LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lr boq. 48 ful. 250-256
  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu Dandeessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu Dandeessa
  • Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bara Baraaf Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
    Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
  • Yeroon Lafti Jannata Itti Taatu Dhihaateera!
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
lr boq. 48 ful. 250-256

BOQONNAA 48

Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu Dandeessa

WAAQAYYO Addaamiifi Hewwaaniin dhaaba Eeden keessa kaaʼe. Isaan, abboomamuu waan didaniif kan duʼan taʼanillee, Waaqayyo nuun dabalatee ijoolleensaanii hundi barabaraaf Jannata keessa akka jiraatan carraa isaaniif baneera. Macaafni Qulqulluun, “Warri qajeelonni biyya in qabaatu [‘lafa in dhaalu,’ hiika bara 1899] yeroo hundumaafis keessa in taaʼu” jechuudhaan abdii kenna.—Faarfannaa 37:29.

Macaafni Qulqulluun waaʼee “bantiiwwan waaqaa haaraa” fi “lafa haaraa” ni dubbata. (Isaayaas 65:17; 2 Phexros 3:13) “Bantiiwwan waaqaa” amma jiran, bulchitoota namootaa yeroo ammaatti argaman kan argisiisan yommuu taʼu, “bantiiwwan waaqaa haaraa” kan jedhamanimmoo, Yesus Kiristosiifi warra isaa wajjin waaqarratti bulchan argisiisu. Bantiiwwan waaqaa haaraan kun, jechuunis bulchiinsi Waaqayyoo inni qajeelaan nagaa argamsiisu guutummaa lafaa yeroo bulchu haallisaa baayʼee gaarii taʼa!

“Lafa haaraa” kan jedhamehoo maalidha?— Lafa haaraa kan jedhaman namoota gaarii Yihowaa jaallatanidha. Yeroo tokko tokko Macaafni Qulqulluun “lafa” yommuu jedhu, waaʼee lafa kanaa utuu hin taʼin, waaʼee namoota lafarra jiraatanii dubbachuusaati. (Ermiyaas 22:29; Faarfannaa 76:8; 96:11) Kanaaf, namoonni lafa haaraa taʼan lafuma kanarra jiraatu.

Biyyi lafaa namoonni hamoon keessa jiraatan kun ni bada. Bishaan Badiisaa bara Nohi, namoota hamoo lafarraa balleessee akka ture yaadadhu. Akkuma kanaan dura barannemmoo, biyyi lafaa inni hamaan kun, Armaagedoonitti ni balleeffama. Mee amma Armaagedoon booda addunyaa haaraa keessa jiraachuun maal akka fakkaatu haa ilaallu.

Addunyaa haaraa nagaa qabu, jechuunis Jannata Waaqayyo fidu keessa barabaraaf jiraachuu barbaaddaa?— Doktoorri kamiyyuu barabaraan nu jiraachisuu hin dandaʼu. Qorichi duʼarraa nu oolchuu dandaʼus hin jiru. Barabaraaf jiraachuu kan dandeenyu, Waaqayyotti yoo dhihaanne qofadha. Barsiisaa Guddichi kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nutti himeera.

Mee Macaafa Qulqulluu keenya baasnee Yohannis boqonnaa 17, lakkoofsa 3 haa dubbisnu. Barsiisaa Guddichi caqasa kanarratti, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera.

Asirratti Yesus barabaraaf jiraachuuf maal gochuu akka qabnu dubbate?— Jalqabarratti, waaʼee Abbaa keenya isa samii, jechuunis waaʼee Yihowaafi waaʼee Ilmasaa isa lubbuusaa nuu kennee barachuu qabna. Kana jechuun, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu qabna jechuudha. Kitaabni Barsiisaa Guddicharraa Baradhu jedhamu kun kana gochuuf nu gargaara.

Haataʼu malee, waaʼee Yihowaa barachuun keenya barabaraaf jiraachuuf kan nu gargaaru akkamitti?— Akkuma guyyaa guyyaadhaan nyaanni nu barbaachisu, guyyaa guyyaadhaan waaʼee Yihowaa barachuun nu barbaachisa. Macaafni Qulqulluun, “Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa baʼu hundumaan malee” jedha.—Maatewos 4:4.

Waaqayyo cubbuu keenya akka nurraa balleessuuf Ilmasaa waan ergeef, waaʼee Yesus Kiristos barachuunis nu barbaachisa. Macaafni Qulqulluun, “Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru” jedha. Kana malees, “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba” jedha. (Hojii Ergamootaa 4:12; Yohannis 3:36) Yesusitti ni amannaa? Isa malee jireenya barabaraa argachuu akka hin dandeenyehoo hubanneerraa?— Taanaan, guyyaa guyyaadhaan Barsiisaa Guddicharraa barachuu keenya itti fufna; akkasumas wanta inni jedhe hojiirra oolchina.

