LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fy boq. 2 ful. 13-26
  • Gaa’ela Gaarii Qabaachuuf Qophaa’uu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaa’ela Gaarii Qabaachuuf Qophaa’uu
  • Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GAA’ELAAF QOPHOOFTETTAA?
  • DURA EENYUMMAAKEE BEEKI
  • ULAAGAA NAMA HIRIYAA GAA’ELAAKEE AKKA TA’U BARBAADDURRAA EEGDU
  • DURAAN DURSAATII SIRRIITTI WAL BEEKAA
  • WAL QORANNAAN KEESSAN ULFINA QABEESSA HAATA’U
  • JIREENYA GUYYAA CIDHAA BOODA JIRUUF YAADAA
  • Gaaʼelli Kennaa Waaqayyo Biraa Argame Dha
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Gaa’elli Kennaa Waaqa Jaalala Qabeessarraa Kennamedha
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Guyyaa Cidhaa Booda
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Gaa’ela Keetti Gammadi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
fy boq. 2 ful. 13-26

BOQONNAA LAMA

Gaa’ela Gaarii Qabaachuuf Qophaa’uu

Picture on page 13

1, 2. (a) Yesus karoora baafachuun barbaachisaa ta’uusaa kan addeesse akkamitti? (b) Keessumaammoo karoorri kan nu barbaachisu yeroo maal gochuuf yaannudha?

MANA tokko ijaaruuf qophii gaarii gochuun barbaachisaadha. Bu’uurri kaa’amuusaa dura, lafa argachuufi pilaanii manichaa fakkiidhaan kaa’uun ni barbaachisa. Wanti barbaachisu kan biraanis jira. Yesus akkas jedheera: “Isin keessaa namni mana dhagaa ijaaruu barbaadu, duraan dursee horii ittiin mana kana ijaaree raawwatu qaba yoo ta’eef, taa’ee kan hin shallagne eenyu?”—Luqaas 14:28.

2 Wanti mana ijaaruuf barbaachisu gaa’ela gaarii qabaachuufis barbaachisaadha. Namoonni baay’een, “Gaa’ela godhachuun barbaada” jedhu. Haata’u malee, kana gochuun maal akka isaanirraa barbaadu kan yaadan hammamsaaniiti? Macaafni Qulqulluun gaa’elli gaarii ta’uusaa dubbatuyyuu, qorumsa gaa’ela keessa jirus akka hin daganne nu gorsa. (Fakkeenya 18:22; 1 Qorontos 7:28) Kanaaf, warri gaa’ela godhachuuf yaadan, eebba argamsiisus ta’e aarsaa inni gaafatu ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuu qabu.

3. Macaafni Qulqulluun namoota gaa’ela godhachuu barbaadan ni gargaara kan jennu maaliifi? Macaafni kun gaaffiiwwan maal jedhan sadiif deebii akka argannu nu gargaara?

3 Macaafni Qulqulluun gargaarsa nuu kenna. Gorsa achi keessatti argamu hafuurasaatiin kan barreessise Yihowaa isa gaa’ela hundeessedha. (Efesoon 3:14, 15; 2 Ximotewos 3:16) Gorsa kitaaba qajeelfamaa bara durii barreeffame, garuu ammayyuu faayidaa qabu kana keessatti argamutti fayyadamuudhaan gaaffiiwwan, (1) Namni tokko gaa’ela ijaaruuf qophaa’aa ta’uusaa beekuu kan danda’u akkamitti? (2) Hiriyaa gaa’elaarraa maaltu eegamuu qaba? (3) Namoonni saalaan faallaa ta’an ennaa wal qoratan amala addaggummaarraa fagaachuu kan danda’an akkamitti? jedhaniif deebii haa laannu.

GAA’ELAAF QOPHOOFTETTAA?

