Sagantaalee Barumsaa
Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hojii Macaafa Qulqulluu barsiisuutiin beekamu.
NAMOONNI tokko tokko hojii Macaafa Qulqulluu barsiisuutiif bakka guddaa waan kennaniif, barumsaa kaaniif xiyyeeffannaa hin kennan jedhanii yaadu ta’a. Haata’u malee kun dhugaa miti. Barsiisaan tokko namoota barsiisuuf jalqaba ofiisaatiif barachuu qaba; kunimmoo leenjiifi barumsa gaarii argachuu gaafata. Kanaaf Dhugaa Baatonni Yihowaa barumsaa kaan malees, sagantaalee barumsaafi manneen barumsaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’anirraa waggoota hedduuf faayidaa argachaa turaniiru. Barumsawwan kunis, Dhugaa Baatonniifi namoonni kaan ga’eessota akka ta’an, amala qulqulluu akka qabataniifi gama hafuuraatiin guddina akka argisiisan gargaaraniiru.
Fakkeenyaaf, biyyoota hedduu keessatti namoonni carraa barumsa idilee xinnoo ykn matumaa hin argatin hafuusaaniitiin, dubbisuu ykn barreessuu hin dandeenye waan jiraniif Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii addaa cimaan namoota akkasii barsiisuu isaan mudata. Jaarmiyaan Dhugaa Baatotaa Yihowaa, rakkoo kana hiikuuf sagantaa dubbisuufi barreessuu qopheesseera.
Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 1949 kaasee Naayijeeriyaatti dubbisuufi barreessuu barsiisaa turaniiru. Sagantaawwan barumsaa kanaan lammiileen Naayijeeriyaa kumaan lakkaaʼaman dubbisuu barataniiru. Qorannoon tokko akka argisiisutti Dhugaa Baatota Yihowaa Naayijeeriyaa keessatti argaman keessaa harka 90 ol kan taʼan dubbisuu fi barreessuu ni dandaʼu; uummata biyyattii keessaa namoonni dubbisuu fi barreessuu dandaʼan garuu harka 50 gadi dha. Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 1946 eegalee Meeksikootti hojii dubbisuu fi barreessuu barsiisuu raawwachaa turaniiru. Waggaa tokko keessatti namoonni 6,500 ol taʼan dubbisuu fi barreessuu barataniiru. Walumaa galatti namoonni 100,000 ol taʼan dubbisuu fi barreessuu akka dandaʼan gargaarsi godhameeraaf. Sagantaan barumsaa kun waggoota hedduudhaaf biyyoota akka Booliiviyaa, Kaameruun, Neeppaalii fi Zaambiyaa keessatti geggeeffamaa tureera. Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaaba barnootaa Dubbisuufi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi jedhamu afaanota 100 oliin koppii miliyoona torbaa ol maxxansaniiru.
Abbootiin taayitaa barumsaa biyyoota hojiin dubbisuufi barreessuu hojiirra oolaa jiru keessatti argaman, hojii barsiisuu kanaaf beekamummaa kennaniiru. Fakkeenyaaf Meeksiikoo keessatti, hojjetaan mootummaa tokko akkas jechuun barreesseera: “Gargaarsa isin gootaniif isin galateeffachuun barbaada; hojii guddaa namoonni dukkana doofummaa keessaa akka ba’an raawwataniif dinqisiifannaa bulchiinsi mootummaa naannichaa qabu maqaa bulchiinsichaatiin yommuun isinii ibsu gammachuutu natti dhaga’ama. . . . Hojii barsiisuu keessaniin milkaa’ina akka argatan hawwii kooti.”
Leenjii Dabalataa
Barattoonni dandeettii uummata duratti dubbisuu fi dubbachuu akka fooyyeffataniif leenjiin ni kennama
Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii Kitaaba Qulqulluu barsiisuutiif bakka guddaa waan kennaniif dandeettii barumsawwan Kitaaba Qulqulluu warra kaaniif ibsuu fooyyeffachuuf carraaqu. Fakkeenyaaf, gumiiwwan 119,000 ol taʼanii fi addunyaa maratti argaman keessatti barattoonni leenjii dandeettii uummata duratti dubbisuu fi dubbachuu fooyyeffachuuf isaan gargaaru ni fudhatu. Ijoolleen xixinnoonis dubbisuu yeroo danda’anii kaasee mana barumsaa kana keessatti galmeeffamuun leenjii argachuu danda’u; kunimmoo barumsa idileerrattis ta’e karaawwan kaaniin baay’ee isaan gargaaruu danda’a. Barsiisonni hedduun ijoolleen Dhugaa Baatotaa Yihowaa yaadasaanii akka gaariitti ibsuu kan danda’an ta’uusaanii ibsaniiru.
Fedhii dubbisuu akka qabaatan karaa gumiisaanii gorsi kan kennamuuf si’a ta’u, maatiin hundis mana dubbisa kitaabaa barreeffamoota garagaraa qabate akka qabaatan jajjabeeffamu
Akkasumas, gumiin Dhugaa Baatota Yihowaa hundi Galma Mootummaa ykn bakka itti walga’an keessatti mana dubbisa kitaabaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaran, galmee jechootaafi barreeffamoota kan biraas akka qabaatan jajjabeessu. Namoonni Galma Mootummichaatti walga’an hundi mana dubbisa kitaabaa kanatti fayyadamuu danda’u. Fedhii dubbisuu akka qabaatan karaa gumiisaanii gorsi kan isaaniif kennamu si’a ta’u, maatiin hundis mana dubbisa kitaabaa barreeffamoota garagaraa qabateefi ijoollees ta’e maanguddoota gargaaran akka qabaatan jajjabeeffamu.
Leenjii Guddaa
Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa manneen barumsaa misiyoonota durbaafi dhiiraa, akkasumas dhiirota gumii naannichaa keessatti argamaniifi itti gaafatamummaa addaddaa qaban itti leenjifamanis hundeesseera. Manneen barumsaa kun ragaa dabalataa Dhugaa Baatonni Yihowaa barumsaaf bakka guddaa akka kennan argisiisudha.