Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa —Balbala Guddaa Hojiin Keessa Guute
1 Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa akkas jechuudhaan raajesseera: “Ani tiksoota warra isaaniif dhimman nan kaasaaf; isaan si’achi hin sodaatan, hin na’an, isaan keessaas tokko illee kan badu hin jiru.” (Er. 23:4) Yeroo har’aa hojiin tiksummaa akkasii kun namoota saba hundaa keessatti raawwatamaa jira. Kun jaarsolii gumii kuma kudhaniin lakkaa’amaniin godhamaa jira. Kana malees, dargaggoonni akka fixeensa ganamaa baay’atan tajaajila Yihowaatiif fedhiidhaan of dhiheessaniiru. (Far. 110:3) Obboloonni gad of qaboo ta’an kun gumii saba Waaqayyootiif eebba akkamiiti! Hojiin namoota walitti qabuu kan itti fufu waan ta’eef, ammayyuu namoonni ga’eessonni obbolootasaanii tajaajiluuf of dhiheessan ni barbaachisu.
2 Itti gaafatamummaa dabalaa deemu kanaaf jaarsoliifi tajaajiltoota gumii hin fuune leenjisuuf qophiin godhamu Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaati. Erga bara 1987tti manni barumsichaa jalqabamee kaasee leenjii kutaalee 999tti kennameen biyyoota 140 keessaa barattoonni 22,000 ol ta’an leenjifamaniiru. Manni barumsaa kun obboloota kanaaf ‘balbala guddaa hojiin keessa guute’ ta’eeraaf.—1 Qor. 16:9.
3 Kaayyoo Mana Barumsichaa: Kaayyoon Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa, namoonni jaarmiyaa Yihowaa keessatti bakka barbaachisaa ta’etti itti gaafatamummaaf ga’oo akka ta’an gochuufi leenjisuudha. Manni barumsichaa, hojii wangeela lallabuurratti dursa akka fudhatan, karra hoolotaa tiksuurratti akka hirmaatan, gumii keessattis akka barsiisaniif dandeettiisaanii guddisa. Erga eebbifamanii booda, barattoonni tokko tokko biyyumasaaniitti ykn biyya alaatti qajeelchaa addaa ykn daawwattoota olaanaa ta’anii ramadamu. Kaanimmoo, gumiisaanii isa duraatti ykn naannoowwan dameesaaniitti bakka barbaachisaa ta’etti tajaajiluuf ramadamu.
4 Leenjii torban saddeetii kanaan, barattoonni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gadi fageenya qabu godhu. Barumsa Macaafa Qulqulluu baay’ina qabu gadi fageenyaan qorachuusaaniirrayyuu, itti gaafatamummaa tiksummaafi rakkoowwan jireenya Kiristiyaanummaa keessatti mudatan akkamitti keessa ba’uun akka danda’amu qajeelfamni ni kennamaaf. Dhimmawwan bulchiinsaa, firdiifi jaarmiyaa ilaalchisees barumsi ni kennamaaf. Haasawaa akka dhiheessaniifi karaa hafuuraa guddina ariifachiisaa akka godhan dhuunfaatti gargaarsi ni godhamaaf. Leenjiin adda ta’e ni kennamaaf.
5 Ulaagaalee: Mana barumsaa kanarratti hirmaachuuf ulaagaan barbaachisu cimaa ta’uunsaa ni beekama. Iyyattoonni, jaarsa ykn tajaajilaa gumii ta’anii yoo xinnaate utuu walirraa hin kutin waggaa lamaaf kan tajaajilan ta’uu qabu. Hundisaanii kan hin fuuneefi umuriinsaanii waggaa 23 hanga 50 kan ta’e ta’uu qabu. Iyyattoonni, afaan Ingiliffaa isa leenjiin ittiin kennamu sirriitti dubbisuu, barreessuufi dubbachuu kan danda’an ta’uu, akkasumas fayyaa guutuu kan qabaniifi kunuunsa ykn nyaata adda ta’e kan hin barbaadne ta’uu qabu. Qajeelchitoota yeroo hundaatiif dursi ni kennama.
6 Obboloonni fedhiidhaan dhihaatan kun bakka barbaachisan dhaqanii tajaajiluuf fedhiifi dandeettii qabaachuu qabu. Kana gochuun ilaalcha akka Isaayaas raajichaa qabachuu gaafata; inni: “Kunoo, ani jiraa, ana ergi!” jedhee hojii adda ta’eef of qopheessee ture. (Isa. 6:8) Jireenyasaa hundaatti amala gad of qabummaa argisiiseera. Obboloonni Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaatiif of dhiheessanis, ofiisaaniitiif ulfina barbaaduu mannaa, jaalalaan kaka’aniin obbolootasaanii tajaajiluuf fedhii qabaachuu qabu. Leenjii gaarii kana erga fudhatanii booda, waan baratan bu’aa warra kaaniitiif hojiirra akka oolchan irraa eegama.—Luq. 12:48.
7 Bu’aasaa: Torban saddeettan leenjii cimaan itti kennamu kanatti, eebbifamtoonni ‘dubbii amantiittiifi barsiisa ba’eessatti guddataniiru.’ (1 Xim. 4:6) Kun gumiiwwaniifi aanaalee itti ramadamanitti warra kaan gargaaruufi jajjabeessuuf ga’oo akka ta’an isaan godha. Eebbifamtoonni Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa iddoowwan itti ramadaman baay’eetti, sochiin tajaajilaa dabaleera; obboloonni kaanis keessumaa drgaggoonni tajaajila qajeelchaa jalqabuuf kaka’aniiru; namoota saba Waaqayyoo wajjin walga’an baay’eedhaaf dhuunfaatti xiyyeeffannaa guddaan kennameera.
8 Ati jaarsa ykn tajaajilaa gumii hin fuuneefi umuriin kee waggaa 23 hanga 50 jirudhaa? Maaliif Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaatiif iyyata hin galchituree? Dargaggeessa yeroo fulduraa tajaajila Yihowaarratti dabarsuuf yaaddudhaa? ‘Balbala guddaa hojiin keessa guute’ kanatti galuuf, jireenya kee salphaafi jeequmsarraa walaba kan ta’e maaliif hin gootu? Kun gammachuu guddaa siif argamsiisa. Dhugumaan, Manni Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa, eebbifamtoota mana barumsichaa qofaaf utuu hin ta’in, gumii saba Waaqayyoo isa addunyaa maraatiifis eebba guddaadha.
[Ibsa fakkii fuula 6rra jiru]
Faayidaa Mana Barumsichaarraa Argatan
“Dhugumaan leenjichi tajaajila koo naaf fooyyesseera; dandeetti tiksummaa kootiis Macaafa Qulqulluutti gargaaramee akkan fooyyessu na gargaareera.”
“Manni barumsichaa itti gaafatamummaan gumii keessatti qabu ba’uuf ofitti amanamummaadhaan akkan qabaadhu na godheera.”
“Ilaalchan qophii Waaqayyootiifi jaarmiyaasaatiif qabu dabalatee, guutummaa jireenya kootii jijjiireera jechuu nan danda’a.”
“Leenjiin fudhadhe, iddoo barbaachisu dhaqee tajaajiluuf of dhiheessuun koo barbaachisaa ta’uusaa akkan hubadhu na gargaareera.”
[Ibsa fakkii fuula 6rra jiru]
(Gara ful. 7ffaa, tar. 1ffaatti)
[Ibsa fakkii fuula 7rra jiru]
Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa
(fuula 6ffaarraa)