ta’u, ‘bantiin waaqaa haaraanimmoo’ Mootummaa ykn bulchiinsa samii mudaa hin qabneefi lafa kana bulchu kan argisiisudha. Haata’u malee, ‘lafti haaraan’ ykn addunyaa haaraan dinqisiisaa ta’e ni dhufa jedhanii amanuun sirriidhaa?

Haalawwan gaarii ta’an akkasii kun, kaayyoo jalqaba Waaqayyo lafaaf qabu akka turan hubachuu qabna. Waaqayyo, abbaa manaafi haadha manaa jalqabaa dhaaba Jannataa Eeden keessa erga isaan kaa’e booda, “Horaa, baay’adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa!” jechuudhaan, hojii dinqisiisaa isaaniif kennee ture. (Uumama 1:28) Eeyyee, kaayyoon Waaqayyo akka isaan ijoollee godhataniifi suuta suutaan guutummaan lafaa gara Jannataatti akka jijjiiramtu gochuu ture. Booddee, Waaqayyoof abbomamuu diduu filachuudhaan barabaraaf jiraachuu akka hin dandeenye kan mirkaneessan ta’anis, kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa hin jijjiiramne. Kaayyoonsaa kunis addunyaa haaraa keessatti ni raawwatama!​—⁠Isaayaas 55:11.

Kadhannaa Abbaa Keenyaa jedhamu yeroo dhiheessitu, Mootummaan Waaqayyoo akka dhuftu, bulchiinsi Waaqayyoo hammeenya lafarraa balleessee addunyaa haaraa kana bulchuu akka jalqabu kadhachaa jirta jechuudha. (Maatewos 6:9, 10) Waaqayyo abdii, “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, [“lafandhaalu,” hiika bara 1899] yeroo hundumaafis keessa in taa’u” jedhu waan kenneef, kadhannaa keenya kanaaf deebii akka kennu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.​—⁠Faarfannaa 37:29.

Jireenya Addunyaa Haaraa Waaqayyo Fidu Keessa Jiru

Mootummaan Waaqayyoo, lafa kanaaf eebba hangana hin jedhamne kan fidu yommuu ta’u, eebba gaarii Waaqayyo sabnisaa gammachuudhaan akka jiraataniif yaadee ture hundis akka raawwatamu godha. Jibbi tasumaa kan hin jirre si’a ta’u, namoonni lafarra jiraatanis suuta suuta michoota dhugaa waliif ta’u. Waaqayyo, Macaafa Qulqulluu keessatti “hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.” Akkasumas, “Sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebi’aniis lola hin baran” jechuun abdii kenneera.​—⁠Faarfannaa 46:9; Isaayaas 2:4.

Dhumarrattis, guutummaan lafaa gara jannataatti jijjiiramti. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee, akka arfaasee in daraara; . . . . lafa duwwaa keessaa bishaanonni in ba’u, lafa onaa keessas bishaan burqituun in yaa’a; cirrachi akka ibiddaa gubu kuufama bishaanii in ta’a, lafa gogaa keessa bishaan burqituun in yaa’a.”​—⁠Isaayaas 35:1, 6, 7.

Lafa Jannata taatu keessatti gammaduuf wantoonni sababii ta’an baay’een ni jiraatu. Matumaa namoonni waan nyaatan dhabanii beela’an hin jiraatan. Macaafni Qulqulluun, “lafti midhaan baaseera” jedha. (Faarfannaa 67:6; 72:16) Uumaan keenya abdii, “Muka wayniis dhaabbatanii ija isaa in nyaatu. . . . muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu” jedhu waan galeef, namni hundumtuu hojii harkasaatti ni gammada.​—⁠Isaayaas 65:21, 22.

Waaqayyo, abdii “Mana ijaarratanii keessa in jiraatu . . . mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu” jedhu waan kenneef, addunyaa haaraa inni fidu keessatti namoonni gamoo tokkotti ykn bakka jireenyaa mijaa’aa hin taane keessa ukkaamamanii hin jiraatan. Kana malees Macaafni Qulqulluu, abdii “Akkasumaan dadhabanii hin hojjetan” jedhu kenna. (Isaayaas 65:21-23) Kanaaf hojiin namoota kanaa bu’aa kan qabuufi kan isaan gammachiisu ta’a. Jireenyis kan nama nuffisiisu hin ta’u.

Dhumarrattis Mootummaan Waaqayyoo, walitti dhufeenya dhaaba Eeden keessatti bineensota gidduu, akkasumas bineensotaafi namoota gidduu ture deebisa. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Yeeyyiin ilmoolee hoolaa gidduu in jiraata; qeerransis ilmoolee reettii gidduu in ciisa, jabbiinii fi leenci saafelli walii wajjin in bobba’u, mucaan xinnoonis isaan in tiksa.”​—⁠Isaayaas 11:6-9; Hose’aa 2:18.

Mee yaadi, lafa Jannata taatu keessatti dhukkubniifi hir’inni qaamaa hundi ni bada! Dubbiin Waaqayyoo, “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Isaayaas 33:24) “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”​—⁠Mul’ata 21:4.

Jireenya Akkasii Argachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Garaankee abdii Waaqayyo addunyaa haaraa qajeelinni keessatti dagaage ilaalchisee kenneen akka tuqame beekamaadha. Namoonni tokko tokko eebbi kun baay’ee gaarii waan ta’eef ni raawwatama jechuun hin danda’amu jedhanii yaadanis, wantoota kana fiduun Uumaa keenya isa jaalala qabeessa ta’eef ulfaataa miti.​—⁠Faarfannaa 145:16; Miikiyaas 4:4.

Dhugaadha, lafa Jannataa gara fuulduraatti dhuftu keessa barabaraaf jiraachuu yoo barbaanne ulaagaaleen guutuu qabnu jiru. Yesus kadhannaa Waaqayyoof dhiheesserratti ulaagaa isa guddaa yeroo ibsu, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jechuudhaan dubbateera.​—⁠Yohannis 17:3.

Kanaaf, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuu yoo barbaanne, jalqaba jaalala Waaqayyoon beekuufi isa baranne hojiirra oolchuu qabna. “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedhu dhugaa waan ta’eef, eebba Uumaan keenya inni jaalala qabeessi kennu arganna.​—⁠1 Yohannis 2:17.

Caqasawwan tiraaktii kana keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997 maxxanfame keessaa kan fudhatamanidha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi