BOQONNAA 10
Gaa’elli Kennaa Waaqa Jaalala Qabeessarraa Kennamedha
“Fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame dafee hin citu.”—LALLABA 4:12.
1, 2. (a) Misirroota ilaalchisee gaaffii akkamiitu sammuu keenyaatti dhufa? Maaliif? (b) Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?
CIDHARRATTI argamuun si gammachiisaa? Yeroon akksii baay’ee waan nama gammachiisuuf namoonni hedduun cidharratti argamuun isaanitti tola. Misirroonni baay’ee miidhaganii argita. Fuullisaaniis gammachuudhaan ifa. Guyyaa kanatti gammaduusaaniirrayyuu, jireenyisaanii gara fuulduraas abdiidhaan guutamee isaanitti mul’ata.
2 Ta’us, yeroo har’aa gaa’elli karaawwan hedduudhaan kan boora’e ta’uunsaa beekamaadha. Misirrootaaf gaarii hawwinus, ‘Gaa’elli kun gammachuufi itti fufiinsa kan qabu ta’aa laata?’ jennee yaadda’uun keenya hin oolu. Deebiin gaaffii kanaa abbaan manaafi haati manaa gorsa Waaqayyoo gaa’elaaf kennutti amanamuufi hojiirra oolchuusaaniirratti kan hundaa’edha. (Fakkeenya 3:5, 6) Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu yoo barbaadan akkas gochuunsaanii barbaachisaadha. Amma deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan arfan armaan gaditti argamaniif kennurratti haa xiyyeeffannu: Namni tokko gaa’ela kan dhaabbatu maaliifi? Gaa’elaaf nama akkamii filachuu qabda? Gaa’elaaf akkamitti qophaa’uu dandeessa? Hiriyoonni gaa’elaa gammachuu akka argatan kan isaan gargaaru maalidha?
Namni Tokko Gaa’ela Kan Dhaabbatu Maaliifi?
3. Sababii ga’aa hin taaneen gaa’elatti seenuun sirrii kan hin taane maaliifi?
3 Namoonni tokko tokko, gammachuu argachuuf gaa’elli dirqama barbaachisaa akka ta’eefi gaa’elaa qabaachuu baannaan gammachuu argachuu hin dandeessu jedhanii yaadu. Kun matumaa dhugaa miti. Yesus inni qeentee ture qeentee ta’uun kennaa akka ta’e erga dubbatee booda, fudhachuu kan danda’u haa fudhatu jechuun gorseera. (Maatewos 19:11, 12) Phaawulosis faayidaa qeentee ta’uun qabu ibseera. (1 Qorontos 7:32-38) Yesusis ta’e Phaawulos namni tokko qeentee ta’uu qaba jedhanii seera hin baasne; kanaa mannaa ‘fuudhaafi heeruma dhowwuun’ barumsa ‘hafuurota hamoo’ keessa tokko akka ta’e ibsameera. (1 Ximotewos 4:1-3) Ta’us, qeentee ta’uun namoota yaannisaanii utuu hin hiramin Yihowaa tajaajiluu barbaadan hundaaf faayidaa argamsiisu baay’ee qaba. Kanaaf, sababii ga’aa hin taaneen, jechuunis dhiibbaa hiriyaatiin gaa’elatti seenuun sirrii miti.
4. Gaa’lli gaariin ijoollee guddisuuf bu’uura akkamii ta’a?
4 Karaa kaaniinimmoo, gaa’ela dhaabbachuuf sababii ga’aan jiraa? Eeyyee. Gaa’elli, kennaa Waaqa keenya isa jaalala qabeessa ta’erraa kennamedha. (Uumama 2:18) Kanaaf, faayidaa kan qabuufi eebba kan argamsiisudha. Fakkeenyaaf, gaa’elli gaariin jireenya maatiif bu’uura hunda caaludha. Ijoolleen naannoo jaalala, adabaafi qajeelfama warrasaanii argatanii tasgabbiidhaan itti guddatan argachuu isaan barbaachisa. (Faarfannaa 127:3; Efesoon 6:1-4) Haata’u malee, gaa’elli kan hundeeffamu ijoollee guddisuuf qofa miti.
5, 6. (a) Akka Lallaba 4:9-12rratti ibsametti, michummaa gaariin faayidaa akkamii argamsiisa? (b) Gaa’elli akka fo’aa dachaa sadiin walittti fo’amee ta’uu kan danda’u akkamitti?
5 Caqasa matadureen boqonnaa kanaa irratti hundaa’eefi yaadawwan naannooosaatti argaman haa ilaallu: “Wanti lama ta’anii itti dadhabanii hojjetan gatii gaarii waan qabuuf, lama ta’uun kophaa ta’uu irra in wayya; inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa; nama yommuu kufu lafaa isa kaasu hin qabneef garuu wayyoo! Namoonni lama walii wajjin yoo ciisan, wal in ho’isu, nama kophaa isaa ciisutti garuu, attamitti ho’uu danda’a ree? Namni tokko nama kophaa adeemu tokko humna caalee yoo kuffise, warri lama ta’anii adeeman isaan mormuu in danda’u; fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame dafee hin citu.”—Lallaba 4:9-12
6 Caqasni kun caalaatti faayidaa michoomni qabu ibsa. Dhugaadha, gaa’ela caalaa wanti nama walitti michoomsu hin jiru. Caqasni kun akka argisiisutti, tokkummaan akkasii gargaarsa, jajjabinaafi eegumsa argamsiisa. Keessumaa, gaa’elli tokkummaasaanii kana caalaa cimina kan argatu wanti itti dabalamu tokko yoo jiraatedha. Caqasa kanarra hubachuun akka danda’amutti, fo’aaan dachaa lamaan fo’ame cituu danda’a. Dachaa sadiin yommuu walitti fo’amu garuu salphaatti hin citu. Kaayyoon abbaa manaas ta’e haadha manaa inni guddaan, Yihowaa gammachiisuu yoo ta’e gaa’ellisaanii fo’aa dachaa sadiin walitti fo’ame ta’a. Yihowaan kutaa gaa’elichaa waan ta’uuf tokkummaansaanii baay’ee jabaata.
7, 8. (a) Phaawulos Kiristiyaanota qeentee fedhii saalqunnamtii wajjin qabsaa’aniif gorsa akkamii barreesse? (b) Macaafni Qulqulluun gaa’ela ilaalchisee dhugaa akkamii ibsa?
7 Saalqunnamtiin gammachuu dhugaa kan argamsiisu, gaa’ela keessatti qofadha. Saalqunnamtiin gaa’ela keessatti raawwatamu kun, akka madda gammachuutti ilaalamuu danda’a. (Fakkeenya 5:18) Namni qeenteen, fedhii saalqunnamtii Macaafni Qulqulluun umrii heeruma ykn “fuudha ga’ee” jedhee waamu erga darbee boodas, fedhiin kun waan itti dhaga’amuuf to’achuun itti ulfaachuu danda’a. Fedhiin akkasii to’atamuu baannaan wanta qulqulluu ykn gocha sirrii hin taane raawwachuutti isa geessuu danda’a. Phaawulos hafuura qulqulluun kaka’ee namoota qeentee ta’aniif gorsa akkas jedhu barreesseera: “Of qabuu hin danda’an yoo ta’e garuu haa fuudhan, haa heerumanis; kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya.”—1 Qorontos 7:9, 36; Yaaqoob 1:15.
8 Sababii namni tokko akka fuudhu isa taasisu maaliyyuu yoo ta’e, gaa’elaaf ilaalcha sirrii qabaachuunsaa gaariidha. Akkuma Phaawulos barreesse namoonni gaa’ela dhaabbatan “jireenya isaaniitti rakkinni isaan argata.” (1 Qorontos 7:28) Namoonni gaa’ela dhaabbatan rakkoowwan namoota qeenteerra hin geenyetu isaanirra ga’a. Gaa’ela dhaabbachuu yoo filatte garuu, rakkoowwan hir’isuufi gammachuu gaa’elarraa argattu guddisuu kan dandeessu akkamitti? Karaan inni tokko nama hiriyaa gaa’elaa godhattu ogummaan filachuudha.
NAMA AKKAMIITU HIRIYAA GAA’ELAA GAARII TA’A?
9, 10. (a) Phaawulos balaa namoota hin amannee wajjin hariiroo cimaa qabaachuu geessisu fakkeenyaan kan ibse akkamitti? (b) Gorsa Waaqayyoo cabsuudhaan nama hin amanne hiriyaa gaa’elaa godhachuun yeroo baay’ee rakkina akkamii geessisa?
9 Phaawulos, seera bu’uuraa hiriyaa gaa’elaa filachuuf akka qajeelfamaatti gargaaru hafuura qulqulluun geggeeffamee yeroo ibsu, “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jechuudhaan barreesseera. (2 Qorontos 6:14) Fakkeenyi inni itti fayyadame, wanta qonnaarratti mul’aturratti kan hundaa’edha. Horiin qaamaanis ta’e ciminaan wal hin gitne walitti yoo camadaman lamaanuu ni miidhamu. Haaluma wal fakkaatuunis, namni amanuufi hin amanne gaa’elaan yoo walitti hidhaman walitti bu’iinsiifi rakkoon akka uumamu homaa hin shakkisiisu. Hiriyaan gaa’elaa inni tokko jaalala Waaqayyoo keessatti of eegee jiraachuu kan barbaadu yoo ta’eefi inni kaanimmoo dhimmi kun baay’ee ykn matumaa kan isa hin yaaddessine taanaan, wanti isaan dursa kennuufii barbaadan gargar waan ta’uuf, dhiphinni guddaan uumamuu danda’a. Kanaaf, Phaawulos Kiristiyaanonni ‘nama amane’ qofa hiriyaa gaa’elaa akka godhatan gorseera.—1 Qorontos 7:39.
10 Al tokko tokko Kiristiyaanonni qeenteen jireenya yeroo ammaatti jiraatanii mannaa, nama hin amanne hiriyaa gaa’elaa godhachuu wayya jedhanii murteessu. Tokko tokkos gorsa Macaafa Qulqulluu cabsuudhaan nama Yihowaa hin tajaajille hiriyaa gaa’elaa godhataniiru. Kanaan kan ka’es yeroo baay’ee haalli gaddisiisan isaanirra ga’eera. Namoonni akkas godhan, hiriyaan gaa’elaasaanii wantoota barbaachisaa ta’anirratti akka isaanii wajjin hin dubbanne hubataniiru. Kophummaan isaanitti dhaga’amu, kophummaa utuu hiriyaa gaa’elaa hin godhatin dura ture baay’ee kan caalu ta’a. Kiristiyaanonni qeenteen kumaan lakkaa’aman gorsa gama kanaan Waaqayyo kenne amananii fudhachuudhaan hojiirra oolchuunsaanii nama gammachiisa. (Faarfannaa 32:8) Gaaf tokko gaa’ela akka dhaabbatan abdatanis, hanga hiriyaa gaa’elaa Yihowaa waaqeffatu argatanitti qeentee ta’anii jiraatu.
11. Hiriyaa gaa’elaa ogummaadhaan filachuuf maaltu si gargaara? (Saanduqa fuula 114rra jirus ilaali.)
11 Tajaajiltoonni Yihowaa hundi Dhuga Baatota waan ta’aniif qofa hiriyaa gaa’elaa gaarii ta’u jechuu miti. Gaa’ela dhaabbachuu barbaannaan, nama Waaqayyoon jaallatu, akkasumas amalaafi galma hafuuraa ati qabduu wajjin wal fakkaatu qabu filadhu. Gama kanaan hojjetaa amanamaan barumsawwan baay’ee barbaachisoo ta’an waan qopheesseef, yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’an kanarratti kadhannaadhaan erga yaaddee booda, murtoo barbaachisaa ta’e kana gochuurratti akka si geggeessan heyyami.a—Faarfannaa 119:105.
12. Biyyoota hedduu keessatti aadaa akkamiitu argama? Gama kanaan fakkeenya Macaafa Qulqulluu isa kamtu akka qajeelfamaatti gargaara?
12 Aadaa biyyoota hedduutti, nama ijoolleesaaniif hiriyaa gaa’elaa ta’u warratu fila. Aadaawwan akkasii keessatti, filannoo baay’ee barbaachisaa ta’e kana gochuuf warri ogummaa guddaafi muuxannoo akka qaban amanama. Gaa’elli filannoo warri godhaniin hundeeffamu akkuma bara durii har’as gaarii ta’a. Abrahaam, ilmasaa Yisihaqiif haadha manaa akka barbaaduuf hojjetaasaa erguunsaa, har’aas warra haala wal fakkaatu keessatti argamaniif fakkeenya gaarii ta’a. Abrahaamiin kan yaaddesse qarshii ykn ulfina argachuu hin turre. Kanaa mannaa, namoota Yihowaa waaqeffatan keessaa durba ilmasaatiif haadha manaa taatu argachuuf karaa dheeraa deemeera.b—Uumama 24:3, 67.
GAA’ELA MILKAA’INA QABUUF QOPHAA’UU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
13-15. (a) Seerri bu’uuraa Fakkeenya 24:27rra jiru, dargaggeessa fuudha yaadu kan gargaaru akkamitti? (b) Durbi tokko, gaa’elaaf of qopheessuuf maal gochuu dandeessi?
13 Gaa’ela dhaabbachuuf jabeessitee kan yaaddu taanaan, ‘Dhugumaan qophaa’eeraa?’ jedhii of gaafadhu. Deebiinkee ilaalcha jaalalaa, fedhii saalqunnamtii, hiriyyummaa ykn ijoollee godhachuuf qabdurratti qofa kan hundaa’e miti. Kanaa mannaa, galma murtaa’aa namni hiriyaa gaa’elaa ta’uuf jiru kamiyyuu irratti yaaduu qabu jira.
14 Dargaggeessi fuudha yaadu seera bu’uuraa, “Maasii qopheeffattee, waan ittiin jiraattu hamma argattutti mana hin dhaabbatin!” jedhurratti of eeggannoon yaaduu qaba. (Fakkeenya 24:27) Akkas jechuun maal jechuudha? Bara sanatti namni tokko ‘mana dhaabbachuu’ ykn maatii godhachuu yoo barbaade, ‘Qophii haadha manaafi ijoollee gara fuulduraatti godhannu jiraachisuuf na dandeessisu godheeraa?’ jedhee of gaafachuu qaba. Maasiifi waan ittiin jiraatu dursee qopheeffachuu isa barbaachisa. Seerri bu’uuraa kun har’as ni hojjeta. Namni fuudha yaadu itti gaafatama gaa’elaa fudhachuuf of qopheessuu qaba. Hanga humnisaa heyyameefitti hojjechuu qaba. Dubbiin Waaqayyoo, nama maatiisaa qaamaan, miiraafi hafuuraan hin kunuunsine nama hin amanne caalaa hamaa ta’uusaa argisiisa!—1 Ximotewos 5:8.
15 Durbi heerumuuf murteessites itti gaafatama hedduu fudhachuuf walii galti. Macaafni Qulqulluun, haati manaa yommuu abbaa manaashee gargaartuufi maatiishee kunuunsitu amalawwaniifi ogummaa ishee barbaachisan tokko tokko jajee dubbata. (Fakkeenya 31:10-31) Dhugumayyuu, dhiirriifi durbi itti gaafatama isaanirraa barbaadamuuf qophii utuu hin godhin jarjarsuun gaa’elatti seenan, hiriyaa gaa’elaasaaniitiif maal akka godhan waan hin yaanneef ofittoodha. Hunda caalaatti garuu, namoonni gaa’ela dhaabbachuu yaadan seera bu’uuraa Waaqayyo baase gaa’elasaanii keessatti hojiirra oolchuuf of qopheessuu qabu.
16, 17. Namoonni gaa’ela dhaabbachuu barbaadan hundi seera bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo kamirratti xiinxaluu qabu?
16 Gaa’elaaf qophaa’uun, itti gaafatama Waaqayyo haadha manaafi abbaa manaaf kennerratti yaaduu dabalata. Dhiirri tokko, mataa maatii Kiristiyaanaa ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’e sirriitti hubachuu isa barbaachisa. Kana jechuun garuu maatiisaa cunqursa jechuu miti. Kanaa mannaa, fakkeenya Yesus mataa ta’uudhaan raawwate hordofuu qaba. (Efesoon 5:23) Dubartiin Kiristiyaana taates, ga’ee guddaa haadha manaa ta’uudhaan raawwattu hubachuu ishee barbaachisa. ‘Seera ittiin abbaa manaasheetti hidhamteef’ bitamuuf fedhii qabdii? (Roomaa 7:2) Durumayyuu, seera Yihowaafi Kiristos jala jirti. (Galaatiyaa 6:2) Aboo abbaan manaashee maaticharratti qabummoo seera garabiraa isheef ta’a. Nama cubbamaa ta’e kana deggeruufi aboosaa kanaaf bitamuuf fedhii qabdii? Fedhii hin qabdu taanaan heerumuu hin qabdu.
17 Kana malees, hiriyaan gaa’elaa kamiyyuu wanta isa kaaniif caalaatti barbaachisu guutuuf of qopheessuu qaba. (Filiphisiiyus 2:4) Phaawulos, “Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!” jechuun barreesseera. Phaawulos, qajeelfama Waaqayyo biraa argateen, abbaan manaa, haati manaasaa ulfina akka isaaf kennitu akka itti dhaga’amu akka barbaadu hubateera. Haati manaas abbaan manaashee akka ishee jaallatu beekuu barbaaddi.—Efesoon 5:21-33.