Karaan gaariin Barsiisaa Guddicharraa barachuu itti dandeenyu inni tokko, kitaaba kana irra deddeebinee dubbisuu, fakkiiwwansaa hunda ilaaluufi irratti xiinxaluudha. Gaaffii fakkiiwwan bira jiran deebisuu akka dandeessu of gamaaggami. Kitaaba kana abbaafi haadhakee wajjin dubbisi. Warrikee sii wajjin hin jiran taanaanimmoo, namoota gurguddaafi ijoollee kaanii wajjin dubbisi. Namoonni kaan, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuuf maal gochuu akka qaban Barsiisaa Guddicharraa akka baratan gargaaruu utuu dandeessee sitti hin toluu?—

Macaafni Qulqulluun, ‘biyyi lafaa akka darbu’ nutti hima. Ittaansuudhaanis, “Namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jechuudhaan, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti barabaraaf jiraachuuf maal gochuu akka qabnu nutti hima. (1 Yohannis 2:17) Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa barabaraaf jiraachuu kan dandeenyu akkamittiree?— Eeyyee, waaʼee Yihowaafi waaʼee Ilmasaa Yesus barachuudhaani. Haataʼu malee, wanta barannes hojiirra oolchuu qabna. Kitaaba kana qayyabachuunkee, kana gochuuf kan si gargaaru akka taʼu hawwina.

Ijoollee fi gaʼeessonni jannata keessatti bineensotaa wajjin nagaadhaan jiraachaa jiru

Isaayaas 11:6-9 fi Isaayaas 65:25 yommuu dubbistu, bineensonni nagaadhaan akka waliin jiraatan hubatta. Fakkiiwwan kana ilaali. Ilmoo hoolaa, ilmoo reʼee, qeerransa, jabbii, leenca guddaafi ijoollee isaan bira jiran ilaali. Bineensota asirra jiraniifi Macaafni Qulqulluun waaʼeesaanii dubbatu kaan maqaasaanii natti himuu dandeessaa?— Mucaa bofa wajjin taphatu kana ilaali! Namni addunyaa haaraa keessa jiraatu kamiyyuu sababii itti sodaatu hin qabu. (Hoseʼaa 2:20) Waaʼee kanaa maaltu sitti dhagaʼama?—

Namoonni sanyii garaa garaa qaban addunyaa haaraa keessatti nagaa fi tasgabbiidhaan yommuu jiraatan

Namoonni addaddaa nagaadhaan waliin jiraachaa akka jiran ilaali. Akkuma Yesus duuka buutonnikoo wal jaallatu jedhetti, namoonni kun wal jaallatu. (Yohannis 13:34, 35) Meeshaawwan waraanaas meeshaawwan misoomaatti ni jijjiiramu. Macaafni Qulqulluun, namoonni addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraatan nagaafi tasgabbii akka argatan nutti hima. Waaʼee kanaa, Faarfannaa 72:7; Isaayaas 2:4; 32:16-18 fi Hisqiʼel 34:25⁠rraa dubbisuu dandeenya.

Jannata keessatti namoonni mana yommuu ijaaran, lafa yommuu kunuunsanii fi oomisha ishiitti yommuu gammadan

Namoota fakkii kanarra jiran ilaali. Lafa kana misoomsanii bareechaa jiru. Mana bareedaa namoonni ijaaraa jiran, akkasumas kuduraafi muduraa babbareedaa asirra jiru ilaali. Namoonni lafa waan hin mancaasneef, lafti akkuma dhaaba Eeden jannata taateetti. Waaʼee wantoota nama gammachiisan kanaa, Faarfannaa 67:6; 72:16; Isaayaas 25:6; 65:21-24 fi Hisqiʼel 36:35⁠rraa dubbisuu dandeenya.

Namoonni jannata keessatti fayyaa gaarii fi gammachuu argatanii yommuu jiraatan

Akkuma asirratti ilaaluu dandeessu, namoonni hundi fayyaafi gammachuu qabu. Namoonni akkuma kuruphee utaaluu dandaʼu. Namni naafa, jaamaa ykn dhukkubsataa taʼe hin jiru. Namoota duʼaa kaʼan kanas ilaali! Macaafni Qulqulluun, Isaayaas 25:8; 33:24; 35:5, 6; Hojii Ergamootaa 24:15 fi Mulʼata 21:3, 4⁠rratti waaʼee wantoota kanaa dubbata.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi