LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rq barumsa 10 ful. 20-21
  • Gochawwan Waaqayyo Jibbu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gochawwan Waaqayyo Jibbu
  • Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Michoonni Waaqayyoo Wanta Gadheerraa Ni Fagaatu
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Qumaara
    Dammaqaa!—2015
  • Qumaarri Cubbuu Dhaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
rq barumsa 10 ful. 20-21

Barumsa 10

Gochawwan Waaqayyo Jibbu

Gochawwan Waaqayyo gadheedha jedhuuf ilaalcha akkamii qabda? (1)

Wal qunnamtiin saalaa dogoggora ta’an kamfa’ii? (2)

Kristiyaanni tokko soba akkamitti ilaaluu qabaa? (3) kasaaraa? (3) hatuu? (3) lola? (4) amantii hafuura xuraa’aa? (5) machii? (6)

Namni tokko gocha gadhee dhiisuu kan danda’u akkamitii? (7)

1. Tajaajiltoonni Waaqayyoo wanta gaarii ta’e hundaa ni jaallatu. Wanta hamaa ta’e jibbuu garuu barachuu qabu. (Faarfannaa 97:10) Gochawwan Waaqayyoo jibbu isaanis jibbuu qabu. Gochawwan kun kam fa’ii?

2. Ejja: Seera fuudhaafi heerumaa malee walqunnamtii saalaa raawwachuun, sagaagalummaan, horii yookiin firaa wajjin walqunnamtii saalaa raawwachuun, akkasumas, gadhaawummaan cubbuu cimaa Waaqayyorratti hojjetamanidha. (Lewwoota 18:6; Roomaa 1:26, 27; 1 Qorontos 6:9, 10) Dhiirriifi dubartiin tokko utuu wal hin fuudhiin kan waliin jiraatan yoo ta’e, gargara ba’uu ykn seera fuudhaafi heerumaatiin wal fuudhuu qabu.—Ibroota 13:4.

3. Soba, Kasaaraa, Hanna: Yihowaan sobuu hin danda’u. (Tiitoos 1:2) Namni Waaqayyo biratti fudhatama argachuu barbaadus sobuu hin qabu. (Fakkeenya 6:16-19; Qolosaayis 3:9, 10) Namni kasaaraa kamiyyuu xabatu yaada ofittummaatiin kan qabamedha. Sababii kanaan kan ka’e, Kristiyaanonni waan akka lotorii, horii qabsiisanii fardaan dorgomuufi kasaaraa akka biingoo kamirrattiyyuu hin hirmaatan. (Efesoon 5:3-5) Akkasumas Kristiyaanonnii hin hatan. Utuu hin heeyyamsiisin mi’a nama garabiraa hin fudhatan yookiin utuu beekanii mi’a hatame hin bitan.—Ba’uu 20:15; Efesoon 4:28.

4. Dheekkamsa, Lola uumuu: Dheekkamsii to’annaa yoo dhabe gara lolaatti geessa. (Uumama 4:5-8) Namni lola kaasu Waaqayyoo wajjin michoomuu hin danda’u. (Faarfannaa 11:5; Fakkeenya 22:24, 25) Namoonni yeroo hamaa nurratti hojjetan haaloo ba’uuf tarkaanfii fudhachuun dogoggora.—Fakkeenya 24:29; Roomaa 12:17-21.

5. Dawweessaafi Amantii hafuura xuraa’aa: Namoonni tokko tokko, warra dhukkubsatan fayyisuuf humna hafuurota xuraa’ootiin gargaaramu. Warri kaanimmoo diinonnisaanii akka dhukkubsatan gochuuf yookiin ajjeesuuf qoricha itti hojjechiisu. Humni akkasii kun Seexana biraa dhufa. Kanaafuu Kristiyaanonnii gocha kana fakkaatanirratti hirmaachuu hin qaban. (Keessa Deebii 18:9-13) Dawweessaa namoonni garabiraan nurratti hojjetanirraa eegumsa argachuuf karaan hunda caalu walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu cimsuudha.—Fakkeenya 18:10.

6. Machii: Daadhii, biiraa yookiin dhugaatii alkoolii xiqqoo dhuguun dogoggora miti. (Faarfannaa 104:15; 1 Ximotewos 5:23) Humnaa ol dhuguufi machaa’uun garuu Waaqayyo duratti cubbuudha. (1 Qorontos 5:11-13; 1 Ximotewos 3:8) Humnaa ol dhuguun fayyaa kee miidhuu isaarrayyuu maatiikee ni diiga. Kana malees, salphaa dhumatti qorumsa garabiraatiin akka kuftu sitaasisa.—Fakkeenya 23:20, 21, 29-35.

7. Namoonni gocha Waaqayyo gadheedha jedhe raawwatan “Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.” (Galaatiyaa 5:19-21) Dhugumaan Waaqayyoon kan jaallattuufi isa gammachiisuu kan barbaaddu yoo ta’e gochawwan kanarraa fagaachuu ni danddeessa. (1 Yohannis 5:3) Wanta Waaqayyo jibbuu baradhu. (Roomaa 12:9) Namoota Waaqayyoof bulanii wajjin walitti dhufeenya qabdu jabeessi. (Fakkeenya 13:20) Karaa kanaan Kristiyaanota ga’eessota ta’an michoomffachuun sigargaaruu danda’a. (Yaaqoob 5:14) Hundumaa caalaattimmoo, gargaarsa Waaqayyo karaa kadhannaa kennutti amanami.—Filiphisiiyus 4:6, 7, 13.

[Fakkii fuula 20rra jiru]

Waaqayyo machii, hanna, kasaaraafi lola ni jibba

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi