Ilaalcha Dhugaa Baatonni Yihowaa Barumsaaf Qaban
Dhugaa Baatonni Yihowaas akkuma maatiiwwan kaanii, waa’een jireenya fuulduraa ijoolleesaanii isaan yaaddessa. Kanaaf barumsaaf xiyyeeffannaa guddaa kennu. “Barumsi, namoonni miseensa hawaasichaaf faayidaa argamsiisan akka ta’an gargaaruu qaba. Kana malees, aadaasaanii beekuufi jireenya gaarii jiraachuuf kan isaan gargaaru ta’uu qaba.”
KITAABNI Za Worlid Buuk Insaaykilooppiidiyaa jedhamu akka olitti ibsetti, kaayyoowwan barumsaa gurguddaa ta’an keessaa tokko, bu’aa ba’ii jireenyaa guyyaa guyyaan isaan mudatu mo’uu akka danda’an gargaaruufi yommuu maatii godhatan maatiisaanii kunuunsuu akka danda’an leenjisuu kan dabalatudha. Dhugaa Baatonni Yihowaa, kun itti gaafatamummaa guddaa ta’uusaa ni amanu. Macaafni Qulqulluunis akkas jedha: “Namni tokko akkasitti fira isaatiif, caalaadhumatti immoo warra mana isaatiif yoo yaaduu dhaabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin amanin caalaas hammaachuu isaa ti.” (1 Ximotewos 5:8) Waggoonni mana barumsaatti dabarsan itti gaafatamummaa fuulduratti isaan eeguuf isaan qopheessa. Kanaaf, Dhugaa Baatonni barumsi dhimma xiyyeeffannaa guddaan kennamuufi qabu ta’uusaa ni hubatu.
“Barumsi, namoonni miseensa hawaasichaaf faayidaa argamsiisan akka ta’an gargaaruu qaba. Kana malees, aadaasaanii beekuufi jireenya gaarii jiraachuuf kan isaan gargaaru ta’uu qaba.”—Za Worlid Buuk Insaaykilooppiidiyaa
Dhugaa Baatonni Yihowaa abboommii Macaafa Qulqulluu: “Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta’in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!” jedhuu wajjin haala walsimuun jiraachuuf carraaqu. (Qolosaayis 3:23) Seerri bu’uuraa kun mana barumsaa dabalatee, guutummaa jireenyaatti hojiirra kan ooludha. Kanaaf warri Dhugaa Baatota ta’an, ijoolleensaanii hojii mana barumsaatii kennameef bakka guddaa kennuudhaan akka gaariitti akka qayyabatan jajjabeessu.
“Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin ta’in akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!”—Qolosaayis 3:23.
Kana malees, Macaafni Qulqulluun namni tokko seera biyyi keessa jiraatu baaseef bitamuu akka qabu barsiisa. Kanaaf, namni tokko waggoota murtaa’an barachuu akka qabu seerri kan dirqisiisu taanaan Dhugaa Baatonni Yihowaa seera kanaaf ni ajajamu.—Roomaa 13:1-7.
Bashannanuun, muuziqaa dhaggeeffachuun, hojiiwwan yeroo boqonnaatti hojjetaman hojjechuun, sochii jabeenya qaamaa hojjechuun, mana kitaabaafi muuziyamii daawwachuun, akkasumas wantoonni kanaa wajjin wal fakkaatan barumsaafi leenjii barbaachisaa argachuurratti ga’ee guddaa qabu
Barumsi jireenya guyyaa guyyaaf leenjii akka kennu haaluun kan hin danda’amne ta’us, Macaafni Qulqulluun kaayyoon barumsaa inni guddaan kana qofa akka hin taane ibsa. Barumsi gaariin, ijoolleen jireenya gammachuufi tasgabbii qabu akka jiraatan, akkasumas lammii gaarii akka ta’an kan gargaaru ta’uu qaba. Kanaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa filannoowwan sochii barumsa idileetiin alatti godhaman baay’ee barbaachisaa ta’uusaanii ni amanu. Bashannanuun, muuziqaa dhaggeeffachuun, hojiiwwan yeroo boqonnaatti hojjetaman hojjechuun, sochii jabeenya qaamaa gochuun, mana kitaabaafi muuziyamii daawwachuun, akkasumas wantoonni kanaa wajjin wal fakkaatan barumsaafi leenjii barbaachisaa argachuurratti ga’ee guddaa akka qaban ni amanu. Akkasumas, ijoolleensaanii maanguddoota akka kabajaniifi isaan gargaaruuf akka carraaqan jajjabeessu.
Waa’ee Barumsa Dabalataa Maal Jechuu Danda’ama?
Teeknooloojiin guddachaa waan adeemuuf, haalli hojii yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa jira. Kanaan kan ka’es, dargaggoonni hedduun hojiiwwan leenjii itti hin arganne hojjechuuf dirqamaniiru. Kanaaf, muuxannoon hojii, leenjiin dhuunfaatti argatan, keessumaa dandeettii isaan haala haaraa wajjin walsimanii hojjechuuf godhanirratti faayidaa isaaniif argamsiiseera. Barreessaan Moonteenyi jedhamuufi bara hojiin aartii itti guddachuu jalqabe ture akka ibsetti, bartoonni ‘sammuu akka gaariitti guute manaa sammuu akka gaariitti ijaarame utuu qabaatanii’ guddatanii gaariidha jedheera.
Yeroo baay’ee, dargaggoonni leenjii ga’aa hin arganne rakkina hojii dhabuu biyyoota sooreyyiifi hiyyeeyyii ta’an keessatti argamuuf saaxilamu. Kanaaf, namni tokko hojii argachuuf sadarkaa barumsaa seerri gaafatuu ol barachuun kan isarraa barbaadamu taanaan, warri bu’aafi miidhaa barumsi dabalataa qabu gamaaggamuudhaan ijoolleensaanii murtoo sirrii akka godhan gargaaruuf itti gaafatama qabu.
Haata’u malee, milkaa’inni qabeenya horachuu qofa akka hin taane hubachuunkee hin oolu. Waggoota dhihoodhaa asitti, dhiironniifi durboonni wanta hundaa caalaatti hojiisaaniitiif dursa kennan hojiisaaniirraa yommuu ari’aman kaayyoon jireenyaa maal akka ta’e hubachuun isaanitti ulfaata. Warri tokko tokko araada hojiitiin waan qabamaniif, jireenya maatiisaaniifi yeroo ijoolleesaanii wajjin dabarsan aarsaa godhu; kanaaf yeroo ijoolleensaanii ga’eessota akka ta’an itti gargaaran utuu itti hin fayyadamin hafu.
Ifatti hubachuun akka danda’amutti, qabeenyaan gammachuu dhugaa waan hin argamsiisneef, barumsi haqa kana tilmaama keessa kan galche ta’uu qaba. Yesus Kiristos, “Caaffata qulqullaa’aa keessatti ‘Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaan malee’ kan jedhu caafameera” jedheera. (Maatewos 4:4) Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota waan ta’aniif, amalaafi jireenya hafuuraa gaarii horachuu, akkasumas wanta jireenyaaf ta’u argachuuf leenjii argachuun barbaachisaa ta’uusaa ni amanu.