4. Gaa’elli gaarii ta’ee akka itti fufu gochuuf wanti baay’ee barbaachisaa ta’e maalidha? Maaliif?

4 Mana ijaaruun baasii guddaa gaafachuu danda’a; haata’u malee manichi yeroo dheeraadhaaf akka turuuf haaromsuunis baasii guddaa gaafata. Gaa’ellis akkasuma. Gaa’ela godhachuun rakkina baay’ee qaba; walitti dhufeenya hiriyoota gaa’elaa gidduu jiru eeguunis rakkisaa ta’uunsaa dagatamuu hin qabu. Walitti dhufeenya akkasii cimsuun maal gaafata? Garaa guutuudhaan waadaa walii galuu gaafata. Macaafni Qulqulluun walitti dhufeenya hiriyoota gaa’elaa gidduu jiru akkas jechuudhaan ibsa: “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u.” (Uumama 2:24) Yesus Kiristos, Caaffata Qulqullaa’aarratti karaan hiriyaa gaa’elaa hiikanii nama biraa fuudhuu ykn heerumuuf sababii ta’u tokko qofaa akka ta’e dubbateera; innis “ejja” jechuunis saalqunnamtii hiriyaa gaa’elaatiin ala raawwatamudha. (Maatewos 19:9) Gaa’ela godhachuuf yaadaa jirta taanaan, ulaagaalee Macaafa Qulqulluu keessatti argaman kana sammuutti qabadhu. Wareega guddaa akkasii kanaaf of hin qopheessine taanaan gaa’ela godhachuuf ga’eessa miti jechuudha.—Keessa Deebii 23:21; Lallaba 5:4, 5.

5. Waadaan gaa’elaa namoota baay’ee kan sodaachisu ta’uyyuu, namoota gaa’ela godhachuu barbaadan biratti bakki guddaan kennamuufii kan qabu maaliifi?

5 Namoonni hedduun waa’ee waadaa gaa’elaa yommuu dhaga’an baay’ee sodaatu. Dargaggeessi tokko, “Lamaan keenya umrii keenya guutuu walitti hidhamnee akka jiraannu yeroon yaadu, akkan bakka tokkotti hidhametti natti dhaga’ama” jechuudhaan utuu hin dhoksin dubbateera. Haata’u malee, nama hiriyaa gaa’elaa godhachuu barbaaddan sana dhugumaan yoo jaallattan waadaan sun ba’aa isinitti hin ta’u. Kanaa mannaa eegumsa akka isiniif ta’utti ilaaltu. Warri wal fuudhuuf jiran waadaa waliif galuunsaanii, yeroo gaariittis ta’e yeroo rakkinaatti waliin jiraachuuf, akkasumas wanti fedhe dhufuyyuu wal gargaaruuf fedhii akka qabaatan godha. Phaawulos ergamaan, jaalalli dhugaa “karaa tokko illee nama hin lafafu [hundumaa danda’a, 1899]” akkasumas “hunduma isaas obsa” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 13:4, 7) Dubartiin tokko akkas jette: “Waadaan gaa’elaa caalaatti eegumsa akkan argadhe akka natti dhaga’amu godha. Walitti maxxannee jiraachuu akka barbaannu ofii keenyaafis ta’e warra kaaniif mirkaneessuu keenyatti baay’een gammada.”—Lallaba 4:9-12.

6. Umrii dargaggummaatti gaa’elaaf jarjaruu dhiisuun gaarii kan ta’e maaliifi?

6 Haala waadaa keenyaan wal simuun jiraachuun bilchina gaafata. Kanaaf, Phaawulos Kiristiyaanonni ‘fuudha ga’uusaanii’ dura, jechuunis yeroo fedhiin saalqunnamtiidhaaf qaban isaan mo’ee murtoo godhan to’atutti utuu fuudhuu baatanii gaarii akka ta’e gorseera. (1 Qorontos 7:36) Ijoolleen yeroo guddatan dafanii jijjiirama argisiisu. Dargaggoonni ijoollummaasaaniitti gaa’ela godhatan, waggoota muraasa booda fedhiinsaaniis ta’e kan hiriyaa gaa’elaasaanii jijjiiramuusaa argu. Dargaggoonni umrii kurnanii keessa utuu jiranii gaa’ela godhatan, warra ga’eessota ta’anii wal fuudhan caalaa gammachuu akka hin qabneefi wal hiikuu akka barbaadan ragaawwan tokko tokko ni ibsu. Kanaafuu gaa’elaaf hin jarjarinaa. Dargaggeessa, akkasumas ga’eessa taatee waggoota muraasa dabarsuunkee, muuxannoo hiriyaa gaa’elaa gaarii ta’uuf si gargaaru siif argamsiisa. Utuu gaa’ela hin godhatin turuunkee sirriitti of beekuuf si gargaara; kunimmoo, hiriyaa gaa’elaakee wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf wanta barbaachisaa ta’edha.

DURA EENYUMMAAKEE BEEKI

7. Namoonni gaa’ela godhachuu barbaadan dursanii of qoruu kan qaban maaliifi?

7 Amala hiriyaan gaa’elaakee akka qabaatu barbaaddu ibsuun salphaa mitii? Namoota baay’eedhaaf salphaadha. Amalakee ilaalchiseehoo? Gaa’ellikee bu’a qabeessa akka ta’u kan gargaaru amala gaarii akkamii qabda? Abbaa manaa ykn haadha manaa akkamii taata? Fakkeenyaaf, dogoggorrikee yeroo sitti himamu daftee fudhattee gorsa sii kennamu hojiirra oolchitamoo sirreeffama sii kennamu fudhachuu didda? Nama gammachuu qabduufi waan gaarii hawwitudhamoo nama yeroo hunda fuula dukkaneessuufi yeroo baay’ee guungumudha? (Fakkeenya 8:33; 15:15) Gaa’elli amalakee akka hin jijjiirre hin irraanfatin. Yeroo qeentee turtetti kan of tuultu, natti hin dubbatinaa kan jettu ykn kan abdii kutattu yoo taate yeroo gaa’ela godhattus kanuma akkasii taata. Akka warri kaan nu ilaalanitti of ilaaluu waan hin dandeenyeef, warrikee ykn michuun amantu tokko yaada ifa ta’e akka sii kennan maaliif hin gaafattu? Sirreeffama tokko tokko gochuu akka qabdu yoo hubatte, gaa’ela godhachuuf tarkaanfii fudhachuukee dura of sirreessuuf yaali.

Fakkii fuula 19rra jiru

Yeroo qeentee taatee jirtutti, amalawwaniifi dandeettiiwwan gaa’ela gaarii ijaaruuf gargaaran qabaachuuf carraaqqii godhi

8-10. Macaafni Qulqulluun namni tokko gaa’elaaf akka qophaa’u gargaaruuf gorsa akkamii kenna?

8 Macaafni Qulqulluun hafuurri Waaqayyoo amalawwan akka “jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa, . . . of dhowwuu” jiran nuu argamsiisuudhaan nu keessatti akka hojjetu akka goonu nu jajjabeessa. Kana malees, “Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa” akkasumas “namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii waaqayyootiin uumame uffadhaa!” nuun jedha. (Galaatiyaa 5:22, 23; Efesoon 4:23, 24) Gara fuulduraatti yeroo gaa’ela godhattu waan si gargaaruuf, yeroo qeentee taate kanatti gorsa kana hojiirra oolchuunkee, mana baankiitti qarshii kuufachuu wajjin wal fakkaata.

9 Fakkeenyaaf yoo dubartii taate, miidhagina qaamaa mul’aturratti utuu hin ta’in, ‘namummaakee isa dhokataarratti’ xiyyeeffachuu baradhu. (1 Phexros 3:3, 4) Maal naan jedhuuniifi of qabuun ogummaa isa “gonfoo miidhagaa” isa dhugaa ta’e qabaachuuf si gargaara. (Fakkeenya 4:9; 31:10, 30; 1 Ximotewos 2:9, 10) Dhiira yoo taate, gaarummaafi kabajaan dubartii kunuunsuu baradhu. (1 Ximotewos 5:1, 2) Murtoo gochuufi itti gaafatamummaakee raawwachuu yeroo barattutti, humnakee beekuufi gad of qabuu baradhu. Hiriyaa gaa’elaa ofii hacuucuun gaa’ela keessatti rakkina uuma.—Fakkeenya 29:23; Miikiyaas 6:8; Efesoon 5:28, 29.

10 Wantoota kana ilaalchisee jijjiirama gochuun ulfaataa ta’uyyuu, wanta Kiristiyaanonni hundi hojiirra oolchuu qabanidha. Kana gochuunkee hiriyaa gaa’elaa gaarii ta’uufis si gargaara.

ULAAGAA NAMA HIRIYAA GAA’ELAAKEE AKKA TA’U BARBAADDURRAA EEGDU

11, 12. Namoonni lama wal ta’uufi ta’uu dhiisuusaanii kan beekan akkamitti?

11 Naannoo keessanitti namni fuudhuu ykn heerumuu barbaadu hiriyaa gaa’elaa ofiisaatiin filataa? Yoo akkas ta’e, saala faallaa jaallatte tokko yoo argatte maal gochuu qabda? Dura, ‘Gaa’ela godhachuuf yaadeeraa?’ jedhii of gaafadhu. Abdii sobaa kennuudhaan miira namaatti taphachuun hammeenyadha. (Fakkeenya 13:12) Achiis, ‘Haala gaa’ela godhachuuf na dandeessisu keessan jiraa?’ jedhii of gaafadhu. Gaaffiiwwan lamaaniifuu deebiinkee ‘eeyyee’ kan jedhu yoo ta’e, tarkaanfiin ittaansuudhaan fudhattu akka naannoo sanaatti addadda ta’uu danda’a. Naannoowwan tokko tokkotti yeroo muraasaaf nama sana erga ilaaltee booda, namichatti dhihaattee caalaatti wal baruu akka barbaaddu ibsita. Deebiinsaa ‘lakki’ kan jedhu yoo ta’e, sana booda isa dirqisiisuu hin qabdu. Namni sunis dhimma kana ilaalchisee murtoo gochuuf mirga akka qabu yaadadhu. Gaaffii keerratti kan walii galu yoo ta’e garuu, sochiiwwan gaarii ta’anirratti waliin hirmaachuuf qophii gochuu dandeessa. Kun ta’uunsaa nama kana hiriyaa gaa’elaa godhachuun sirrii ta’uufi dhiisuusaa ilaaluuf si gargaara.a Sadarkaa kanarratti nama sanarraa maal eeguu qabda?

12 Gaaffii kana deebisuuf, meeshaawwan muuziqaa lama, tarii piyaanoofi gitaara akka fakkeenyaatti fudhadhu. Sirriitti yoo ittiin taphatte lamaansaaniiyyuu sagalee muuziqaa nama gammachiisu dhageessisuu danda’u. Haata’u malee lamaansaanii walumatti utuu taphattehoo? Yeroo kanatti sagaleensaanii walii wajjin kan deeman ta’uu qaba. Siifi nama hiriyaa gaa’elaa godhachuu barbaadduu wajjinis haallisaa wal fakkaata. Lamaan keessaniyyuu amala keessan sirreessuuf carraaqxu ta’a. Gaaffiin ka’u garuu, amalli keessan kan waliin adeemudhaa? Yookiin walii ni taatuu? kan jedhudha.

13. Nama amantaa akka keessanii hin qabaanne wajjin wal qorachuun sirrii kan hin taane maaliifi?

13 Lamaan keessaniyyuu amantaafi seera bu’uuraa wal fakkaatu qabaachuun keessan barbaachisaadha. Phaawulos ergamaan, “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jechuudhaan barreesseera. (2 Qorontos 6:14; 1 Qorontos 7:39) Namni hiriyaa gaa’elaa godhattu akka keetii Waaqayyotti kan amanu yoo ta’uu baate, yeroo baay’ee walii galteen akka hin jiraanne beekamaadha. Waliin taatanii Yihowaa waaqeffachuun keessan tokkummaa keessaniif bu’uura ta’a. Yihowaan gammachuu akka qabaattaniifi hiriyaa gaa’elaa keessanii wajjin hamma danda’ame hunda akka walitti maxxantan barbaada. Isaa wajjinis ta’e hiriyaa gaa’elaa keessanii wajjin wal jaallachuudhaan fo’aa dachaa sadiin akka walitti hidhamtan barbaada.—Lallaba 4:12.

14, 15. Gaa’ela keessatti tokkummaa qabaachuuf wanti barbaachisu amantaa wal fakkaatu qabaachuu qofadhaa? Ibsi.