Dhiiraa fi durbi hedduun gaa’elaaf yeroo wal qoratan namni kan biraan isaanii wajjin akka jiraatu godhu
18. Durbiifi dhiirri tokko yommuu wal qoratan amala of qabuu argisiisuu kan qaban maaliifi?
18 Kanaaf, yeroon itti gaa’elaaf wal qoratan qoosaadhaan qofa darbuu hin qabu. Yeroon kun dhiiraafi durba tokkoof akkamitti akka wal kunuunsan yeroo itti baratan, fuudhuu ykn heerumuun sirrii ta’uufi dhiisuusaa yeroo itti hubatanidha. Akkasumas, yeroo itti amala of qabuu argisiisanidha! Qaamaan walitti dhihaachuun uumamaan kan jiru waan ta’eef, qorumsi gama kanaan isaan mudatu salphaa miti. Ta’us, namoonni garaadhaa wal jaallatan wanta hariiroo namni jaallatan sun Yihowaa wajjin qabu balleessu raawwachuurraa of qusatu. (1 Tasaloniiqee 4:6) Gaa’elaaf wal qorachaa jirta taanaan amalli of qabuu jireenyakee guutuu kan si fayyadu waan ta’eef, gaa’ela dhaabbattus dhiistus amala of qabuu argisiisi.
GAA’ELLIKEE AKKA ITTI FUFU GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
19, 20. Ilaalchi Kiristiyaanni tokko gaa’elaaf qabu, ilaalcha namoota hedduu addunyaa yeroo har’aatti argamurraa adda kan ta’e akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.
19 Hiriyoonni gaa’elaa gaa’ellisaanii itti fufiinsa akka qabaatu yoo barbaadan, waadaa yeroo wal fuudhan galaniif ilaalcha sirrii qabaachuu qabu. Yeroo baay’ee gaa’elli asoosamaafi fiilmiiwwanirratti gammachuu namoonni yeroo dheeraaf hawwii guddaadhaan eegaa turaniin xumurama. Jireenya dhugaa keessatti garuu, gaa’elli jalqaba malee xumura miti; jalqaba wanta Yihowaan yeroo dheeraadhaaf akka itti fufuuf qopheessedha. (Uumama 2:24) Addunyaa yeroo har’aa keessatti garuu bal’inaan kan hin argamne ta’uunsaa baay’ee nama gaddisiisa. Aadaawwan tokko tokko keessatti, namoonni gaa’ela “funyoo walitti guduunfamee” wajjin wal fakkeessu. Hubachuu baatanis, fakkeenyi kun ilaalcha yeroo har’aatti gaa’ela ilaalchisee babal’ate akka gaariitti kan argisiisudha. Akkamiti? Guduunfaan tokko hanga barbaadametti guduunfamee kan turu ta’us, salphaadhumatti guduunfamuus ta’e hiikamuu kan danda’u waan ta’eef ulaagaa gudunfaa gaariirraa barbaachisudha.
20 Yeroo har’aatti namoonni baay’een gaa’elli yeroof qofa kan turu isaanitti fakkaata. Fedhiisaanii kan guutu waan isaanitti fakkaatuuf utuu baay’ee irratti hin yaadin gaa’elatti seenu; yoo rakkinni isaan mudate garuu battaluma sanatti dhiisanii adeemuu waan danda’an godhanii ilaalu. Ta’us, Macaafni Qulqulluun gaa’ela fo’aa walitti fo’amee wajjin akka wal fakkeessu yaadadhu. Funyoon ykn fo’aan doonii ittiin oofuuf tajaajilu buubbee cimaan yommuu ka’uttillee, akka hin futtaane ykn akka hin hiikamne taasifamee walitti fo’ama. Haaluma wal fakkaatuunis, gaa’elli dhaabbataa akka ta’uuf qophaa’e. Yesus, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jechuusaa yaadadhu. (Maatewos 19:6) Atis gaa’ela dhaabbatteetta taanaan ilaalcha akkasii qabaachuu qabda. Waadaan hin jijjiiramne akkasii gaa’ela ba’aa taasisaa? Hin taasisu.
21. Hiriyoonni gaa’elaa ilaalcha akkamii waliif qabaachuu isaan barbaachisa? Kana gochuuf maaltu isaan gargaara?
21 Hiriyoonni gaa’elaa ilaalcha sirrii waliif qabaachuu isaan barbaachisa. Lamaanuu, amala gaarii hiriyaan gaa’elaasaanii qabuufi carraaqqii inni godhurratti kan xiyyeeffatan yoo ta’e, gaa’ellisaanii madda gammachuu ta’aaf. Amala gaarii hiriyaan gaa’elaa cubbamaa ta’e qaburratti xiyyeeffachuun waan hin danda’amnedhaa? Ilaalchi Yihowaan qabu dhugaarratti kan hundaa’e waan ta’eef, amala keenya isa gaarii akka ilaalu ni amanna. Faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa?” jechuun gaafateera. (Faarfannaa 130:3) Hiriyoonni gaa’elaas, ilaalcha ni ta’a jedhu akkasii qabaachuufi waliif dhiisuu isaan barbaachisa.—Qolosaayis 3:13.
22, 23. Abrahaamiifi Saaraan hiriyoota gaa’elaa yeroo har’aatti argamaniif fakkeenya gaarii kan ta’an akkamitti?
22 Gaa’elli waggoota hedduuf jabaatee yommuu turu caalaatti kan nama gammachiisu ta’a. Macaafni Qulqulluun, Abrahaamiifi Saaraan umrii dullumaa keessa yommuu turan gaa’ela akkamii akka qaban nuu ibsa. Jireenyisaanii matumaa rakkinarraa walaba ture jechuu miti. Saaraan isheen naannoo umrii 60 keessatti argamtu, manashee isa magaalaa Ur ishee soorettii keessatti argamuufi baay’ee mijaa’aa ture dhiistee guutummaa jireenyashee isa hafetti dunkaana keessa yommuu jiraattu, maaltu akka itti dhaga’amu mee yaadi. Ta’us matummaa abbaa manaasheetiif bitamteetti. Abrahaamiif gargaartuu dhugaa ta’uudhaan murtoonsaa fiixaan akka ba’u ulfinaan isa gargaarteetti. Isaaf kan bitamte narraa haa ba’uuf qofa hin turre. “Garaa ishee keessatti” abbaa manaasheetiin gooftaakoo jettee waamti turte. (Uumama 18:12, hiika bara 1899; 1 Phexros 3:6) Ulfinni isheen Abrahaamiif kennitu garaasheerraa kan madde ture.
23 Kana jechuun garuu Abrahaamiifi Saaraan yeroo hundaa wantoota hundaarratti ilaalcha wal fakkaatu qabu jechuu miti. Yeroo tokko Saaraan yaada ‘Abrahaamiin baay’ee rakkise’ dubbattee turte. Ta’us Abrahaam qajeelfama Yihowaan isaaf kenneen wanta haati manaasaa jetteen gad of qabuun fudhateera; kunis maatichaaf eebba guddaa argamsiiseera. (Uumama 21:9-13) Har’as hiriyoonni gaa’elaa, kaan hafee erga wal fuudhanii waggoota hedduu kan dabarsanillee, gaa’ela abbaa manaafi haadha manaa Waaqayyoof bulan kanarraa barumsa hedduu argachuu danda’u.
24. Gaa’elli Yihowaaf ulfina argamsiisu kan akkamiiti? Maaliif?
24 Gumii Kiristiyaanaa keessatti, hiriyoonni gaa’elaa gammachuu qaban kan jiran yommuu ta’u, haati manaa abbaa manaasheetiif ulfina kennitu, abbaa manaa haadha manaasaa jaallatuufi ulfina kennu, lamaanuu hunda caalaatti jaalala Yihowaa raawwachuuf dursa kan kennaniifi kuma hedduun lakkaa’aman jiru. Gaa’ela dhaabbachuu murteessinaan, hiriyaa gaa’elaa ogummaadhaan akka filattu, qophii gaarii akka gootu, gaa’ela Yihowaaf ulfina argamsiisu, akkasumas gaa’ela nagaafi jaalala qabu qabaachuuf akka carraaqxu hawwina. Taanaan, gaa’ellikee jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf kan si gargaaru ta’a.
a Kitaaba Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e boqonnaa 2 ilaali.
b Abbootiin amantaa amanamoo ta’an durii haadha manaa tokkoo ol qabu turan. Yihowaan hariiroo namoota kanaafi Israa’eloota foonii wajjin qabuun tokkoo ol akka fuudhan heyyamee ture. Gaa’ela akkasii kan hundeesse isa ta’uu baatus, garmalee akka itti hin fayyadamne dhowweera. Haata’u malee, namoonni isa waaqeffatan tokkoo ol akka fuudhan Yihowaan akka hin heyyamne Kiristiyaanonni ni hubatu.—Maatewos 19:9; 1 Ximotewos 3:2.