Barumsa 9
Tajaajiltoonni Waaqayyoo Qulqulluu Ta’uu Qabu
Karaa hundumaa qulqulluu ta’uu kan qabnu maaliifii? (1)
Karaa hafuuraatiin qulqulluu ta’uu jechuun maal jechuudhaa? (2) amalaan qulqulluu ta’uunoo? (3) sammuudhaanoo? (4) qaamaanoo? (5)
Qulqullina dhabuusaaniitiin kan ka’e dubbiiwwan dubbachuu dhisuu qabnu kam fa’ii? (6)
1. Yihowaan mudaa kan hin qabneefi qulqulluudha. Warri isa waaqeffatanis—hafuuraan, amalaan, sammuufi qaamaan qulqullinaan akka jiraatan barbaada. (1 Phexros 1:16) Fuula Waaqayyoo duratti qulqulluu ta’anii jiraachuun carraaqqii cimaa gaafata. Kan jiraannu addunyaa xuraa’aa keessa. Kana malees, dhiibbaa fedhiin keenya nurra geessisuu wajjin wal’aansoo goona. Ta’us tattaafachuu keenya dhaabuu hin qabnu.
2. Qulqullina hafuuraa: Yihowaa tajaajiluu yoo barbaanne, barumsas ta’e duudhaa amantii sobaa kamittiyyuu cichinee hafuu hin dandeenyu. Amantii sobaa keessaa ba’uufi karaa kamiiniyyuu amantii sobaa deeggaruurraa fagaachuu qabna. (2 Qorontos 6:14-18; Mul’ata 18:4) Dhugaa waayee Waaqayyoo ibsu eega argannee booda, namoota barumsa sobaa barsiisaniin gowwomfamnee akka hin kufneef ofeeggachuu nubarbaachisa.—2 Yohannis 10, 11.
3. Qulqullina amalaa: Yihowaan warri isa waaqeffatan yeroo kamiyyuu Kristiyaanota dhugaa ta’uusaanii amalasaaniitiin akka mirkaneessan barbaada. (1 Phexros 2:12) Wanta namni utuu nunargin dhoksaadhaan hojjennu hunda ni arga. (Ibroota 4:13) Sagaagalummaafi gocha xuraa’aa addunyaa kanarratti fudhatama argatanirraa fagaachuu qabna.—1 Qorontos 6:9-11.
4. Qulqullina sammuu: Sammuun keenya yaada qulqulluudhaan yoo guutame, amalli keenyas qulqulluu ta’a. (Filiphisiiyus 4:8) Yaadawwan qulqulluu hin ta’inirratti yoo xiinxalle garuu gocha gadhee hojjenna. (Maatewos 15:18-20) Bashannana sammuu keenya xureessu kamirraayyuu fagaachuu qabna. Sagalee Waaqayyoo qayyabachuudhaan sammuu keenya yaada qulqulluudhaan guutuu dandeenya.
5. Qulqullina qaamaa: Kristiyaanonni bakka buutoota Waaqayyoo waan ta’aniif qaamnisaaniifi uffannisaanii qulqullinaan qabamuu qaba. Mana booliitii yeroo deebinu, akkasumas nyaata utuu hin nyaatin, ykn hin xuqin dura harka keenya dhiqachuu qabna. Meeshaa kosii ittiin ofirraa fageessitan yoo dhabdan, kosiiwwan mana boolii awwaaluu isin barbaachisa. (Keessa Deebii 23:12, 13) Qaama ofii qulqullinaan eeguun fayyaa namaaf argamsiisa. Manni Kristiyaana tokkoo, keessisaas ta’e bakkeensaa qulqulluu ta’uu qaba. Saba naannoo sana jiruuf fakkeenya gaarii ta’uu qaba.
6. Dubbii qulqulluu: Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo hundumaa dhugaa dubbachuu qabu. Warri soban Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan. (Efesoon 4:25; Mul’ata 21:8) Kristiyaanonni dubbii ciiggaasisaa hin dubbatan. Qoosaa yeellaasisaa yookiin oduu jibbisiisaa hin dubbatan yookiin hin dhaggeeffatan. Sababii haasaasaanii isa qulqulluutiin bakka hojiisaaniitti, mana barumsaafi naannoosaaniitti addaan baafamanii beekamu.—Efesoon 4:29, 31; 5:3.
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Tajaajiltoonni Waaqayyoo karaa hundumaan qulqulluu ta’uu qabu