14 Walii wajjin Waaqayyoon waaqeffachuun tokkummaa qabaachuuf wanta hunda caalaa barbaachisu ta’uyyuu, wanti barbaachisu kan biraanis jira. Walta’uu akka dandeessaniif, atiifi namni hiriyaa gaa’elaakee ta’uuf jedhu kaayyoo wal fakkaatu qabaachuu qabdu. Kaayyoon keessan maalidha? Fakkeenyaaf, lamaan keessaniyyuu ijoollee godhachuu ilaalchisee yaada maalii qabdu? Jireenya keessan keessatti hunda caalaa dursa kan kennitan wanta akkamiitiifi?b (Maatewos 6:33) Gaa’ela milkaa’aa ta’e keessatti hiriyoonni gaa’elaa michoota gaariidha, waliin ta’uunis isaan gammachiisa. (Fakkeenya 17:17) Kanaafis fedhiinsaanii tokko ta’uu qaba. Fedhiinsaanii garaagara yoo ta’e, michoota walitti dhihaatan ta’uun, akkasumas hiriyoota gaa’elaa ta’anii wajjin turuun rakkisaa ta’uu danda’a. Haata’u malee, namni hiriyaa gaa’elaakee godhachuuf qorattu bashannanuuf jecha deemuu kan jaallatuufi ati garuu kan hin jaallanne yoo ta’e, wal fuudhuu hin qabdan jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Wantoota baay’ee barbaachisaa ta’an kan biraarratti fedhiin keessan tokko ta’uu danda’a. Kanarras, namni gara fuulduraatti hiriyaa gaa’elaakee ta’u kan itti gammadu waan ta’eef, sochiiwwan nama gammachiisanirratti isaa wajjin hirmaachuudhaan isa gammachiisuu dandeessa.—Hojii Ergamootaa 20:35.

15 Walta’uun keessanillee gara caalaatti kan hundaa’u, akka haalasaatti kan of jijjiirtan ta’uu keessanirratti malee tokko ta’uu keessanirratti miti. “Waan hundumaarratti waltaanaa?” jedhanii gaafachuu mannaa, akkas jechuudhaan of gaafachuun keessan gaarii ta’uu danda’a: “Yoo walii galuu baanne maaltu uumama? Wal kabajuudhaan suuta jennee dhimmasaarratti mari’achuu ni dandeenyaa? Moo yeroo baay’ee mareen keenya gara mormii cimaatti jijjiirama?” (Efesoon 4:29, 31) Gaa’ela godhachuu yoo barbaadde, nama of tuuluufi yaada namaa hin fudhanne, dogoggorasaa hin fudhanne ykn yeroo hundumaa waan tokko argachuuf wawwaatuufi karaa mataasaatiin deemuu barbaadu of eeggannoodhaan hubadhu.

DURAAN DURSAATII SIRRIITTI WAL BEEKAA

16, 17. Dhiirri ykn dubartiin tokko nama hiriyaa gaa’elaa isaaniif ta’u yeroo qoratan wanti hubachuu qaban maalidha?

16 Gumii Kiristiyaanotaa keessatti warri itti gaafatamummaan kennamuuf, “duraan dursanii qoramanii ilaalamuun in ta’aaf.” (1 Ximotewos 3:10) Atis seera bu’uuraa kana hojiirra oolchuu dandeessa. Fakkeenyaaf isheen durbaa akkas jettee gaafachuu dandeessi: “Namni kun maqaa akkamii qaba? Michoonnisaa eenyufa’i? Nama of qabudhaa? Warra dullooman kan qabu akkamitti? Maatii akkamii keessatti guddate? Isaanii wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? Qarshiidhaaf ilaalcha akkamii qaba? Dhugaatii alkoolii garmalee ni dhugaa? Nama dafee aaruufi lola jaallatudhaa? Gumii keessatti itti gaafatamummaa akkamii qaba? Itti gaafatamummaasaa kan raawwatu akkamitti? Kabaja guddaa kennuufii nan danda’aa?”—Lewwoota 19:32; Fakkeenya 22:29; 31:23; Efesoon 5:3-5, 33; 1 Ximotewos 5:8; 6:10; Tiitoos 2:6, 7.

17 Inni dhiiraammoo akkas jedhee gaafachuu danda’a: “Dubartiin kun Waaqayyoof jaalalaafi kabaja qabdii? Sirriitti mana qabuu ni dandeessii? Maatiinshee maal nurraa eega? Ogeettii, tattaafattuufi qusattuudhaa? Waa’ee maalii haasa’uu jaallatti? Nageenya warra kaaniitiif garaadhaa ni yaaddii? Moo of jaallattuufi dhimma namaa keessa kan lixxudha? Amanamtuudhaa? Abbaa manaashee isa mataa maatii ta’eef bitamuuf fedhii qabdii? Moo didduu, tariimmoo mormituudha?—Fakkeenya 31:10-31; Luqaas 6:45; Efesoon 5:22, 23; 1 Ximotewos 5:13; 1 Phexros 4:15.

18. Yeroo wal qorattan hir’ina xinnoo yoo argitan maal yaadachuu qabdu?

18 Wal qorachaa kan jirtan nama cubbamaa sanyii Addaam ta’ee wajjin malee, nama tasumaa hin dogoggorre godhamee asoosama keessatti ibsame tokkoo wajjin akka hin taane hin irraanfatinaa. Hundi keenyayyuu hir’ina waan qabnuuf, siifis ta’e nama hiriyaa gaa’elaakee akka ta’u yaaddeef wantoonni irra darbamuu qaban jiru. (Roomaa 3:23; Yaaqoob 3:2) Kana malees, hir’ina akka qabnu hubachuun keenya karaa hafuuraa guddachuuf carraa nuu banuu danda’a. Fakkeenyaaf, yeroo wal qorattanitti walii galuu dadhabdan haa jennu. Namoonni wal jaallataniifi wal kabajanillee yeroo tokko tokko walta’uu akka dadhaban hubadhaa. (Uumama 30:2; Hojii Ergamootaa 15:39 wal bira qabii ilaali.) Lamaan keessan yeroo xinnoodhaaf ‘of qabuufi’ karaa naga qabeessa ta’een rakkoo keessan akkamitti akka hiiktan barachuun isin barbaachisaa laata? (Fakkeenya 25:28) Namni qorachaa jirtan sirreeffama gochuu akka barbaadu ni argisiisaa? Isinoo nama daftanii aartan ta’uu dhiisuu dandeessuu? (Lallaba 7:9) Rakkina akkamitti akka hiiktan barachuun keessan, yoo waliin jiraattan yaada garaa keessanii dhoksaa tokko malee waliin haasa’uuf isin gargaara.—Qolosaayis 3:13.

19. Yeroo wal qorattan rakkinni cimaan yoo isin mudate tarkaanfii akkamii fudhachuutu sirriidha?

19 Wanta baay’ee isin rakkisu tokko yoo hubattan maal gochuu qabdu? Shakkii akkasiitiif bakka guddaan kennamuu qaba. Jaalalli akkamiiyyuu yoo isin qabe ykn gaa’ela godhachuuf hammamiyyuu yoo hawwitan, dogoggora guddaa tuffattanii bira hin darbinaa. (Fakkeenya 22:3; Lallaba 2:14) Wanti guddaan garaa isin nyaate yoo jiraate, walitti dhufeenya keessan dhaabuufi nama sanaaf waadaa galuurraa of qusachuun barbaachisaadha.

WAL QORANNAAN KEESSAN ULFINA QABEESSA HAATA’U

20. Warri wal qoratan amallisaanii kan nama hin komachiisne akka ta’u gochuu kan danda’an akkamitti?

20 Yeroo wal qorattan amala addaggummaarraa fagaachuu kan dandeessan akkamitti? Hunda caalaa, amalli keessan kan nama komachiisu akka hin taane of eegaa. Naannoo jiraattanitti, namoonni wal hin fuune harka wal qabachuun, wal dhungachuun ykn wal hammachuunsaanii fudhatama qabaa? Ibsi jaalalaa akkasii kun kan nama hin komachiisne yoo ta’ellee, kana gochuun kan heyyamamu yeroo wal fuudhuuf murteessitan qofadha. Ibsi jaalalaa akkasii kun daangaasaa darbee gara gocha xuraa’aatti ykn ejjatti akka isin hin geessine of eegaa. (Efesoon 4:18, 19; Weedduu Weedduu Caalu 1:2; 2:6; 8:5, 9, 10 wal bira qabii ilaali.) Garaan namaa waan hin amanamneef, mana keessa, konkolaataa dhaabate keessa ykn bakka gocha gadhee raawwachuuf carraa banutti qofaa keessan akka hin taane lamaan keessanuu carraaqqii gochuu qabdu. (Ermiyaas 17:9) Akkaataan itti wal qorattan kan hin komachiisne akka ta’u gochuudhaan, kan of qabdan ta’uu keessaniifi fedhii keessanirra karaa ofittummaarraa walaba ta’een faayidaa warra kaanii akka dursitan argisiistu. Hunda caalaa garuu, yeroo itti wal qorattan amala addaggummaa ta’e raawwachuurraa fagaachuudhaan dabarsuun keessan, Yihowaa isa tajaajiltoonnisaa xuraa’ummaafi ejjarraa akka fagaatan ajaje kan gammachiisudha.—Galaatiyaa 5:19-21.

21. Karaa ulfina qabeessa ta’een gaa’elaaf wal qorachuuf maree ifa ta’e akkamiitu barbaachisa?

21 Lammaffaammoo, karaa ulfina qabeessa ta’een wal qorachuun dhoksaa malee waliin mari’achuus ni dabalata. Wal qorachuun keessan gara gaa’elaatti geessaa yommuu dhufu, wantoota tokko tokkorratti ifatti mari’achuun barbaachisaadha. Eessa jiraattu? Lamaan keessanuu alaa hojjettuu? Ijoollee godhachuu barbaadduu? Kana malees, wantoota kanaan dura raawwatamaniifi tariimmoo gaa’elarratti dhiibbaa geessisuu danda’anirratti ifatti mari’achuun sirriidha. Kunis liqii ykn dirqama isinirra jiru ykn dhimmawwan fayyaa wajjin wal qabatan, kan akka dhukkuba cimaa dabalachuu danda’a. Namoonni dhukkuba Eedsiitiin (vaayirasii HIVtiin) qabaman baay’een mallattoon dhukkubichaa dafee irratti hin mul’atu; kanaaf, namni tokko ykn warrisaa nama kanaan dura saalqunnamtii seeraan ala ta’e raawwachaa ture ykn qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachaa ture tokko, Eedsii qabaachuufi dhiisuusaa beekuuf dhiigasaa akka qorachiisu gaafachuunsaanii dogoggora miti. Dhukkuba kanaan kan qabame yoo ta’e, hiriyaansaa sun walitti dhufeenya qaban dhaabuu barbaadee utuu jiruu michummaansaanii akka itti fufu dirqisiisuu hin qabu. Namni kanaan dura haala jireenyaa balaa geessisuu danda’u jiraachaa ture, wal qorachuu jalqabuusaa dura dhukkuba Eedsii qabaachuufi dhiisuusaa beekuuf fedhiisaatiin dhiigasaa yoo qorachiise gaariidha.

JIREENYA GUYYAA CIDHAA BOODA JIRUUF YAADAA

22, 23. (a) Yeroo qophiin cidhaa godhamutti ilaalcha sirrii dhabuun kan danda’amu akkamitti? (b) Cidhaafi gaa’ela ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

22 Ji’oota gara dhumaa naannoo cidha keessanii jiranitti, lamaan keessaniyyuu qophii cidhichaaf gootaniin hojiin isinitti baay’achuunsaa hin oolu. Qophicha giddu galeessa gochuudhaan dhiphina hir’isuu dandeessu. Cidha guddaa qopheessuun firootaafi hawaasa naannoo sanaa gammachiisuu danda’a ta’a; haata’u malee, warra reefuu wal fuudhaniifi maatiiwwansaanii garmalee dadhabsuufi qabeenyasaanii harkaa fixuu danda’a. Karaa tokko tokkoon aadaa naannoo hordofuun gaarii ta’uu danda’a; wanta jedhamu hundumaa hordofuuniifi fedhii wal dorgommiitiin geggeeffamuun garuu, gammachuu qophii sanarraa argachuuf yaaddan akka hin arganne gochuu danda’a. Misirroon dhiiraa miira warra kaanii xiyyeeffannaa keessa galchuu kan qabu ta’uyyuu, wanta qophii cidhichaarratti raawwatamu ilaalchisee murtoo gochuun itti gaafatamummaasaa isa duraati.—Yohannis 2:9.

23 Cidhi keessan kan turu guyyaa tokko qofa akka ta’eefi gaa’elli keessan garuu umrii keessan guutuu kan turu ta’uusaa hin dagatinaa. Sirna cidhi keessan itti geggeeffamurratti garmalee hin xiyyeeffatinaa. Kanaa mannaa, qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaqqii godhaa, jireenya gaa’elaa keessaniif dursaatii karoora baafadhaa. Kana yoo gootan gaa’ela milkaa’aa ta’eef akka gaariitti kan qophooftan taatu.

a Gorsi kun kan hojjetu biyyoota gaa’elaaf jecha wal beellamanii yeroo waliin dabarsuun Kiristiyaanotaaf fudhatamaa ta’ettidha.

b Gumii Kiristiyaanaa keessaayyuu obboloonni tokko tokko karaa hafuuraa kufuu kan ga’an ta’uu danda’u. Tajaajiltoota Waaqayyoo garaa guutuudhaan hojjetan ta’uu mannaa, ilaalchiifi amalli biyya lafaa dhiibbaa isaanirraan geessisee ta’uu danda’a.—Yohannis 17:16; Yaaqoob 4:4.

SEERAWWAN BU’UURAA MACAAFA QULQULLUU KUN, NAMNI TOKKO GAA’ELA MILKAA’AA TA’EEF AKKA OF QOPHEESSU KAN GARGAARAN AKKAMITTI?

Abbaan manaafi haati manaa waadaa walii galuu qabu.—Uumama 2:24.

Qaama alaan mul’aturra keessa namummaatu caala.—1 Phexros 3:3, 4.

Karaa sirrii hin taaneen “walitti hin hidhatinaa!”—2 Qorontos 6:14.

Warri amala addaggummaa qaban Waaqayyorraa kan fagaatanidha.—Efesoon 4:18, 19.

AADAAFI MACAAFA QULQULLUU

Kennaafi Gabbara: Biyyoota tokko tokkotti warri misirrichaa warra intalaatiif qarshii (kennaa) akka kennu isarraa eegu. Biyyoota biraattimmoo warri misirrittii warra gurbichaatiif qarshii (gabbara) kennu. Aadaawwan kun seeraan hamma hin dhowwamnetti dogoggora miti. (Roomaa 13:1) Karaa lamaaniinuu garuu, warri gabbara sana fudhatan sassataan kaka’anii qarshii ykn mi’a barbaachisaa hin taane gaafachuurraa of qusachuu qabu. (Fakkeenya 20:21; 1 Qorontos 6:10) Kana malees, kennaan warra intalaatiif kennamu haati manaa akka qabeenya qarshiidhaan bitamtuutti akka ilaalamtu kan godhu ta’uu hin qabu ykn inni abbaan manaa ta’u haadhamanaasaa ykn soddaawwansaa ilaalchisee itti gaafatamummaan isarra jiru qarshii wajjin kan wal qabate qofa akka ta’e itti dhaga’amuu hin qabu.

Haadha Manaa Baay’ee Fuudhuu: Adaawwan tokko tokkotti namni tokko haadha manaa tokko caalaa fuudhuu danda’a. Haalli akkasiimmoo namichi abbaa manaa ykn abbaa utuu hin ta’in gooftaa akka ta’u isa godha. Kana malees, yeroo baay’ee haadhotii manaa gidduutti wal morkiin akka uumamu godha. Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanotaaf kan heyyamu, qeentee ta’anii jiraachuu ykn hiriyaa gaa’elaa tokko qofaa qabaachuudha.—1 Qorontos 7:2.

Gaa’ela Dura Waliin Jiraachuu: Dhiirriifi durbi baay’een gaa’ela dura wajjin jiraachuun hammam akka walii ta’an ilaaluuf akka isaan gargaaru dubbatu. Haata’u malee, yaaliin akkasii wanta jabaa gaa’ela keessatti barbaachisu jechuunis amanamummaa namaa qoruuf hin gargaaru. Ijoollee walitti dhufeenya kana gidduutti dhalatan dabalatee, hundasaaniitiif eegumsa wal qixxee ta’e argamsiisuu kan danda’u gaa’ela qofadha. Akka ilaalcha Yihowaatti seeraan utuu wal hin fuudhin wajjin jiraachuun ejjadha.—1 Qorontos 6:18; Ibroota 13:4.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi